Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hindii: Namoonni 13 cidha dhaqan boolla bu'anii du'an
Bulchiinsa Hindii Utaar Piraadesh jedhamtutti yoo xiqqaate namoonni 13 cidha dhaqan boolla bu'anii lubbuun isaanii darbe.
Akka poolisiin ibsetti, kanneen du'an marti dubartootaafi daa'immanidha. Isaaniis qadaada sibiilaa boollichi itti qadaadamerra taa'anii ture. Boodarra itti ulfaatee keessatti isaan fudhate.
Dabalataan balaa aanaa Kushingaar gaheerratti namoonni lama miidhamaniiru.
Ministirri Muummee Hindii Naarendiraa Moodi duuni namootaa ''laphee nama cabsa'' jechuun gadda ibsan.
Duuni kuni gaafa Roobii galgala sagantaa 'haldi' jedhamee waamamuufi maatiin badhaadhina hawwuuf jecha fuula warra bultii ijaarratan irratti hirdii facaasuun raawwatudha.
Yeroo sibiilichi cabe keessummoonni kaan kanneen boolla bu'an baasuun hospitaala geessanii turan.
Yeroosuma namoonni 11 du'uun isaanii yoo mirkanaa'u lama biroo immoo yaalarra osoo jiranii lubbuun isaanii darbe jedheera poolisiin.
Bulchaan Utaar Piraadesh Yogi Adityaanaat qondaaltonni aanicha balaan itti dhaqqabe maatii warra nama of biraa dhaban akka gargaaran gaafataniiru.
Qondaalli biraa immoo beenyaan ni kanfalamaaf jechuun himan.