Miseensi Mana maree duraanii Sudaan to'ataman

Maxxanfame

Namni siyaasaa fi miseensa mana maree mootummaa siiviliifi waraanaa Sudaan kan waraanaan diigamee kan ta'an to'annaa jala oolfaman.

Firoonni Mohaammad al-Faakii Suleemaan akka jedhaniitti namni siyaasaa kun dhiheenya mana isaa kan Magaalaa guddoo biyyattii Kaartuumii to'atame.

Manni maree mootummaa gamtaa bakka bu'oota siviiliifi waraanaa erga pirezidaantiin duraan Omaar al Baashir aangoo irraa buufamaniin booda biyya akka bulchuuf bakka buufamee ture, Onkolooleessa keessa waraanaan to'atamuunsaa ni yaadatama.

Namni siyaasaa Aab Mohaammad Al-Faakii Suleemaan erga to'atamaniin boodas namoonni siyaasaa kan biraa lamas to'atamuun himameera.

Jarreen amma to'ataman kunneenis qaama taaski foorsii hidhatawwan motummaa duraanii biyyattii Omaar al-Baashiriin ijaarame diiguuf yaalaa turaniidha.

Akkasumas maallaqaa fi qabeenyaawwan waggoota soddoomman bara Al-Baashiri aangoorra turan saamamee deebiisuuf yaalaa turan.

Sudaan erga waraanni Onkoolooleessa darbe keessaa motummaa ce'umsaa irratti fonqolcha raawwateen booda yeroo filannoon itti gaggeeffamuu geeddarusaatiin alattis, biyyattii rakkoolee siyaasaa fi diinagdee cimaa keessa buuseera.

Erga waraanaan fonqolchi motummaa gaggeeffamee kaasees mormiin ummataa hedduun magaalaa guddittii biyyattii Kaartuum dabalatee eddoowwan garaa garaatti gaggeeffamaa ture.

Humnootiin nageenyaa biyyattiis namoota hiriira mormiitiif bahan 80 ta'an akka ajeessan qaamooleen mirga namoomaatiif falaman ni himu.

Akkasumas dubartoota hiriiraaf bahan irratti humnootii nageenyaatiin miidhaan quunnamtii saalaa raawwatamuulleen himatamaa ture.

Fonqolcha waraanaan gaggeeffameen booda marii gaggeeffameen ministirri Mummee biyyattii duraanii Abdallaa Amdook gara aangootti deebii'ulleen mormii ummataa hammaateen wal qabatee aagnoo gadhiisuun isaanii ni yaadatama.