Warshaan Warqee MIDROC Lagadambii erga hojiitti deebi'ee jiraattonni maal himu?

Taappeellaa warshaa warqee Lagadambii 'MIDROC'
Ibsa waa'ee suuraa, 'MIDROC' miidhaa warshaan Lagadambii jiraatotarraan geessise haalee ture
Maxxanfame

Qabeenya dhaabbata MIDROC kan ta'e warshaan Omisha Warqee (Sookoo) Lagadambii Godina Gujii aanaa Shaakkisoo Ganda Dhibbaa Battee jedhamu keessatti argama.

Warshaan kun warshaalee omisha Warqee Kiiloogiraama hedduu biyyattiif argamsiisu ta'ulleen sababa keemikaala Warshicha keessaa bahuutiin jiraattonni Ganda Dhibbaa Battee rakkoolee dhalootatti darbuuf saaxilamaa turuu himan.

Ganda kana keessatti sababa keemikaala kanaatiin ta'uu eeruudhaan daa'imman hedduun du'aa fi qaama miidhamummaa cimaa, sanirra darbees du'aatii namootaa kaanitiifilleen sababa akka ta'etu himamaa ture.

Rakkoon keemikaala warshicha keessaa bahu ilaalichisuun erga BBC dabalatee miidiyaleen gabaasuun, jiraattoonni miidhaan irra gahe hedduun, keessumaa daa'imman naafa tahan ifatti bahee mul'aachuun dhimmichi xiyyeeffannaa akka barbaadu ifatti kan mul'ise ture.

Sababa kanaanis bara 2017 keessa miidhaa keemikaalli warshichaa jiraattota naannoo fi qabeenyaa uumamaa naannichaa irraan gaheen mormii uummataa kaasuun hanga qorannoodhaan adda bahutti waarshichi akka hojii dhaabuuf murtaa'ee ture.

Ergasiis gareen qorannoo hayyoota Yunvarsiitii ofkeessatti hammate keemikaala warshichaa keessaa bahu fi miidhaa inni geessisaa dhufe akka qoratan ibsamulleen adeemsi qoranichaas ta'e bu'aan isaa karaa iftoomina qabuun yeroo uummataaf ibsamu hin mul'anne.

Qorannoo mootummaan gaggeesseera jedhe kanaan boodas yeroo ammaa Warshichi hojii idilee isatti deebi'uun omisha Warqee itti fufee jiraachuu jiraattonni BBC'tti himaniiru.

Jiraataan Gandichaa kan tahanii fi sababa keemikaala warshicha keessaa bahuun miidhaan lubbuu fi qabeenyaa maatii isaaniirra gahaa turuu kan himan Obbo Ikkoo Balakkoo, warshichi deebi'ee banamus rakkoon inni haawaasa naannoo irraan gahu wanti furame hin jiru jedhan.

"Jalqaba loon kiyya afurtu bakka balfi warshichaa yaa'u sana seenanii du'an. Ergasii Obboleessi kiyya kan warshicha keessa hojjetu ijoollee afur natti dhiisee du'e. Sababuma keemikaala warshichaatin. Ilmi kiyya tokko balficha keessa bu'ee qaamnisaa gubate. Ijoolleen kiyyaa lamatu akkas ta'e" jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira albuudaa fi inarjii godina Gujii Obbo Mabraatuu Roobee warshichi akka jaalqabu kan taa'e gaaffii hawaasa naannootiin akka ta'ee fi namoota sababa keemikaala warshichaatin miidhamaniifis beenyaan akka kanfalame himu.

Jiraattonni gandichaa garuu beenyaan kanfalaame hammaan baayyee xiqqaa kan ta'eefi namoota miidhaan irra gahe hunda kan hammate miti jechuun komatu.

"Warshichi erga hojii jalqabee bubbuleera.Ummata mariisisne jedhanii namoota muraasa magaalatti mariisisaa turan. Kanaan ala warshichi humnumaan baname jechuu daandeessa," jechuun dubbata jiraataan naannichaa Sharuu Marqoos.

