Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiin Ertiraa Girmaay nama Afriikaa dorgommii Geent-weel mo'ate ta'e
Lammiin Ertiraa Biiniyaam Girmaay dorgommii bishikileetii guyyaa Beejiingi -Geent-Wevelgem keessatti Dilbata kaleessaa gaggeeffameen dorgomaa Afriikaa yeroo jalqabaatiif injifate ta'e.
Biiniyaam Girmaay injifannoo dorgommii bishikileetii isaa kanaan seenaa haaraa galmeessutuu himame.
Girmaay injifannoo isaa hordoofuun gaaffiifi deebii taasiseen ''kan hin amanamneefi kan nama dinquudha. Kana hin eegne ture,'' jedheera dargaggeessi umuriinsaa waggaa 21 kun.
''Guyyaa Jimaataa ture karoora kiyya kaniin geeddare. Kan dhufnees bu'aa gaariidhaaf. Dorgommichis bareedaafi kan hin amanamneedha,'' jedheera Biiniyaam.
Biiniyaan dorgomtoota osoo kilomeetirri 30 hafuu gara fuulduraatti afur keessaa tokko kan ture yoo ta'u, dorgommicha xumuuf wayita kilomeetirri 250 hafu jidduu bahuun injifachuu danda'eera.
Intermarche-Wanty Gobert injifannoon dorgomaa cimaa Biiniyaam Girmaay ''keessattuu dorgomtoota bishikileetii Afriikaatiif jijjirama olaanaa ni fida'' jechuun yaada kennani.
Dorgomaan bishikiliitii Jumbo-Visma, Kiriistofar Laapoorti hanga dhumaatti Biiniyaam waliin dorgommulleen lammaffaa ta'uun dorgommicha xumureera.
Dorgommiin Geent-Wevelgem kan dheeriina kiloomeetira 248.8 torban dhufu keessa kan eegaluufi dorgommii guddaa Beejiingi Tuur of Filaandars jedhamuuf akka qophaa'utti lakkaa'ama.
Dorgommii jalqabaasaa daandii dhagaa (koobilii) irratti kan taasisee Biiniyaam, ''Koobiilii irratti rakkadheen ture. Natti hin tollee ture,'' jedheera.
''Dhumarrattis warri kaan cimoo ta'usaanii beekulleen miirri ofitti amanuu natti dhagahamee ture.''
Biiniyaam dorgomii itti aanuu Filaandarsi jedhamu irratti hirmaachuuf hin galmoofne.