Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhimmi taphataa adurree dhiitee namoota gidduutti qoodiinsa yaadaa uume
Taphataan duraanii Cheelsii bara kana West Haam gale Kurt Zuumaan adurree mana isaa dhiituun adabbii gurguddaan irratti darbe. Kilabni isaa West Haam paawondii kuma 250 akka adabe miidiyaaleen gabaasaniiru.
Garuu haallitti taphataan kun qeeqame yaada uummata adunyaa bakka lamatti hireera.
Kaan 'jibba sanyummaatu'' hanga kana akka qeeqamu taasise malee taphattootni yeroo dirree keessatti bifa isaaniin arrabsaman duulli akkasii hin taane jedhu.
Kaan ammoo mirga bineeldotaaf jecha taphataan kun yakka hojjeteef himatamuu qaba jedhu.
Poolisiin qorannoo gaggeessuun cinatti namootni 270,00 ol tahanis himanni akka irratti banamuu qabu duula gaggeessaa jiru. Kaampaanii gurguddaan akka Adidas kophee taphaaf hojjetaniifi ispoonsera gochaa turan waliigaltee isaanii adda kutan.
Kana qofa osoo hin taane kaampaanotni akka Vitaaliitii West Haamiif ispoonsera turanis sababuma taphataan isaanii adurree dhiiteef waliigaltee isaanii adda kutuu himan.
Garuu uummatni adunyaa gochaa taphataa kanaa sirrii akka hin taane himanii gariin ammoo haalatti taphataan kun qeeqame mormaa jiru.
Taphataan sarara duraa West Haam Mikaayil Antooniyoon waanti Zuumaan adurree isaa irratti raawwate arraba sanyummaa gaggeeffamaa jiru caalaa hamaadhamoo? jechuun gaafachuu isaa Sky News gabaaseera.
Taphattootni gurraachi kileboota Awurooppaa hedduu keessa taphatan arraba sanyummaaf saaxilamaa turan.
Maarkes Raashfoordi, Jadon Saanchoo, Bukaayoo Saakaa fi torban darbe taphataa ol adeemaa Maanchisyer Yuunaayitid rukuttaa peenaalitii dhabe Antoonii Eelaangaa irratti raawwate kan dhiyeenya yaadatamaniidha.
Qeeqi gama tokkoon dhagahamu gaafa taphataan gurraachi tokko bifa isaan arrabsamu akka dhaabbatuuf duulli hamma kanaa gaggeefamee hin beeku kan jedhu yoo tahu, kaan ammoo bineelda dandeessee of irraa dhorkuu hin dandeenye irratti gochaa akkasii raawwachuun sirrii miti jedhan.
Namni biraa Tiwiitera irratti barreesse tokko akkas jedhe.
''Ani nama kubba miilaa dinqiisifatu miti. Garuu akkan dhagahetti taphataan gurraachi Kort Zuumaa jedhamu tokko adurree dhiituun akka malee adabame. Eeyyee adurree dhiituuni. Garuu waan kanaa gaditti argitan hiriyootni keenya hojjetan ammoo waan sirriidha jechuudhaa? jechuun qeeqe.''
Suuraan fayyadame kun kan yoomii fi eessatti akka tahe garuu hin beekamne.
Obboleessi Zuumaa kilaba Dagenham & Redbridge FC jedhamuuf ittisa irra taphatu Yoan Zuumaa jedhamu tapha irartti akka hin hirmaanneef adabamuu The Sun gabaaseera.
Yeroo Zuumaan adurritti dhiite kan viidiyoo waraabe obboleessa isaa kana tahuus eera gabaasichi.
Qeeqni bal'inaan ka'aa jiru garuu taphataan duraanii Baarseloonaa Luwis Suwaarez nama ciniinuu fi sanyummaan Paatirsi Evraa arrabsuun adabbii taphaa fi paawondii 40 qofatu irratti darbe.
Dursaan taphattootaa Maan Yuunaayitid Haarii Maguwer Giriikitti matta'aa kennuu fi haleellaa saalaan himatamee ture. Ammayyuu dursaa taphattootaa tahuun itti fufe.
Kaampaanotni akka Adidas ispoonsera isaanii adda hin kutne. Homaa adabbiin hin darbine. Kan Zuumaa adda tahee kan ilaalameef ''jibba sanyummaati'' jedhan kaan ammoo.
Dhiyeenya kanas Masoon Giriinwuud, taphataan Maanchister Yunaayitid haleellaa saalaan himatame.
Garuu adabbiin akka Zuumaa irratti darbe takkaa irratti hin darbine jechuun Adidas ''Racist'' jechuun namoota hedduun miidyaa hawwaasaa irratti barreessan.
Zuumaan hamma adurreellee kabaja hin arganne jedhanii kan barreessanis ni jiru.
Qorannoon taphataa kana irratti gaggeeffamaa jiru itti fufeera. Kilabni isaa West Haamis kaampaanota waliin hojjetu gurguddaa dhabe.
Adurreen Zuumaa lameen dhaabbata mirga bineensotaaf falmu harkatti kunuunfamaa jiru.