Kaadhimaan Jamaal Kashogjii ilmi mootii Sa’ud Arabiyaa akka adabamu gaafatte

Madda suuraa, Rooyitars
Kaadhimaan gaazixeessaa Sa’ud Arabiyaa Jamaa Kashogjii ilmi mootii Sa’udii Mohaammad bin Salmaan, "Kashogjii akka ajjeefamu ajajuusaatiif otoo hin turiin adabamuu qaba," jechuun gaafatte.
‘’Kuni haqa barbaannu fiduu qofaa miti, gochi walfakkaatan akkasii akka deebi’ee hin raawwatamneef," jette Hatiche Chengiz.
Kaadhiman Jamaal Kashogjii dubbii kan kan dubbatte gabaasni dhaabbati basaasaa Ameerikaa (CIA) ilmi mootii Sa’ud Arabiyaa Mohaammad bin Saalman Kashogjiin akka ajjefamu mirkaneessu bahuu hordofuudhaan ture.
Sa’ud Arabiyaan garuu gabaasicha fudhachuu didde.
Ilmi mootii Sa’udii Mohaammad bin Saalman ajjeechaa Kashogjii keessaa qooda qabaachuu haalaa ture.
Kashogjiin Qonstilaa Sa’ud Arabiyaa Istaanbulitti argamutti bara 2018 ajjeefamee reeffisaallee dhabamsiifame.
Gaazixeessaan umuriin isaa ganna 59 ta'e Jamaal Kashogjiin yeroo tokko gorsaa mootummaa Sa’ud Arabiyaa kan ture yoo ta’u, maatii warra mootii Sa’udiitti dhiyeenya guddaa qaba ture.
Haata’u malee, bara 2017 jalqabee Ameerikaatti baqatee ture.
Kashogjiin barruu Waashigteen Poost irratti barreeffamoota imaammata ilma mootii Sa’udii qeeqan barreessa ture.
Kashogjiin barreeffama isaa gaazeexaa Waashigteen Poost irratti maxxanfameerratti hidhamuun mala jedhee sodaa qabaachuu ibsatee ture.
Kaadhimaan isaa Hatiche Chengiz maa jette?
Hatiche Chengiz Wixata wayita haasoftu, "ilmi mootii Sa’udii kan ajjeechaa sukanneessaa nama nagaarratti akka raawwatu ajaje otoo hin turiin adabamuu qaba,"jette.
"Yoo ilmi mootii kun hin adabamne, hunda keenyaaf yaaddoodha," jette.
Qorattuun biyya Tarkii Aadde Chengiz hoggantoonni addunyaa ilma mootii Sa’udiirraa fagaachuu qabu, qoqqobbii Sa’ud Arabiyaa adabu irra kaa’u qabu jetti.
"Bulchiinsa Baayidan irraa kaase hoggantoonni biyyoota adduunyaa ilma mootii Sa’udii Mohaammad bin Saalman harka qabatanii nagaa gaafachuuf qopha’uusaanii of gaafachuu qabu," jetti.
‘’Namni kamiyyuu harkasaa lapheerra keewwatee, ilmi mootii Sa’udii akka adabamu duuluu qaba," jetti.
Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayidan ilma mootii Sa’udii Mohaammad bin Salmaan kallattiin adaburratti murtii hin dabarsine jechuun Paaartii Dimokiraatotaa keessaa qeeqni irratti dhiyaata jira.
Jimaata darbe gabaasni basaasa erga gadhiifame as bulchiinsi Baayidan gorsitoota ilma mootii Sa’udii i namoota ajjaechaa Kashogjii keessatti qooda qabu jedhaman qoqqobbi irratti dabarseera.
Senetarrii Dimokiratotaa Maark Warner, Af-yaa’iin Koree Basaasaa Seneetii biyyattii, "ilma mootii Mohaammad bin Salmaan irratti qoqqobbiin biraa dabarfamuu qaba jedheen yaada," jechuun Fox Newstti Dilbata himeera.
Miseensonni Paartii Rippaabilikaanotaas Joo Baayidan qoqqobbii dabalata akka dabarsan waamicha dhiyeessaniif jiru. Bulchiinsi Bayidan Wixata waaree booda dhimma kanarratti akka ibsa kennu ni eegama.
Pirezedant Baayidan mootii Sa’udii Mohaammad bin Saalmaan torban darbe bilbilaan haasofsisuun, "US mirgi namoomaa akka kabajamuufi olaantummaan seeraa akka kabajamu," dubbachuusaanii Waayit Haawus ibseera.












