Haadha jaalalleenshee ilmashee ajjeesnaan hidhaa ji'a 16'n adabamte

Maxxanfame

Dubartiin lammii Ameerikaa kan jaalalleenshee ilmashee jalaa ajjeese hidhaa baatii 16’n adabamtee jirti.

Rebeekaa Hoog, nama ganna 29 yoo taatu, Sadaasa keessa ilmashee ganna lamaa Raaydar jedhamu ajjeechaa sadarkaa tokkoffaa, seera Oklahomaa, ‘’daa’ma tiksuu dhabuu’’ jedhuun himatamtee adabbiin irratti murameera.

Gareen gumii miseensota hawaasaa (jury) umrii guutuun haa adabamtu jedhanillee, abbaan seeraa garuu hidhaa ji’a 16’n ishee adabeera.

Adeemsa seeraan yeroon jiini sadii gatii darbeef baatii 13 mana hidhaatti dabarsiiti jechuudha.

Murtoon adabbii yeroo dhagahamaa turetti, Rebeekaan otoo dandeessee gara duubaatti deebite ilmashee du’arraa akka oolchitu dubbatte.

‘’Ilma bareedaa, jabaafi fayyaa qabeessa akka isaa qabaachuu kootti nan boonan ture,’’ jetti akka miidiyaan Normaan Tiraanskiriipt gabaasetti.

‘’Waggaa lamaan darban keessatti dubbiin nagaa naa kenne namni gochaa kana raawwate du’uusaati. Ilmi koo jannata akka jiru beeka, namni suni garuu iddoosaa hin jiru,‘’ jette.

Abbaan seeraa Mikaa’el Tappar yeroo adabbii kennanitti, ‘’mana hidhaa keessatti du’uu hin qabu,’’ jedhan.

‘’Ati hamtuu miti, gatiis qabda,’’ ittiin jedhan abbaan seeraa kuni.

Dubbiin adabbii hidhaa haadha kanaa miidiyaa fi falmitoota mirga dubartootaa irraa xiyyeeffannoo argateera.

Kunis ajjeechaa sadarkaa tokkoffaan, seera ‘’tiksuu hanqachuu’’ jedhuun himatamuu isheeti.

Oklahoomaa keessatti maatiin ijoollee isaanii miidhaarraa yoo eeguu hanqatan, balleessaa qixa nama yakka raawwate sanaan himatamu.

Daa’imni Raayidar jedhamu, bara 2020 gaafa waggaa haaraadha du’ee kan argame.

Haatisaa hojii ishee sa’aatii 12 booda ganama manatti yeroo deebitu ilmishee hafuura baafachaa hin turre. Jaalalleenshee Kiristoofar Tireent achii badee jira.

Daa’imni kuni du’ee guyyaa afur booda, Tireent naannoo 'Wichita Mountains' jedhamutti of ajjeesee reeffisaa argame.

‘’Rebeekaan qulqulluudha,’’ ergaan jedhus muka naannoo sana jiru irratti bocameeti argame.

Qorataan yakka kanaa sababni daa’imni Raayder itti du’e dararaa qaamasaarra gaheen akka tahe yoo ibsan, abbaan alangee Tireent daa’ima kana ajjeese ifadha jedhan.

Haati mucaa, hamma guyyaa du’asaatti jaalalleenshee ilmashee akka dararaa ture hin beeku jette. Tahus mucaashee, qaama isaarra madaa akkas jette hin ibsine argaa akka turte himte.

Abbaan alangee garuu Rebeekaan bilbilasheerratti daa’imni akka dararamaa jiru mallattoowwan agarsiisan jechuun ‘Google’ gootetti kanaaf ilmishee rakkoo keessa akka ture ciicattee ture jedhe.