Weellisaa beekamaan Gaanaa sababa 'raajii sobaa lubbuun koo balaarra jira' jedhe

Maxxanfame

Weellisaan beekamaan Gaanaa sababa raajii sobaa... lubbuun koo balaarra jiraa jechuun sodaatee baqachaa akka jiru feesbuuk gubbaatti maxxanse. Biyyattii keessa nagaan jiraachuuf wabii akka barbaadus hime.

Weellisaan Charles Nii Armah Mensah maqaa waltajjii Shaataa Weel jedhamuun beekamu ''doorsifni'' irra gahaa akka jiruufi ''hamileen isaa akka miidhame'' beeksiseera.

Weellistuu beekamtuu Biyoonsee waliin aalbama ishee 'Lion King' jedhamurratti gahee kan qabu weellisaan kun Afrikaa fi guutuu addunyaatti dinqisiifattoota horachuu danda'eera.

Sodaarraa kan ka'e baqachaa akka jiru kan hime weellisaan kun, maxxansa isaa feesbuukii kanaan sababa raajii sobaan baqaaf saaxilamuu hime.

Maaltu ta'e?

Xumura ji'a Fulbaanaatti Raajiin biyyattii beekamaan tokko buufata raadiyoo biyyattii keessaa tokkotti dhiyaatee Shaataa Weel ni ajjeefama jechuun dubbachuu maddi oduu biyyattii GhanaWeb gabaaseera.

Raajiin kun kallattiin maqaa weellisaa kanaa dhahuu baatus haalli dubbii isaa Shaataa Weelitti akeeka jedhameera.

Wiixata darbe Poolisiin Gaanaa odeeffannoo weellisaan kun rasaasaan rukutameera jedhamee haasa'amu odeeffachuu beeksiseera.

''Odeeffannoo kana akka dhageenyeen, poolisiin dhimmicha irratti qorannoo eegaleera, kunis hiriyyoota isaa dhiyoo fi miseensota maatii kan dabalatu yoo ta'u hunduu achi buutee isaa akka hin beeknee fi wanna irra gahe jedhames quba akka hin qabne himan'' jedha ibsi Poolisii.

Gareen Poolsii mana Shaata Weel deemus achittis argachuu hin dandeenye jedhameera.

Namootni gariin miidiyaa hawaasummaa gubbaatti dhimmichi gowwomsa (prank) ta'a jedhanii kan haasa'an ta'us, dinqisiifattootni isaa dhimmi isaa isaan yaaddessuu himu.

Afrikaa keessatti raajiiwwan sobaa akkaan baayyachuurraa kan ka'e biyyoota akka Ruwaandaa dabalatee kaan keessattis bakki Paastaroonni raajummaa sobaan tajaajilu jedhame cufamaa ture.

Raajii sobaa dhaabaa jechuun miidiyaa hawaasummaa gubbaatti kan maxxanse weellisaan kun ''eyyen lubbuun koo balaarra jira of oolchuuf baqachaan jira hanga biyyi kun seerri jiraachuu isaa natti agarsiiftutti'' jedhe.

Paastariin maqaan isaa hin ibsamiin kun Shaata Weel Onkololessa 18 jechuunis Wiixata darbe rasaasaan ajjeefama jedhee kan dubbate dhuma ji'a Fulbaanaa akka ta'e himameera.

''Hin gaha (enough is enough) dargaggoonni biyya kanaa amantoota ta'uun isaan dadhabsiiseera, Waaqa barreerra kanuma'' jechuun yaada isaa xumure.