Raashiyaan xiyyaaraan buufataalee boba'aa Yukireen haleelte

Haleellaa qilleensaa Odessa

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Waraana Yukireen irratti maarii nagaa gaggeeffamaa jiru irratti marii gaggeessan Yukireen, mariachi sadarkaa Pirezdaant Volodoyimer Zelenskii fi Vilaadmiir Puutiin waliin mari’achuu danda’anirra ga’uu mala jechuun ibsaniiru.

Mari gaggeessaan Raashiyaa Vilaadmir Mediinkii garuu haalli jiru akkana miti jedhu.

“Wiixineen waliigaltee kanaa marii olaanaatti dhiyeechuuf qophaa’aa miti,” Medinskiin Telegram irratti maxxanseera.

Waraana kanaan Raashiyaan xiyyeeffannoo ishee gara baha Yuukireenitti geeddarteetti – keessumaa naannoolee gurguddoo Luhaniskii fi Doneski kan daangaa gara kibbaa irraa kaasee hanga kabaatti diriiranii jiranidha.

Gara naannoo Donbas jedhamee beekamu kanatti siqachaa deemuun kun waraana kana dheeressuu mala jetti US.

Sanbata kaleessaa ibsa kennaniin Pirezdaant Zeleenskiin ''Karoorii loltoota Raashiyaa maalidha? Donbas fi kibba Yuukireen to’achuu barbaadu,'' jedhaniiru.

''Diinni kun dhibbaa isaa gara bahaatti dabaluuf akka qophaa’eeru beekna.''

Yuukireen humnootni ishee naannoo magaalaa gudditti Kiyeev jiru hunda deebisanii akka to’atanii fi humnootiin Raashiyaa magaalota ijoo keessaa ba’uu isaanii ibsiteetti.

Akka humnootiin Raashiyaa naannoolee qabatan keessa yeroo ba’aa jiranitti, ragaaleen ajjechaa namootaa nagaa agarsiisan– yakka waraanaa ta’e – hedduumataa jiru.

Gaazexeessitoonni magaalaa Buchaa keessa jiran, yoo xiqqaate reeffa namoota 20 daandilee irratti argataniiru.

Gama kaaniin haleellaawwan qilleensaa humnootni Raashiyaa bulchiinsa Yukireen magaalaa odolaa Odesa keessatti ganama har'aa raawwataniin buufataaleen boba'aa kuusan rukutamaniiru.

Raashiyaan Yukireen keessatti buufataalee bobaa'aa waraanni Yukireen itti fayyadamu irratti xiyyeeffachuu himteetti.

Hoogganoonni Yukireen miidhaa haleellawwan kanaan qaqqabe hanga ammaa hin jiruu jedhu.

Viidiyoon BBC’n mirkaneeffame yemmuu humnootni Yuukireen meeshaa waraanaa biritishiin gumaachame fayyadamuun helikooptara Raashiyaa Luhaanski keessatti rukatanii kuffisan kan mul’isu fakkaata.

Ministeerri Ittisaa UK Been Waales Bitootessa keessa UK’n misaayeloota ittisa xiyyaaraa Yuukireeniif gumaachuu ishee mirkaneessanii turani.

Ministeerri Ittisaa dhimmaa viidiyichaa irratti yaada kennuurraa of qusateera.

Gama biraan Pope Firaansis weerara Raashiyaan Yukireen irratti taasiste hanga tokko qeequun, hogganaan fedhii biyyummaaf jecha waranaa kakasaa jira, jedhaniiru.

Haasaa Maaltaatti taasisanii Pope Firaansis ''Ammas, hoogganaan wayii, feedhii biyyummaaf qabu keessa seenuun, waldhabdee kakaasaa fi babal’isaa jira, yeroo uummati nagaa eegeree boodarra waliin qoodamu ykn baduu danda’u ijaaruun barbaachisaa akka ta’e yeroo hubatanittidha,'' jedhaniiru.

Kana dura Pope Firaansis gara magaalaa gudditti Yuukireen Kiyeevitti imaluuf karoorri akka jiruu fi ''mariirra akka jiran'' gaazexessitootatti himaniiru.