Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Noor Muqaddam: Intalli dippiloomaatii gaaffii gaa'ilaa dhiyaateef waan diddeeef mataan irraa murame
Manni Murtii Paakistaan namicha intala dippiloomaatiif gaaffii gaayilaa dhiyeessee isheen didnaan gudeedee mataa irraa mure du'aan akka adabamu murteesse.
Dargaggeettiin ganna 27 intala dippiloomaatii duraanii biyyattii taate Noor Muqaaddam gaaffii gaa'ilaa ilma maatii dureessa biyyattii ta'e Zahiir Jaafeer irraa diyaateef diduu isheetiin gara jabinaan ajjeefamte.
Mataan irraa muramuu dura, reebamuufi dirqiinis gudeedamuun ishee ibsameera.
Ajjeechaan kun mana ilma dureessa biyyattiitti Adoolessa bara darbee raawwatame. Viidiyoona CCTV yeroo isheen harkaa bahuuf tattaafattu agarsiiseera.
Ajjeechaan Muqaaddam biyyattii guutuutti dheekkamsa kaasee, nageenya dubartootaa mirkaneessuuf tarkaanfiin akka fudhatamu waamicha guddaa godhameef sababa ta'eera.
Muqaddam maatii sadarkaa olaanaatti jiraatuufi hiriyyoonni isaaniis nama walbeekaniin gara jabinaan ajjeefamuun ishee ji'ootaaf mata duree oduu ta'ee tureera.
Sirni yakkaa Paakisataan keessumaa haleellaa fi yakka dubartootarratti raawwatamu ilaalchisee keessa deebii akka barbaadu akeekeera.
Biyyattii keessatti waggaatti dubartootni dhibbaan lakkaawwaman kan ajjeefaman yeroo ta'u, hin gabaafamu malee kumoota hedduun kan lakkaawwaman ammoo miidhaaf saaxilamu.
'Aareen ture, aalbeeniin ajjeese'
Ajjeechaa ishee duuba hedduun haqasheef gaafachaa turan. Maatiin ishee Islaamaabaad keessatti mana murtii dhimma ishee ilaalu dura namoota hedduu biroo waliin argamanii himannaa Jaafer irratti dhiyaate yoo abbaan seeraa dubbisu dhagahaniiru.
Jaafer Noor Muqaddam erga gaaffii gaa'ilaaf dhiyeesseef erga diddee booda guyyoota lamaaf mana maatii isaa magaalaa guddoorraa siiqee argamu keessa dirqiin tursiisuun himameera.
Dhadda isa tokko keessaa Poolisootaan qabamee yeroo bahaa ture Jaafar gaazexessitootatti ''aareen ture, aalbeeniin Noor ajjeese'' jedhe dubbateera.
Jaaferiin alatti hojjettootni mana isaa lama ajjeechaa kana waan hin dhaabsifneef hidhaan waggaa 10 itti murameera.
Abbaan Noor Shu'aakaat Muqaddam murtee kanaan haqatu injifate jechuun, paakistaan keessatti namootni dubartoota miidhaniifi ajjeesan toluma bilisa ta'anii jiraachuu hin qabanii jedhan.
''Haqni hiree argachuu isaatti gammadeera'' jedhan. ''Kun dhimma inatala koo qofa osoo hin taane dhimma dubartoota biyya kootii.''
Maatiin Jaafer yakka kanaan walqabatee bilisa jedhamuu isaaniirraa komii akka qabanis himaniiru.
Dargaggeessi ganna 30, dhalootaan Paakistaan ta'ee lammummaa US qabu Jaafer murtee isaa kana akka olu iyyatu himeera.