Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keenyaan waraanni Itoophiyaa akka dhaabbatuuf walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jirtu ibsite
Keenyaan rakkoon biyya ollaa ishee Itoophiyaa keessa jiru furmaata akka argatuuf yaalii taasiftu haala tasgabbaa'aa ta'een walitti dhiyeenyaan hojjechuu ishee akka itti futu ibsite.
Ministirri Dhimma Alaa Keenyaa Raachel Omaamoo akka jehanitt, biyyi isaanii waa'ee Itoophiyaa kan hin callisiniifi dippilomaasii tasgabba'aafi qalbiidhaan ta'e fayyadamuun rakkoo biyyattii keessatti uumame akka dhaabbatuuf waliin hojjechuu itti fufti.
Aadde Raachel kana kan dubbatan Jimaata darbe ibsa gaazexaa dhimma imaammata dhimma alaafi hariiroo naannawichaa Keenyaa ilaalchisuun Naayiroobii keessatti kennan irratti ture.
Ministirri Dhimma Alaa Keenyaa kun, Keenyaan "Wanta turuu qabu ta'uu baatulleen Itoophiyaan humna waliigalteerra gahuu ishee dandeessisu ni qabdi," jettee amanti jechuun tarkaanfii hihamtoota siyaasaa dhiyeenya hiikuu jalqabii gaariidha jechuun eeran.
Aadde Raachel itti dabaluun, haala Itoophiyaa keessa jiru kan akka marii biyyaalessaa, dhukaasa dhaabuufi gargaarsa namoomaa akka qaqqabu gochuurratti walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka turanis dubbataniiru.
Keenyaan Afrikaa Bahaa keessatti dinagdee guddaa kan qabduufi biyyoota naannawaa sana jiran gidduutti biyya dhiibbaa uumuu dandeessu yoo taatu, biyyoota Lixaa waliinis hariiroo cimaa biyya qabdu akka taate ni beekama.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru erga jalqabeen boodas biyyoonni Lixaa hariiroo Itoophiyaa waliin qaban yeroo gufachaa dhufetti aanga'oonni Ameerikaa dhimma waraana Itoophiyaa ilaallatu irratti pireziantii Keenyaafi aanga'oota Keenyaa biroo waliin irra deddeebiin mariyataa turaniiru.
Itoophiyaan dhimma biyyashee keessa jiru ilaalchisee kallattiin ishee waliin dubbachuun osoo danda'amuu Ameerikaan biyya hollaa taate Keenyaa waliin marii taasiftu irratti gammachuu akka hin qabne dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa ibsuun isaanii ni yaadatama.
Itti-gaafatamaan Ministeeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan Sadaasa darbe yeroo jalqabaatiif daawwannaa biyyoota Afrikaa sadii keessatti taasisaniin kan jalqaba daawwatan Keenyaa yoo ta'u, dhimmoota ijoo isaanii keessaa waa'een Itoophiyaa isa angafa ture.
Pireziantiin Keenyaa Uhuruu Keeniyaataan rakkoo Itoophiyaa keessatti uumame ilaalchisuun Pireziant Baayidaniifi itti-gaafatamaa Ministeera Dhimma Alaa waliin dubbachuun alattis gara Itoophiyaatti imaluunis MM Abiy Ahimad waliin mariyataniiru.
Michuu Itoophiyaa kan taate Keenyaan erga waraanni Kaaba Itoophiyaatti jalqabeen booda yaaliiwwan gara gara taasisaa kan turte yoo taatu, dhimmoota adeemsa kana keessatti ta'an jedhaman garuu hanga ammaatti ifa gootee hin beektu.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa tokkoo ol lakkoofsise kun yeroo ammaa kana xiqqoo kan tasgabbaa'e ta'us, bakkeewwan tokko tokkotti walitti bu'insawwan akka jiran ni himama.
Waraana kana dhaabuudhaf Gamtaan Afrikaafi Ameerikaan ergamaa addaa bobbaasanii carraaqaa kan jiran yoo ta'u, biyyoonni gara garaafi dhaabbileen idil-addunyaa ammoo waraanichi fala karaa nagaan akka argatuuf yaalii taasisaa jiru.
Kana waliin walqabsiisuun, Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Oliseeguun Obasaanjoo, akkasumas ergaman addaa Ameerikaa Daavii Saaterfiild aanga'aa ol-aanaa dhimma alaa waaliin gara Itoophiyaa dhufuun haala waraanichi ittiin dhaabbachuu danda'urratti mariyachuun isaanii ni yaadatama.
Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez waraana Kaaba Itoophiyaa dhaabsisuudhaafi nagaa buusuudhaaf kan dandeessisu yaaliin taasifamaa jiraachuu haasaa Obasaanjoo waliin bilbilaan taasisaniin hubachuu isaanii ibsaniiru.