Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fayyaa: Dhaabbata wal'aansaafi kunuunsa manguddootaa maatii jiruutti ko'oommatan fure
Wiintaa Tasfaayee adaadaan ishee wayita dhukkubsattee turte kunuunsa dhabuun miidhamtee akka turte yaadatti.
Miseensonni maatii jiruu mo'achuuf oliifi gadi waan jedhaniif adaadaa dhukkubsatteef kunuunsa kan godhu hojjettuu manaa turte.
Adaadaan ishee jabduu akka turte kan himtu Wiintaan, ta'us garuu kaasanii dhaqna dhiquuf, nyaata lachuufiif, akkasumas kunuunsawwan biroof gargaarsi namaa isaan barbaachisa ture.
Hojjettuun manaa qulqullina adaadaa ishee eeguu, yeroo eegdee nyaata lachuufii qaamni ishee akka diddiriiru gochuuf akka rakkattu himti Wiintaan.
"Baay'ee miidhamte ture.Nyaata fudhachuu irratti nu rakkifti ture. Gulukoosiin ishee baay'ee gadi bu'ee ture. Dhangala'aa fudhachuurrattis nu rakkifti turte."
Haala kana keessatti ture ollaa isaaniitti wiirtuun dhukkubsattoota kunuunsuufu wal'aanu banamuu kan dhageesse.
Akkuma adaadaa Wiintaa wal'aansi baqaqsanii hodhuu kan isaan barbaachisu Obbo Yassufantaa Bisraatis gara wiirtuu Girees jedhamu kanaa kan dhufan kunuunsiifi wal'aansi walirraa hin citne waan isaan barbaachisuuf.
Wiirtuun wala'aansaa fi kunuunsaa dhukkubsattootaa fi manguddootaa Girees dhaabbata kunuunsaa fi wal'aansa dhukkubsattoonni akkasumas manguddoonni jaaran argachuu qaban duuka bu'ee kennudha.
Tajaajila akkamiitu kennama?
Itoophiyaa keessatti miseensi maatii tokko waan dhukkubsateef ykn dulloomeef jecha gara wiirtuu kunuunsaa geessuun wan barame miti.
Haata'u malee wiirtuun kun jiraattota jiruu magaalaatiin ko'oommatanii yeroo itti maatiifi firoottaan isaanii dhukkubsatan ykn ammoo dulloomanii manatti hafan kunuunsan dhaban obbaafachiisee jira.
Wiirtuu kanatti kunuunsi wal'aansi fayyaa barbaachisu wal-faana kennama jetti hundeessituun wiirtuu kanaa Dr Tsiyoon Salamoon.
Hiriyaa isaanii waliin ta'uun dhaabbata kana hundeessuu kan himtu Dr Tsiyoon, 'Nursing home' ykn mana kunuunsaa kana sababni hundeessaniif tokko weerara Koronaa ta'uu BBCtti himteetti.
Wayita weerarri koronaa hammaatee ture dhukkubsattoonni gara dhaabbilee fayyaa deemuu waan sodaataniif hakimoota isaaniin wal-arguuf rakkatanii akka turan himti.
Sababni biraa hospitaala keessa hojjetan keessatti namoonni firoota isaanii nama isaaniif dhukkubsachiisu dhabanii jiruun isaanii yoo jeeqamu arguu dubbatti.
Keessumaayyuu namoonni firootni isaanii biyya alaa jiran, biyya keessaa nama isaan kunuunsu hin qabne yoo rakkatan waan arganiif manni kunuunsaa jiraachuu qaba jedhanii murteessuu himti.
Kanarratti abbaan hiriyaa ishee dhukkubsachuun sababa isa ijoo ta'uus yaadatti.
"Abbaa isaa kophaa yoo dhukkubsachiisu, bahee hojii hojjechuuf yoo rakkatu argeera," jetti Dr Tsiyoon. Hojii hojjechuu waan hin dandeenyeef baasii yaalaaf barbaachisu argachuu irrattis rakkoon isa mudatee ture jetti.
Sababoota kanaa dhaabbata tajaajila kunuunsaafi wal'aansa fayyaa wal-faana gatii madaalawaan kennu hiriyaa ishee waliin ta'uun banuu himti.
Dhaabbata kana keessatti namoonni sababa dullumaan kunuunsi isaan barbaachisu akkasumas hordoffii hakiimaa dhiyootti barbaadan tajaajila argatu.
Namootni gara dhaabbata kanaa dhufan nyaata ogeessaan qophaa'eefi sirna nyaataa qaama isaaniif tolu akka argatan himti
Itoophiyaa keessa aadaan namoota gara wiirtuu akkasii geessuu jiraachuu dhabuun qormaatawaan dhaabbaticha mudatan keessaa tokko
Ishee dabalatee hakimoonni biroo sadii fi narsoonni jaha akka hojjetan kan himtu Dr Tsiyoon gara fuulduraatti dhaabbata akkasiin guutummaa Itoophiyaa akkasumas Baha Afrikaa waliin gahuuf mul'ata qabdi.
Namootni gara dhaabbatichaa dhufan Koovid irraa bilisa ta'uun isaanii mirkanaa'ee, akkasumas hospitaala kan turan yoo ta'e ragaa fayyaa isaanii fidanii akka dhufan taasifama jedhan.
Adaadaan Wiintaa erga gara Girees deemanii ji'a sadi ta'eera. Amma fayyaan isaanii fooyya'aa jiraachuu himti.
"Fayyaa isheetiif murtii sirrii murteessine. Amma tarkaanfachuu yaalaa jirti, haalli nyaataa ishees fooyya'eera," jechuun dubbatti Wiintaan.
Obbo Yassufantaanis "akka maatiitti" kunuunsi godhamaafi akka jiru dubbatu.