Obomboleetti Madagaskaar rukuteen gandi gutummaatti barbaada’an

Maxxanfame

Obomboleetti Batsiraay jedhamu Sanbata galgala madagaskaar rukuteen, bubbee fi roobni cimaan uumamee yoo xiqqaate namootni 10 du’anii, namootni 50,000 ta’an ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

Kun torban lama keessatti obomboleetti lammaffaa biyyatti rukutee yoo ta’u, buubbee saffisa sa’aatii tokkotti km 235 deemuu fi dambalii cimaan nannoolee qarqara galaanaa jiran rukuteera.

Gandotni tokko tokko guutummaa guututti akka barbada’an gabaafameera. Akka gabaasa tajaajila to’annoo qilleensaa biyaalessaatti, obomboleettiin kun amma tasgabbaa’eera.

Madagaskaar obomboleettii Ana ji’a darbe lubbuu namoota 55 galaafate irraa reefuu bayyaannachaa jirti.

Obomboleettiin Batsiraay magaalaa kibba- lixa Mananjarii rukuteen erga jalqabee guyyootii lamaaf ibsaa malee kan turan yoo ta’u, tajaajilli bishaanis adda citee akka jirus miidiyaaleen biyyatti gabaasaniiru.

Jiraataan tokko akka Rooyitarsitti himetti, manneen barnootaa fi maneen amantaa akka bakka da’ootti fayyadamamuuf turanillee bubbee kanaan baaxiin isaani bubuqqa’eera.

Naannooleen biraa ammoo guutummaa guututti barbada’aniiru.

“Waan boombiin rukutamne fakkaata. Magaalaan Noosii Varikaa %95 barbadaa’eera. Baaxiin maneen ciccimoo jedhamanii bubbeen fudhatameera. Manneen citaa ammoo harka caalaan, guutummaatti fudhatamaniiru,” jechuun gorsaan itti aanaa pireezdaanti Madagaskaar, Wilii Raharijayonaa, Rooyitarsitti himaniiru.

Minsiteerri kunuunsa naannoo Vahinalaa Raharinirina akka BBC’tti himanitti gandootni hedduun guutummaa guututti kan barbaada’an yoo ta’u, isaan keessa gariin bubbeen fudhatamani.

Magaalaa qarqara galaana jirtu Mahanorootti, dambaliin galaanaa ol ka’een bakki awwaalchaa lafa ol ka’aarra ture rukutameera. Marii Viviyaan Rasoyanandirasana, ganna 54, yeroo lolaa kanaan reeffii abba manaa, abbiyyuu fi intala ishee bakkeetti ba’uu agarteetti.

“Bubbee kanaan manni keenya miidhameera. Ammammoo kana tahe” jechuun AFP’tti himeera.

Dhaabbatti to’annoo balaa namootni 48,000 ta’an qe’ee isaanirraa buqqa’uu gabaasus, UN’tti Dhaabbatti Nyaataa Addunyaa (WFP) garuu namootni 150,000 ta’an qe’ee isaaniirra buqqa’uuf akka dirqamuu akka malan himeera.

Namootni qe’ee isaanirra buqqa’an tokko tokko gara wiirtuulee da’oo bakka namootni Amajjii keessa Obomboleetti Aanaa jedhamuun buqqa’an buufatnitti geeffamaniiru

Dhaabbatti WFP namoota gargaarsi isaan barbaachisuuf nyaata qopheesseera, namootni tokko tokko ammoo akka balaa kana jala baqatan taasifameera. UN ammoo xiyyaara lubbuu baraaruuf gargaaru qopheesseera.

Obomboleettiin kun gara lixaatti imaluun, galaana Mozaambiik jirutti Dilbata ni mula’ata jedhamee eegame kan ture ta’us, boodarra gara kibbaatti imaluun Afrikaa hin xuqiin akka darbu tilmaameera.

Obomboolettiwwan hamoo dhiyeenya sababa jijjiirama qilleensa addunyaan uumamaa jiran, qonnaan akka baduu goochuun, naannichatti gatiin nyaataa akka dabaluu fi yaaddoon hanqina nyaataa akka uumamu taasiisuu isaa WFP ibseera.