Dhaddachi ajjeechaa Kashooji Turkiitti gaggeefamu akka addaa cituuf gaafatame

Madda suuraa, AFP
Abbaan alangaa Turkii manni murtii Istaanbul dhaddacha ajjechaa Jamaal Kashoojii gaggeessaa ture, shakkamtoonni Sa'uudii Arabiyaa 26 waan argamneef akka addan kutuuf gaafatani.
Himati kun gara Sa'uudii Arabiyaatti dabarfamuu akka qabu abbootiin alangaa eeraniiru.
Gazeexessaa Jamaal Kashoogjii, mootummaa Sa'uudii qeequun kan beekamu yoo ta’u, bara 2018’tti imbaasii Sa'uudii Istaanbul jiru keessatti ajjeefame jedhamee amanama.
Yaada abbootiin alangaa dhiyeessan kana irratti yaada ministeera haqaa Turkii akka gaafatu manni murti ibseera.
Dhaddachi itti anuu Ebla 7 irratti akka gaggeeffamuuf beellamameera.
Qoondaltoonni 26 ajjeechaa itti yaadamee gaggeefamee fi ragaa balleessuun shakkamanii himatamani.
Qondaaltonni Sa'uudii akka jedhanittti Kashoogjiin kan ajjeefame, akka Sa'uudiitti deebi’uuf ergamanii gartuu qondaaltoota “fincilaniin’ dha.
Qorattaan UN, Agnes Kallamaard garuu, “ajjeechaa itti yaadamee, karoorfame taasisame” akka ta’ee fi ilma mootii Sa'uudii Mohaammad bin Salman dabalatee anga’oonni olaanoo ajjeechaa kana irratti hirmaachuu ragaan agarsiisu jira jedhaniiru. Ilmi mootii kana keessa harka akka hin qabne hima.
Mudde 2019tti, Manni murti yakkaa Riyaad “ajjeechaa Kashoojii irratti hirmaachuu isaaniin,” namoota shan irratti murtee du’aa murteesseera.
Ta’us, murteen kun boodarra gara hidhaa umurii guutuutti jijjiirame.
Angaa’oonni Sa'uudii himata kana Taarkii irraa fudhachuuf gaafatanii turani. Abbootiin alangaa akka jedhanitti iyyati isaanii fudhatamuu qaba sababni isaas yakkamtoonni lammilee biyyaa biraa waan ta’aniif, ajaji to’annoo jala oolchuu hojiirraa ooluu hin danda’u akkasumas qoratamuu hin danda’ani.
Bara 2017’tti baqatee kan ba’e Kashoojiin, yeroo dhumaaf kan argame Onkololeesa 2, 2018 irratti yemmuu imbaasii Sa'uudii seenu ture. Kaadhimaa isaa lammii Tarkii, Haatis Keengiiz waliin gaa’ela dhaabbachuuf waraqaalee barbaachisaan fudhachuuf deemee ture.












