Kaaba-baha Keenyaatti haleellaa boombii konkolaataa ummataaarratti qaqabeen namoonni baayyeen du'an

Madda suuraa, AFP
Magaalaa Maandeeraa Kaaba-baha Keenyaa gama Somaaliyaan waliin wal daangessitutti argamtutti haleellaa boombii konkolaataa ummataa irratti raawwatameen namoonni baayyeen du'an.
Gaazexxeessitoonni naanicha jiran akka jedhanitti, boombii dhohe kanaan yoo xiqqaate namoonni sagala du'anii, hedduun ammoo madaa'aniiru.
Konkolaataan ummata deddeebisu kun gara magaalaa Maanderaa kan daangaa irratti argamtuufi irra deddeebiin haleellaan hidhattootaa ishee mudatutti imlaa jiraa ture.
Suuraawwan gaazexeessitoota naannawaa sanatti argamaniin bahan akka agarsiisanitti, qaamni konkolaataa ummataa haleellaan boombichaa irratti raawwatame akka malee miidhameera.
Keenyaa keessatti 'Maataatu' jedhamuun kan beekamu konkolaataan uummata deddeebisu keessaa tokko kan ta'e konkolaataan kun boombii karaa irratti kiyyeeffameen miidhaan akka irra gahe himameera.
Haleellaa raawwatame kanaaf hanga ammaatti qaamni itti-gaafatamummaa fuhate kan hin jirre yoo ta'u, gareen hihataa Somaliyaa Al-Shabaab garuu haleellaawwan poolisootaafi namoota nagaa irratti xiyyeeffatan irra deddeebiin naannawaa sanatti raawwachaa tureera. Kanarraa kan ka'een magaaalaan Maandeeraa Keenyaa keessatti bakka jireenyaaf baayyee hamaa ta'e taasiseera.
Haleellaan boombii konkolaataa ummataa irratti raawwatame kun kan muate kan Ameerikaa fi Firaans dabalatee imbaasiiwwan biyya alaa Keenyaa keessatti argaman baayyeen biyyattii keessatti haleellaan shororkeessummaa raawwatamuu akka malu erga akeekkachiisanii guyyoota muraasaan boodadha.
Akeekkachiisa kana hordofees poolisiin Keenyaa eegumsa nageenyaa barbaachisaa taasisaa akka jiru ibsuun, naagenyi ummatichaa eegamaa akka ta'e eeree jira.
Gareen Somaaliyaa keessa socho'uufi Al-Qaa'edaa waliin hariiroo akka qabu kan himamu Al-Shabaab, kanaan dura magaalaa guddoo Keenyaa, Naayiroobii dabalatee kutaawwan biyyattii gara garaa keessatti irra deddeebiin haleellaa shorrokeessummaa raawwachuun isaa ni yaadatama.

















