Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbabach Goobanaa, Iddaayyee - jechoota ijoollee isaan guddisaniin
Itoophiyaa keessatti wiirtuun kunuunsaa fi guddisa daa'immanii kan jalqabaa akka ta'e himamu kan ijoolleen abbaa fi haadha hin qabne keessatti guddatan Abbabach Goobanaan hundaa'e.
Ka'umsi kanaas wayita sababa amantaaf jecha gara Walloo bataskaana Gishan Maariyaam deeman ture.
Yeroos naannoon sun beelaan hubamee waan tureef osoo deebi'aa jiranii daa'ima haadha jalaa duute bira dhaabbatee boohu arganii fudhatanii gara mana isaanii galan.
Daa'ima biraa abbaa isaa beelli jalaa ajjeese bira dhaabbatee boo'us dabalatan.
Kanaan hin dhaabbanne, waggaa tokkotti lakkoofsi daa'imman isaanii 21 gahe. Haala kanaan waggoota 30 dabraniif garraamummaa fi jaalalaan daa'imman kumaatamaan lakkaa'aman guddisaniiru.
'Ijoollee Iddaayyee'
Tsahaay Tufaa ijoollee Abbabach Goobanaa guddisan keessaa tokko. Ijoolleen isaanii maqaa jaalalaa 'Iddaayyee' jedhuun isaan waamu.
Daa'imman waliin hariiroo jabaa akka qaban kan himtu Tsahaay, miira ijoollee hundaa, miidhama isaanii, gaddaa fi gammachuu isaanii sirriitti hubatu turan jetti.
"Jabina, rakkoo keessa darbuu, qormaatni kamuu yoo nama mudate injifachuun akka danda'amuu fi naamusa isaan irraa baradheera," jetti.
Barumsashee idileen cinaatti ogummaa maxxansaa fi beeksisaa horatteen waggoota dheeraaf isaan waliin hojjechaa turte.
Osoo weerarri dhibee Covid-19 hin dhufiin dura ijoolleen Iddaayee walgahanii yeroo yeroon dhaqanii gaafachaa turan.
Erga vaayirasichi Itoophiyaa galuun mirkanaa'ee booda garuu fayyaa isaaniif jecha namni alaa dhaqee akka isaan hin daawwanne dhorkame.
Baatii tokko dura wayita Iddaayyeen vaayirasichaan qabamanii mana yaalaa galanii turan dhaqxee dubbistee akka turte Tsahaay miira gaddaan yaadatti.
"Jabduu halkanii guyyaa hojjetan turan, har'a haati keenya boqotaniiru," jechuun imimmaan ofirraa haqachaa BBC'tti dubbatte.
Du'a isaanii obbolaawwan ishii biroorraa akka dhageesse himti.
Raaheel Birhaanuu ijoollee Iddaayyee keessaa kan birooti. Inuma warra jalqabaa keessaa ta'uu hin ooltu.
"Akkamiin akkan isaan bira dhufe hedduu hin yaadadhu," kan jettu Raaheel, "akkuma haadhaatti kunuunsanii na guddisan" jetti.
Rakkoo hedduu waliin akka dabarsanillee, gaarummaa hedduu arguu dubbatti.
Barumsa isaantu barsiise, hanga ganna 18 guutuuttis isaanuma bira jiraachaa turte.
Osoo silaa isaan jiraachuu baatanii, jireenya "yaaduunuu ni ulfaata" jetti.
"Haadha haadha caaltun argadhe. Yeroon abbaas haadhas hin beeknetti na argatan" jetti.
Namoota garraamii lamaan ... akkam carroomuudha?
Yeroonsaa bara Kaaba Itoophiyaatti sababa beelaatiin namoonni hedduun buqqa'anii Wallagga qubatan ture.
"Haadholiin hedduun afaan daa'imman isaanii keessaa harma baasanii nu hoosisaa turan... akka ijoollee isaaniitti ture kan nu guddisan," jette.
Haasawa ishii keessaa jechoonni abbaakoo Dr Kaarl fi haadhakoo Iddaayyee jedhan hin dhabamani, atileet Alam Ashabbir.
Daa'imummaa ishiitiin hawaasni naannoo waan qabaniin gargaaraa erga turan booda, wayita hundeessaan 'Namni Namaaf' Dr Kaarl Hanz Bam naannicha daawwachuu dhaqan, daa'imman itti kennaman keessaa Alam tokko.
