US yakkoota humnooti Tigraay naannoo Amaaraatti raawwatan jedhameen yaadda'uu himte

Maxxanfame

Waajjirii Dhimma Alaa Ameerikaa haleellawwan humnootiin TPLF naannoo Amaaraa keessatti raawwataniiru jedhame yaaddeessoodha jedhe.

Ibsi motummaa Ameerikaa baasee kunis gabaasan dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Amanastii Intarnaashinaa badiin humnootiin TPLF naannoo Amaaraa keessaatti raawwatan kan yakka waaraatiin wal gituu jechuun ibsa baasee hordofeeti.

Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa baasee kanaan, gabaasa Amanastiin baaseen hidhattoonn TPLF waliin hidhata qaban haleellaawwan saalaa bu'uurreeffatan dabalateebadiiwwan raawwataniiru jedhama na yaaddeessee jira jedhe.

Motummaan Ameerikaa qaamooleen waraaanaa keessatti hirmaatan hundinuu sarbama namoomaa namoota nagaa irratti raawwatan akka dhaabaniif gaafachuu, kanneen badii kana qaqabsiisaniiru jedhamanis qoratamuun seeraatti akka dhiyaataniif bulchiinsi Baayidan ejjannoo cimaa qabaachu ibseera.

Motummaan Amerrikaa kanaan dura tibba waraanaa Tigraayi loltoonni Ertiraafi Itoophiyaa akkasumas humnootiin Amaaraa sarbamni isaan namoota nagaa irratti raawwataniiru jedhame na yaaddeesseera jedhee ture.

Aminanstiin gabaasa torban darbe baaseen, humnootiin Tigraay gara naannoo AMaaraa seenuun wayita turaniitti ajjeechaafi dirqiidhaan gudeeduun yekka raawwataniiru jechuun ibsee ture.

Aminanastiin humnootiin Tigraay magaaloota Amaaraa keessatti argama hedduu keessatti namoota nagaa ta'e jechuun ajjeessuun, dubartootaafi shamarran gareedhaan gudeeaniiru akkasumas qabeenyaawwan dhunfaafi kan motummaa barbadeessaniiru jechuun baasee ture.

Hidhattoonni TPLF waliin hidhata qaban kunneenis wallakkeessa Hagayyaatii hanga jalqaba baatii Fulbaanaatti Magaaloota Cinaafi Qobbootti akkasumas eddoowwan naannichatti argamaniitti haleellaa kanneen kan raawwatan jedheera.

Kanaanis sarbama mirgaatiif itti gaafatamoo kan ta'e TPLF garuu namoota nagaa irratti akka hin kiyyeeffannee ibsuun, ajjeechaawwaniifi haleellaawwan saalaa naannawwan kanneeniitti raawwatamaniiru jedhamanis qorannoofi qululleessuu barbaachisa jechuun deebii kenneera.

Ibsa Waajjira Dhimmoota Alaa Tigraayiin baheerratti gochaawwan jedhaman kunneen namoota nagaa irratti raawwatamaniiru yoo ta'e, TPLF miidhamtoota waliin dhaabbachuu gochaan jedhamu kun akka qoratamuufi qaamni yakkicha raawwate seerratti akka dhiyaatuuf ni hojjata jedheera.

Waraanni Tigraay baatiiwwan kudha shan dura eegalamee gara naannoolee ollaa Afaariifi Amaaraa ce'uun badii namoomaa fi qabeenyaa olaanaa qaqabsiiseera.

Loltoonni motummaa faderaalaa, humnootii naannoo Amaaraa, waranaa Ertiraa fi humnootii TPLF kanneen waraanaa keessatti hirmaatan sarbama mirga namoomaa olaanaatiin itti gaafatamoo ta'u qaamoolee adda addaatiin himatamaa turan.