Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaan Abiyyeetti ajajaan humna nagaa UN M/J Kaffaaloon lammii Naajeeriyaan bakka buufame
Bulchiinsa Abbiyyee kan Sudaan fi Sudaan Kibbaa irratti waldhabanitti Mootummoota Gamtoomaniitti (UN)ajajaan humna nagaa kabachisuu kan turan Meejar Janaraal Kafiyaalawu Amdee Tasemmaa kaafamuun Jeeneraalli lammii Naajeeriyaa bakka buufamuu Dhaabbatichi beeksiisera.
Barreessaa Olaanaan UN Antooniiyoo Gutereez lammiin Naajeeriyaa Meejar Janaraala Beenjaamiin Olufemii Saawuuyar ajajaa waraana nagaa kabachiisuu UN Abiyyee taasisuun muuduu ibsa Kamisa baasaniin beeksiisan.
Bulchiinsa Sudaaniifi Sudaan Kibbaa irratti waldhaban Abiyyeetti ergama nagaa kabachiisuu UNf bobba'ee kan ture waraanni Itoophiyaa bulchiinsicha keessaa akka bahuuf Sudaan gaaffachuu ishee hordofee UN waliigalu isaa bara darbe beeksiisuun ni yaadatama.
Yeroo sanattis ibsa Sudaan baafteen, waraanni Itoophiyaa humna nagaa kabachiisaa UN kan biraatiin bakka akka buufamu waliigalusaanii ibsitulleen biyya kam akka ta'e hin himamne ture.
Looltoonni Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman bulchiinsicha keessaa akka bahaniifi waraana biyya biraatiin bakka akka buufaman Sudaan irra deddebiin UN gaafataa akka turte ni yaadatama.
Yeroo sanattis ibsa waajjirri dhimma alaa Sudaan baaseen, ''Yeroo waraanni Itoophiyaa gama baha Sudaaniin karaa daangaa irratti jajjabaataa jiru kanatti eddoo tarsimowaa ta'e jidduugala Sudaan keessa humnooti Itoophiyaa akka jiraatan eyyeemuun sababa kan qabu hin ta'u,'' jedhee ture.
Humnoota nagaa kabachiiftootaa UN bulchiinsa Abiyyee kan qabeenyaa umamaatiin badhaate keessa bobbaase keessaa irra caalaan waraana Itoophiyaati.
Humna kana keessaattis waliigalatti 4,190 kan ta'an kanneen biyyoota garaa garaa irraa babahan yoo ta'an, loltoonni 3,158 fi qondaaltoonni poolisii 7 Itoophiyaa irraa ta'u ragaan dhaabbata UN irraa argame ni mul'isa.
Antooniyoo Gutereez, Meejar Janaraal Kafiyaalawu Amdee Tasamaa tibba ergama dhaabbatichaa keessa turaniitti kutannoofi tajaajila olaanaa, akkasumas hoggansa bu'aa qabeessa argamsiisaniif galata galchaniiru.
Meejar Janaraal Mahaarii Gabramaariyaam bakka bu'uun bara 2012tti ajajummaan kan mudamanii turan Mejar Janaraa Kafiyaalawu, waraanaa Itoophiyaa keessatti waggoota 30 oliif hojii loltummaa akka hojjatanis odeeffannoon marsariitii UN irraa argame ni mul'isa.
Bara 2017 irraa kaasee ammoo Mana Maree Ministeera Raayaa Ittisa biyyaaleessa Itoophiyaa keessatti miseensa ta'uun tajaajilaniiru.
Akkasumas, osoo ajajaa humna nagaa kabachiftoota UN ta'uun hin mudamiin dura, Raayyaa Ittisa Itoophiyaatti kutaa Injinariingii hogganuun, akkasumas ajajaa Izii Lixaa, ajajjaa ittaanaa komaandara jidduugalaa ta'un ittigaafatamummaa adda addaarra tajaajilunsaanii ibsameera.
Bara 2015tti Gamataa Afriikaa jalatti humna nagaa kabachiiftoota Somaaliyaa (AMISON) hogganuunis tajaajilaniiru.
Meejara Janaraal Kafiyaalawu Amdee Tasamaa digriisaanii jalqabaa Akaadaamii Raashiyaa 'Command and Control of Military Unit and Formation' irraa kan argatan yoo ta'u, diigriisaanii lammaaffaa ammoo Yunivarsitii UStti argamu Ashilaand Yunivarsitii jedhamurraa Bulchiinsa Bizinasitiin argataniiru.
Meejar Jeenaraal Beenjaamiin Oliifemii Saawuyer gamsanitiin kanaan dura mana barnootaa hidhannoo waraanaa Naajeeriyaa kan kaaba baha biyyatiitti argamuutti ajajjaa ta'uun tajaajilaniiru.
Kaaba baha Naajeeriyaatti yeroo lama ajajaa birgaadar ta'uun, akkasumas Mootummaa Gamtoomaniitti ergama waraana Laayibeeriyaa irratti waraana Naajeeriyaa hogganuun hojjachuunsaanii ibsameera.
Waraana Naajeeriyaa keessa itti gaafatamummaa adda addatiin kan hojjatan Janaraal Saawuyer Saayinsii Siyaasaatiin digriisaan jalqabaa fi qorannoo Ittisaafi Tarsiimootiin digrii lammatasaanii argataniiru.