Ameerikaan hooggantoota Somaaliiyaa irratti qoqqobbii Viizaa kaa'uuf

Farmaajoo

Madda suuraa, VILLA SOMALIA

Maxxanfame

Mootummaan Ameerikaa aanga'oota, dimokiraaasii Somaaliiyaa irratti danqaa uumaniiru jedhu irra qoqqobbii viizaa kaa'uuf akka jiru beeksiise.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinkeen qoqqobbaan viizaa kunis qaamolee mormitoota irratti badii raawwatan irrattis hojiirra ni oola jedhan.

Qoqqobbiin viizaa mootummaa Ameerikaa kuni kan dhagahame yeroo filannoon biyyaaleessaa Somaaliyaa gaggeeffamu qabu erga waggaa tokkoon tursiifameen booda.

Aangoon pirezidaantii biyyattii Mohaamad Abdullaahii Farmaajoos erga xumuramee waggaa tokko lakkoofsiiseera.

Hidhaa sababa malee Ministira Dhimma Alaa irratti kanneen raawwatan, kanneen gaazexessitootaa fi mormitoota irratti dhiibbaa taasisan, akkasumas adeemsa filannoo irratti kanneen danqaa uuman irratti qoqqobbaan viizaa hojiirra akka oolfamu dubbataniiru.

Akkasumas qoqqobbaan kun miseensota maatii qondaaltotaa irrattillee akka hojiirra oolfamu Antoonii Bilinkan ibsa Somaaliyaa ilaalchisuun baasaniin himaniiru.

''Qoqqobbichi kanneen adeemsa filannoo danqan akkasumas filannichi yeroo qabameefiitti amanamummaa isaa eeggachuun akka gaggeeffamuuf kanneen itti gaafatamummaa isaanii hin bahiin hunda ilaallata,'' jedhan.

Itti dabaluunis kanneen gaazexessitootaafi miseensota paartiilee mormituu doorsiisan, kanneen hidhanii fi dararuudhaan harka keeessaa qaban hundi qoqqobbaan kun ni ilaalata.

''Aanga'oonni mootummaa Somaaliyaa filannoon amanamaa fi ifaa ta'ee akka gaggeeffamu gochu qabu ture,'' jedhan Biliinkan.

Itti dabaluunis biyyisaanii Somaaliyaa keessatti dimokraasiin akka dagaaguuf waliin ta'uuf qophii ta'u himaniiru.

Farmaajoon filannoo pirezidaantiifi kan mana maree dheereessuun aangoorra turuuf murteessuun isaanii Somaaliyaa rakkina siyaasaa keessa galcheera.

Biyyattiin filannoo mana maree hanga Bitooteessa 6tti gaggeessuun gara filannoo pirezidaantii gaggeessuutti akka dabartu eegamti.