Waraana Kaaba Itoophiyaa: Konkolaataawwan deeggarsa fe'an Maqalee seenaa jiru - Mootummaa

Maxxanfame

Konkoolaataawwan deegarsa nyaataafi boba'aa fe'an Samaraa irraa ka'uun gara Maqaleetti imalaa jiraachuu Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksiise.

Ibsa waajjirri ministirichaa baasee kanaan, konkolaataawwan deeggarsa nyaataa fa'en 20 fi kanneen boba'aa fe'an sadii guyyaa Bitooteessaa 17, 2022 karaa Afaar, Samaraa irraa gara Maqaleetti imalaa jiru jedhe.

Akka ibsa kanaatti, fedhii deeggarsa namoomaa naanicha keessa jiru guutuuf guyyaatti konkolaatawwan deeggarsa namoomaa fe'an 40 gara naannichaatti akka imalan ni taasifama jedheera.

Hogganaan Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Tediroos Adihaanoom, dhiheenya kana yeroo ammaa kanatti kutaa addunyaa kanaa kamuu caalaa Tigraayiitti fayyaan namootaa sadarkaa yaaddeessaa irratti argama jedhanii turan.

Dr Tediroos ibsa Roobii darbe kennaniin, dhaabbanni isaanii qoricha meetirik toonii kuma 95 gara naannoo Tigraayiitti geessuuf hayyama dhabusaa dubbataniiru.

Dr Tediroos guyyoota 500 darbaniif mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa namoota miiliyoona jaha ta'an Tigraay keessa jiraatan irratti qoqqobbii ifa hin taane taasisaniiru jedhan.

Ibsa Dr Tediroos kana hordofuunis mootummaan Itoophiyaa deebii kenneen, "Akkuma nama kamiittuu mirgi wanta argan sadarkaa isaan ilaallatutti ibsuun ni eegama. Haata'u malee, wanti kun hunda-galeessa akka ta'uuf, fakkeenyaaf wanti Tigraay jiru naannoolee Amaaraafii Affaar keessatti raawwatamuusaa kaasuun haqa-qabeessa ta'a,'' jedheera.

Dubbii Himaan Dhimma Alaa Itoophiyaa, Ambaasaadar Diinaa Muftii ibsa kaleessa kennaniin, ''Foo'anii boo'uun barbaachisaa miti. Foo'anii gadduunis sirrii hin ta'u," jedhan.

Kana malees, ''Itti-gaafatamni sadarkaa sanirra jirummoo walabummaa gaafata. Isaaniis sadarkaa sanitti osoo itti yaadanii wayya jechuun alatti wanti nuti jennu hin jiru," jedhan.

Naannoo Tigraay kan waraanni baatiiwwan kudha jahaan dura keessatti eegaleetti hir'ina nyaataafi qorichaatiin namoonni hedduun miidhaaf saaxilamaa jiraachusaanii dhaabbileen gargaarsaa yeroo adda addaatti ibsunsaanii ni yaadatama.

Konkolaataawwan deeggarsa namoommaa fe'an sababii walitti bu'iinsaa karaa Affaarriin itti fufeen walqabatee yeroo adda addaatti akka gara naannichaa hin seeneef danqaa ta'unis himamaa ture.