Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataan Weest Haam adurree isaa yeroo dhiitun erga viidiyoon argamee adurreen isaa harkaa fuudhamte
Taphataan West Haam Kurt Zuumaan osoo adurree manaa isaa tokko dhiituu fi kabaluu viidiyoon mul'annaan dhaabbatni mirga bineensotaaf falmu adurree isaa harkaa fuudhe.
Gochaa taphataa kanaa hordofee dhaabbileen kilaba taphatichaa West Haamiin ispoonsera godhan akka Adidas, Vitaaliitii fi Experience Kissimmee jedhaman waliigaltee isaanii adda kutuu himan.
Miidhaa bineensota irra gahu ittisuuf kan dhaabbatte RSPCA jedhamu pooliisii waliin tahuun dhimma kana qorachaa jira.
Adurreen lamaan amma kunuunsa RSPCA jala jiru,'' jedhe dubbii himaan dhaabbatichaa.
Kilabni Piriimer Liigii West Haam ammoo Zuumaa ''maallaqa guddaa jedhamu'' adabuu himuun innis dhaabbata tola ooltummaa mirga bineensotaaf falmuuf akka galii godhu hime.
Dhaabbatni uffata ispoortii oomishu Adidaas waliigaltee ispoonseraa taphaticha waliin qabu adda kutuu hime.
Qorannoo keenya xumurreerra. Zuumaan kana booda Adidaas waliin waliigaltee akka hin qabne mirkaneesina,'' jedhe dhaabbatichi.
Akkasumas dhaabbatni biraa Experience Kissimmee jedhamu West Haamiin ispoonsera godhee ture ''taatee tibbanaa'' hordofee waliigaltee isaa adda kutuu hime.
Namootni 150,000 tahan oonlaayinii iyyata mallatteessuun Zuumaan himatamuu qaba jedhan. Dabalataan ammoo ispoonsera West Haam kan ture Viitaalitii dhaabbatni jedhamus waliigaltee isaa adda kutuu hime.
West Haam Zuumaan ''tarkaanfii fudhatame keessatti fedha isaan deeggarsa gochuun adurree maatii isaa lameen dhaabbata RSPCA'f kenneera,'' jedhe.
Dubbii himaan RSPCA '' ammas fuuldurattis dursa kan kenninu nageenya adurree kanneeniifi'' jedhe.
Qorannoon waan raawwate irratti akkuma itti fufetti tahee qorannoo fayyaa isaaniif gara mana yaalaa akka geeffaman ibseera.
Viidiyoon isaa osoo miidiyaa hawwaasaa irra hin bahiin dura dhimmicha akka quba qaban himuun qorannicha dursaa akka turan himan.
''Qorannoo ittuma fufnee waan gaggeesinuuf kana caalaa irratti hin kenninu.''
West Haam adabbiin maallaqaa Zuumaan adabame qorannoo dhaabbatni RSPCA'f gaggeesuuf adda bahuu himuun hamma bu'aan qorannichaa xumuramutti adabbii kaan akka tursisan beeksisan.
Itti dabaluun gochaa taphataan isaanii raawwate kana akka balaaleffatan himuun innis hedduu gocha isaan akka gaabbee fi tarkaanfiin barbaachisu akka fudhatamuuf akka deeggaru himaniiru.
Dhimmichas cimsanii akka hordofan himuun RSPCA'n karaa madaalawaa taheen qorannoo isaa akka gaggeessuu fi sadarkaa kanatti homaa yaada kennuu akka hin qabne West Haam gaafate.
Leenjisaan West Haam Deevid Mooyes taphataa internaashinaalaa Faransaay Zuumaadhaan tapha Waatfoordi waliin Kibxata ture irratti taphachiisaniiru. Yeroo taphichaatti deeggartoota kileboota lamaanii irraa mormiin taphataa kana mudateera.
Xiinxalaan kubba miilaa BBC Gaarii Liinker West Haam Zuumaa taphachiisuun ''waan nama rifachiisu'' jedhee kun ''murtoo gurra qabatanii dabarsan'' jedhe.
Dhaabbatni ispoonsera West Haam tahe Viitaaliitiin viidiyoo Zuumaa qoodameen ''mufachuu'' himee ''murtoo kilabichi taatee kana hordofee fudhateenis baay'ee gadduu'' hime.
''Kana irraa ka'uun Ispoonserummaa West Haam waliin qabnu hatattamaan adda citeera'' jedhe.
Tarkaanfii akkamii kilabichi akka fudhatus ittuma fufuun akka hordofan beeksisaniiru.
West Ham Supporters' Trust (WHUST) hamma tarkaanfiin naamusaa kilabichi fudhatu ibsamutti Zuumaan tapha irraa dhorkamuu qaba ture jedhe.
Deeggartoota kubba miilaa fi falmitoota mirga namoomaa dabalatee kumaatamni aarii isaanii ibsataniiru.
Kun dhimmo keessoo kilabichaa miti. Yakka raawwate. Kan dhahame bineelda malee nama miti jechuun callisanii dhiisan,'' jedhe Kiriis Paakhaam, gabaasaan dhimma bineensotaa sagantaa BBC Radio 4 irratti.