"Akkaataa waadaa seenameen qorannoon taasifame sun iftoominaan bu'aan isaa uummataaf hin ibsamne. Beenyaan amma isaan kanfalanis iftoomina hin qabu. Namootuma muraaasa filatanii keessa keessaa kanfalani," jechuun itti dabala.

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Ilmoo godhachuun yaaddoo nutti ta'ee jira'

Ittigaafatamaan waajjira albuudaa fi Inaarjii Godina Gujii garuu Komii hawaaaasaa kana hin fudhatan. Warshichi gaaffii hawaasaatiin marii uummata wajjin irra deddeebiin taasifameen booda wal hubannaarraa erga gahameen booda akka deebi'ee banamu tahe jedhan.

"Warshichi kan baname bu'a qorannoo akkasumas gaaffii uummata irratti hundaa'ameeti. Ogeessotaa fi qaaama dhimmi ilaalu hunda waliin ta'uun warra beenyaan barbaachisuuf beenyaan akka kanfalamu waaaliigalamee ammaa hojiitti deebi'eera," jedhan.

"Akkaataa qorannoo taasifameetiin hawaasa naannoo miidhaan irra gahe akkaataan ittiin gargaaraman kaa'ameera. Uumama naannoo miidhame akkaataan itti deebisamus kaa'ameera. Ammatti dhiibbaan suni harka 100'n hiikameera jechuu miti. Fuulduratti qaama dhimmi ilaalu wajjin kan irratti hojjetamu taha," jedhan.

Beenyaan miidhamtootaaf kanfalame hangami jennee kan gaafanneefis 'Beenyaan akka kanfalamu murtaa'ee jira. Hammamtu kanfalame kan jedhu qaama faayinaansii ilaallata waan ta'eef ani gadi fageenyaan hin beeku' jedhan Obbo Mabraatuun.

Miidhaan warshichi ammaan dura hawaasa naannoo fi qabeenya naannoo irratti geessise yeroo tokkoon kan furamu waan hin taaneef warshichi hojiitti deebi'ee rakkoo isaas adeemsaan akka furaa deemu kallattiin akka kaa'amelleen dubbatan.

"Rakkoon gahe nibeekama guddaadha.rakkoon kuni ammoo si'uma tokkoon furama jechuu miti. Kan darbeef beenyaan kanfalamee akkaataa hawaasni dandamachuu danda'u irratti hojjetamaa jira. Fuula duraaf rakkkoon akkasii akka hin uumamne kubbaaniyyichi irratti nihojjeta. Ammaan booda rakkoon walfakkaatu ni uumama jennee hin amannu," jedhan.

Itti gaafatamaan kominikeeshinii Biiroo Albuuda Oromiyaa Obbo Daawit Lammeessaas yaada qondaalli godinaa jedhaniin walfaakatu nuuf deebisan. Rakkoon amma dura ture karaa hawaasa naannoo fayyaduun akka furamaa jiru eeran.

"Eenyutu miidhame kan jedhu qorannoodhaan adda baheera. Amma kanneen beenyaan kanfalameef nijiru. Kaan ammoo beenyaan kanfalamuufif qulqulleeffamaa jira. Wantoonni sirrachuu qaban baayyeen isaa sirrachaa jiru" Jedhan.

Warshichi erga akka haaraatti hojii jalqabe kanaas lafa babal'ifachuuf yaalii godheen jiraattota naannoo wajjin walitti bu'iinsi uumamee namootni muraasni akka miidhamanii fi kanneen hidhamanilleen akka jiran himu jiraatonni.

Komii jiraattonni kaasan kana garuu qaama mootummaa yookan warshicharraaa qulqulleeffachuu hin dandeenye.

Dhaabanni MIDROC iddoo omisha warqee Lagadambii bara 1989 ture harka mootummaaraa gatii doolaara Ameerikaa miliyoona 172'n waggoota 20'f kan fudhate.