Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kandeel Baalooch: Maatiin ilma isaanii obboleettii isaa ajjeeseef dhiifama godhan
Paakistaanitti rogeettii miidiyaa hawaasaa beekamtuu taate Kandeel Baalooch ajjeesuun hidhaan umrii guutuu itti muramee kan ture obboleessi ishee bilisa bahe.
Bara 2016 obboleettii isaa Paakistaan keessatti akka Kiim Kardaashiyaanitti ilaalamtu maxxansaalee miidiyaa hawaasaa isheetiin maatii keenya qaanessite jechuun kan ajjeese Muhaammed Waseem maatiin dhiifama waan godheef hidhaa akka bahu manni murtii ajajeera.
Bara 2016 harka obboleessa isheetti ajjeefamuun Kandeel Baalooch Paakistaan keessatti rifaatuu yoo uumu, mata duree oduu miidiyaalee idila addunyaa ta'ee ture.
Miidiyaalee hawaasaa hordoftoota kumoota dhibba hedduu qabdu irratti suuraalee, viidiyoofi, yaadawwan safuudha jedhaman maxxansuun kan beekamtu Kandeel, sababa kanaatti lammiilee hedduu Paakistaan biratti beekaamtii argatteetti.
Namoota amantii Islaamaa jabeessanii hordofan biraa mormiin ishee mudachuu kan beektu dubartiin kun gocha isheef takkaahuu dhiifama gaafattee hin beektu.
Obboleessi ishee Waseem jalqaba akka of wallaaltu qoricha obaasee booda hudhee ajjeesuu mana murtiitti amaneera. Sababni ammoo ''maatii Baalooch ulfina dhabsiisuu'' kan jedhuudha. Bara 2019'tti hidhaan umrii guutuu itti muramee ture.
Abukaatoon Waseem BBC'tti yoo himan Manni Murtii Waseemiin hiikuuf kan murteesse maatiin isaa dhiifama gochuufii isaanii erga ibsamee ta'uu beeksise.
Haati Waaseem Aniwaar Bibi, rippoortarootatti murtee darbeen gammaduu himan.
''Gaaffii keenyaan ilmi koo akka gadhiifamu murteessuu isaaf Mana Murtiif galatan galcha.''
Du'a intala keenyaaf ammallee gadda keessa jirras jechuun dubbatan.
Waaseem torbee kana keessa gadhiifama.