Waldaa Kiristiyaanaa Naayijeeriyaa namoota miiliyoona tokko qabatu

Maxxanfame

Waldaan Kiritiyaanaa Naayijeeriyaa al takkaatti namoota miiliyoona tokko qabatu waldaa haaraa dachaa sadiin caalu ijaarsisaa jira.

Naayijeeriyaan biyya Afrikaa diinagdee guddaa qabdu dha. Boba’aa hin tuqamne baay'ee qabdi. Silaa namoonni biyya kanaa soreeyyii tahuu qabu ture.

Kanaafimmoo humnoota biyya alaa komachuun rakkisaa dha. Biyyattii keessa, malaammaltummaa, rakkoo bulchiinsa gaarii, yakki akkaan babal’ateeti jira.

Mootummaan lammiilee biyyattiif tajaajila bu’uuraa gahaa tahe waan hin kennineef, qaamota kaanirraa argachuu yaalu.

Naayijeeriyaa keessatti Waldaan Kiristiyaanaa dhaabota iddoo guddaa qaban keessaati. Namoonni biyyanaas amantii isaanii ni jabeessu. Waldaan Kiristiyaanaa, ‘Redeemed Christian Church of God’ jedhamu baay'ee guddaa warra jedhaman keessaati.

Waldaan galma guddaa qabu kuni kiloomeetira tokko dalga kan dheeratu yoo tahu bal’innisaa immoo meetira 500 dha. Ji’a Ji’aanis tajaajila amantaa hordoftoota amantichaaf kenna.

Akka tajaajilaan waldichaa Paastar Seguun jedhanitti waldaan kuni namoota miiliyoona tokkoo ol qabata.

Naayijeeriyaa keessa hordoftoonni amantaa Kiritiyaanaa miiliyoona 80 akka tahan tilmaamama.

Waldaa isa amma jiru dachaa sadiin caalu ijaaruuf akka jiran tajaajilaan waldichaa dubbataniiru.

Yeroo inni haaraa ijaaramee dhumu namoota miiliyoona sadii ol qabata jedhanii akka amanan dubbatu, kana malees, paastarichi, ‘’akka addunyaatti waldaan hamma kanaa gahu jira jedhee hin yaadu,’’ jedhan.

Waajirri muummee waldaa kanaa iskuweer kiloomeetira saddeet irra kan jiru yoo tahu bal’ina hamma ganda tokkoo qaba.

Waldaa kana keessa tajaajilli baankii, hospitaala da’umsaa, buufata televizyinii, iddoo bashannanaa illee jira.

Kana malees waldichi hojiiwwan tola ooltummaa mana barumsaa ijaaruu hanga namoota araada keessa jiran bayyanachiisuutti ni dalaga.