Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kondomiin kuma dhibba hedduu Keeniyaatti bade barbaadamaa jira
Kondomiin kuma dhibbaan lakkaa'amu, saaphanni busaafi qorichi daranyoo sombaa dolaara kuma 100 baasan Keeniyaati baduun ijoo dubbii ta'e.
Kondomiifi qorichoonni kuni kuusaa Abbaataayitaa Dhiheessii Medikaalaa Keeniyaa (Kemsa) jedhamu keessa kuufameeti kan dhabame.
Meeshaaleen kuni hatamanii gabaa gurraachatti manneen qorichaa dhuunfaatti gurguramuu hin oolle jechuun Fandiin UN farra HIV, TB fi busaarratti hojjetu ibseera.
Dabalataan eejansichi gatii qorichaa akkaan ol guddisuun himate. Qorichoonni tokko tokko dachaa 100'n gatiin isaanii akka ol guddate ibse.
Eejansiin mootummaa himannaa kanarratti homaa hin dubbanne.
Dhaabbati Kemsa jedhamu kuni akkaataa bittaa meeshaalee medikaalaa Covid-19 waliin dhahuu raawwateen bara 2020 ijoo dubbii ta'ee ture.
Caalbaasiin dolaaraa miiliyoona 78 gahan adeemsa sirrii malee namoota dhuunfaafi biznasii siyaasaan hidhata qabaniif kennameera.
Kunis Pirezidant Uhuruu Keniyaattaa boordii dhaabbatichaafi bulchiinsa gubbaa akka diigan taasiseera.
Dhaabbanni UN, UN Global Fund, jedhamu qorichootni badan akka qorataman gaafateera.