Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan namoota viidiyoowwan piraankii miidiyaalee hawaasaarratti gadhiisan 17 hiite
Poolisoonni Iraan viidiyoowwaan dharaan nama wareersan (prank) namoota hojjatanii miidiyaalee hawaasaarratti gadhiisan 17 hidhan.
Viidiyoowwan dharaa namoota wareersan namoonni hojjatan kun ta’iiwwan lubbuu namaa baasu fakkaatu dalaguufi, fuula namaarratti keekii darbachuun namoota naannoo isaanii jiran wayita naasisan mul’ataniiru.
Poolisiin maamiltoonni miidiyaalee hawaasaa kunneen lakkoofsa hordoftoota isaanii guddifachuuf gocha isaaniitiin ’’nama sodaachisanii’’ jedhe.
Qondaaltonni Iraan intarneetii cimsanii to’ataa jiru.
Namoota dharaan warreen biroo naasisan irratti poolisoonni tarkaanfii fudhachuu kan eegalan itti fayyadama miidiyaalee hawaasaarratti to’annoo gaggeessuu hordofuun ture.
Namoonni piraankii Instaagiraamirratti maxxansanii poolisiin to’ataman kun gocha kana wayita raawwatan namoota naannicha turan irratti ajjeechaa dharaa raawwachuu fi keekiifi aayis kireemii fuularratti darbachuun wareersaafi qaanessaa turan jedhame.
Namoota poolisiin to’ate keessaa tokko viidiyoo waraabe otoo miidiyaa hawaasaarratti hin maxxanfamiin nama naasise eeyyama gaafachuufi naasisuu isaaf doolara Ameerikaa 20 kaffaluuf waliigaluu miidiyaa biyyattiif himeera.
‘’Waantin fedhe namoota gammachisuufi hordoftootan inistaagiraamiirratti qabu guddifachuu qofa,’’ jedhe.
Namni piraanki dalaguusaatiin hidha seene tokko immoo balleessa isaa ta’uu amanuun miidiyaa biyyattiitti dubbate.
‘’Eyyama gaafachuutu narra ture,’’ jechuun dhiifama gaafate.
Poolisiin biyyattii gama isaatiin, maamiltoonni miidiyaa hawaasaa to’ataman kun dhimmoota kana sirnaan beekuu qabu ture jedheera.
‘’Namoonni hidhaman 17’n yuunvarsiitii seenanii kanneen barataniifi dhaabbilee bebbeekamoo keesssatti kanneen hojjataa jiraniidha,’’ jedhame.
Namoota dharaan nama naasisan kanneen irratti himannaan amma yoonatti banamuufi dhiisuun hin baramne.
Poolisoonni namoota piraankii dalagan kana to’annoo jala kan oolche Iraan itti fayyadama miidiyaalee hawaasaarratti to’annoo gaggessuu jalqabuu hordofuun ture.
Kamisa dabre poolisoonni Iraan namoota tiwitara gargaaramuun miidhaa qaqqabsiisufi diddaa mul’isaan’’ jedhe shakke 94 to’ateera.
Kanatti dabaluudhaan, poolisoonni ‘’amala sirrii hin taane agarsiisu’’ namoota jedhuun 16 to’atee miidiyaa hawaasaa isaanii cufuu beeksiseera.