Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiin Paakistaan mootummaa qeeqxu Kaanadaatti duutee argamte
Baqattee Kaanadaa kan jiraataa turte Kaariimaa Balooch , bara 2016 dubartii jabduu jedhamuun dubartoota ciccimoo 100 BBC'n waggaatti baasu keessaa tokko taatee eeramtee turte.
Gareen mirga namoomaaf falman akkaataan du'ashee gadi fageenyaan akka qoratamu gaafataniiru.
Dubartiin umrii waggaa 37 Balooch, Lixa Paakistaan naannawa Baloochistaan jedhamurraati kan gara Kaanadaa deemtee, magaalaa Torontoo jiraachaa turte.
Mootummaa fi humnoota waraanaa qeequun beekamti, akkasumas mirga namoota miidhamaniif falmaa turte.
Kaarimaa Balooch dhabamuunshee Dilbata darbe erga gabaafamee booda reeffishee argamuu hiriyoonnishee poolisiitti himaniiru.
Poolisiin waan guyyaa isheen itti dhabamterraa kaasee ture wayita himu, guyyaa Dilbataa daandii magaalaa Torontoo, Bay street, irra deemaa akka turte twitter irratti barreesse.T a'us garuu odeeffannoo bal'aa hin kennine.
Reeffishee bakka itti gatamee argamuu malee, akkaataa du'asheerratti odeeffannoon ifa ta'e hin argamne.
Bakki dhaloota Kariimaa Balooch, naannoon Baloochistaan, lootee seentota hidhatan mootummaarratti qindeessuun beekamti.
Kariimaa Balooch sochii barattootaa Balooch hoogganaa turte, gareen rogeeyyii kun boodarra mootummaadhaan dhabamsiifame.
Paakistaan keessatti rogeeyyii mirga namoomaa ta'aa jiraachuun waan itti cimeef bara 2015 Kaanadaatti kooluu galte.
Rogeeyyiin naannawa Baloochistaan akka jedhanitti waggoota dhiyoo as rogeeyyiin hedduun mootummaadhaan dhabamsiifamaniiru.
Humni waraanaa Paakistaan gaaffii ofiin of bulchuu naannawaa Baloochistaan humna cabseera jechuun komii irratti ka'u waakkateera.
Jiraattonni Baloochistaan hedduunsaanii jiruu fi jireenyisaanii qabsoo uummataan kan walqabatuudha.
Sababa kanaaf mootummaan uummata naannawa kanaa darara, hedduunsaanii eessa buuteen kan dhabameedha.
Kan achi buuteensaanii dhabaman keessaa obboleessi abbaa fi obboleessi haadha Kariimaa Balooch dhabamanii yeroo dheeraa booda reeffisaanii argame.
Erga mootummaan Paakistaan bara 2013 garee sochii barattootaa Baloochistaan dhabamsiisee as miseensonnii fi deggertoonni garee kanaa hedduun eessa buuteensaanii dhabameera.
Ajjeefamuu Kariimaa Balooch ilaalchisuun Amnastii Intarnaashinaal dameen Eeshiyaa Kibbaa twitter isaarratti akkas jechuun barreesse.
''Duuti rogeettii Kariimaa Balooch akkaan nama suukanneessa. Kanaafuu hatattamaan sakatta'amee adda baafamuu qaba. Yakkamtoonni seeratti dhiyaachuu qabu''