Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataa kubbaa miillaa biyyasaaf warqee argamsiise, amma garuu jiraachuuf atobisii oofu
Taphataan kubbaa miilaa beekamaan duraanii Naayijeeriyaa, Kingsley Obiekwu waggaa 25 dura tapha Olompiikiitiin biyyasaaf warqee argamsiisee ture.
Haata'u malee amma maatii isaa jiraachiisuuf jecha konkolaachisaa atobisii daldalaa ta'ee hojjachuuf dirqamu BBCtti hime.
Gaheessi umuriin waggaa 47 kunis osoo konkolaachisaa jiruu torban darbe kana wayita magaalaa bahaa kan taatee Enuguu keessatti argameetti, oduun isaa baayyee qoodame.
Oduu kanaan boodas kaapteeniin kubaa miilaa biyyaaleessaa, Ahimad Musaan akka ittiin of gargaaruuf jecha tabataa duraanii kanaaf doolaara 5,000 eerganiifiiru.
Obiekwuu wayita dargaggeessaa tureetti barnoota isaa osoo hin xumuuriin dhaabuunsaa carraawwan akka dhabu isa taasisuu dubbata.
''Ergan bara 2004tti kubbaa miilaa keessaa soorama baheen boodaa fi koorsii leenjisaa kiyyoo UKtti xumureen booda, bara 2008tti gara Naayijeeriyaattiin deebii'e. Garuu Kilabiin Pirimeer Liigii nan hin simanne. Isaaniis akka leenjiisaatti baayyee akkan hin beekamne natti himan.
"Hirriyaan kiyyas akkan akaadaamii kubaa miilaa sadarkaa gadaanaa hisaa keessatti akkan leenjisuuf carraa naaf kenne. Yeroo sanaa kaasee hojii argachuuf oliifi gaduuman jechaa jira.
"Hojii kiyya amaa kan kilabii guddattootaa keessatti leenjisuun doolaara 120 ykn maallaqa Naayijeeriyaa Naayiraa 50,000 argadha. Garuu ammoo maatiifi ijoollee afur yunivarsitii baratanan qaba, kanfaltiin argadhus kanaaf gahaa miti.'' jedha.
"Kanaafuu harka kiyya maradhee warra kaan balaaleeffachuurra jedheen amma konkolaachisaa atobisii daldalaa ta'ee hojjachuun maallaqa muraasa argadhuun maatii koo deeggaruuf murteesse,'' jechuun haala keessa darbe hime.
Aab Musaan keennaa taasiisanii baayyee gammaduus dubbateera: ''Kaapiteen Ahimad Muusaa fi lammiileen Naayijeeriyaa biyyaafi biyya allaa jiran, guutasaanii durii yaadachuun na gargaaruuf kaka'usaaniitti baayyee gamadeera.''
Musaan BBCtti akka himaniitti, yeroo daa'imummaa isaatti waan nyaatu argachuuf rakkoo kkeessa waan darbeef amma waan Obiekwu keessa darbaa jiru ni hubata.
Itti dabaluunis tabatoonni kubbaa miilaa dargaggoonni osoo cimanii tabataa jiranu boruu isaanitiif olkaa'uun bara soramaaf akka qophaa'an gorse.
''Tabatoonni kubbaa miilaa dargaggoonni tabatoota duraanii irraa barachu qabu. Kanaafuu boruu isaaniitiif waa qusachuu barbaachisa.
"Waa'ee konkolaataa guddaa, haala jireenya bashannanaa, uffata dizaayinara addaa uffachu hunda dagadhuutii, yoo soorama baatuu jireenya kee jiraachuu eegali,'' jechuun gorsa dhaaman Aab Musaan.