Dr Kaarl gara magaalaa Mattuu geessanii dawoo guddisa daa'immanii Abdii Boruu jedhamutti galchan.
Abbaa ishii Dr Kaarl waliin hedduu akka waliigaltu himti. Ganna tokko fudhatanii Shaggariin bahan.
"'Harmeen gootni tokko jirti, Shaggar geesseen si agarsiisa, mucaan koo achitti akka barattun barbaada' jedhanii na geessan" jetti.
"'Akkumakee manaajaara, mahaandisii godhii naaf guddisi' jedhanii Iddaayeetti na kennan jetti Alam.
Ganna Iddaayyee waliin erga dabarsiteen booda, gara Mattuu deebi'uuf filannoo qabaattullee, achuma turuu filatte.
"Iddaayee baay'een jaaladha. Halkan ka'anii Waaqa kadhatu. Amantaa isaaniitti jabduu turan, ogumni isaanii na hawwatee asuma osoon isaan bira jiraadhee jedheen hafe," jetti Alam.
Osoo homtuu itti hin hir'atiin hiree daa'imman hedduun hin argatiin argattee qananiin akka guddatte himti.
Kadhannaa guyyuu
Iddaayee irraa Waaqa sodaachuu, tokkummaa jaalala biyyaa fi ofitti amanamummaa akka baratte himti.
Iddaayyeen guyyaatti yeroo sadi Waaqa akka kadhatan kan himtu Alam, "biyya keessa walakkaashii jannata nuu godhi, daangaa ishii abiddaan nuuf tiksi, uummata keenyaa fi biyya keenya nagaa nuu godh. Nus nama Waaqa sodaatu, kan nama kabaju, kan biyya fayyadu nu taasisi" jechuun yeroo mara akka kadhatan himti.
Ijoollee gataman, kan qarree du'aarra turaniifi rakkoolee gara garaa keessa turan ofitti fudhatanii 'fakkeenyummaa isaaniin' guddisaniiru.
Iddaayyeen ijoolleen isaanii akka fedhii isaaniitti akka guddatan ture. Alam ammoo fiigicha jaalatti.
Fiigicha kanan filadhe maqaa abbaa fi haadhakoo (Dr Kaarl fi Iddaayyee) dhoofsisuuf ture jetti.
Iddaayyeen fedhi ishii waan baraniif leenjisaa mindeessanii fi akka shaakaltu godhanii akka turan yaadatti.
Alam atileetii maaraatoonii beekamtuudha jechuun ni danda'ama. Atileetota maqaa gurguddaa horatan waliin biyyoota hedduu keessatti fiigdee injifannoo gara garaas argatteetti.
Barliin, Singaappor, NiwuYoork, Haamburg fi Woolfisbarg iddoowwan itti fiigdee fi injifannoos itti galmeessifte keessaa kan eeramanidha.
Miidhama miilasheerra gaheen gahuumsashee duraatti deebi'uu baattus ammas ispoortii hin dhiifne.
Isheef milkaa'inni bakka yaadan gahuudha. Wanti guddaan "jaalala biyyaa fi namaaf jiraachuudha" jetti.
Abbaa fi haadha ishee faana dhahuun atileetota humna hin qabne walitti qabdee waliin hojjechuuf yaada qabdi.
Sababa koronaan hanga yaadde socho'uu dhabdus kilabii atileetiksii Itiyoo-Kaarl jedhamu hundeessuun sochii eegalteetti.
Iddaayyeen haala kanaan qonnaan, bulchiinsaan, seeraa fi ogummaa adda addaan ogeeyyii hedduu biyyaaf gumaachanii jiru.
Alam maqaa Abbabach Goobanaanis hojjechuuf karoora qabdi. Maqaa isaanii hin dhoofsisfnu taanaan gaafas du'an jechuudha jetti.
Wiirtuun kunuunsa daa'immanii Abbabach Goobanaa sadarkaa addunyaatti badhaasawwan 70 fudhachuu kan himtu Alam, san dachaan daballee 140n gahuu qabna jetti.
Dr kabajaa Abbabach Goobanaa Covid-19n qabamuun yaalamaa osoo jiranii Dilbata Adoolessa 05 bara 2021 addunyaa kanarraa du'aan boqotan.
Sirni awwaalcha isaanii Adoolessa 07 bara 2021 Finfinnee Bataskaana Sillaasee Kaateediraalitti raawwatamuun dura, Addabaabayii Masqalaatti sirni gaggeessaa kabajaan godhameefi jira.