Irra deebiin cufamuu Riizoortii Soodareefi deebii qaama mootummaa

Madda suuraa, Sodere Resort Hotel
Qabeenyummaan isaa kan abbaa qabeenyaa Dinquu Dayyaasaa kan ta'e Hoteela Riizoortiin Soodaree bara 2020 keessa sababa galii mootummaa seeraan hin kaffalleefi seeraan ala lafa babaldhifate jedhuun marsaa duraa cufamee ture.
Ergasii ji'oota torbaa oliif cufaa turuun deebi'ee banamuun tajaajila kennaa ture.
Yeroo sana dhimmi qabiyyee lafaa Rizoortichi qonnaan bultoota naannawa sanaaa wajjin mana murtiitti ilaalamaa ture kun hanga murtii argatutti Rizoortichi cufamee turuu hin qabu jechuun koreen aanaafi godinaa akka tajaajila jalqabuuf murteessees ture.
Ittigaafatamaan Faayinaansii Hoteela Rizoortii Sodaree kan tahan Obbo Tasfaayee Ituu BBC'tti akka himanitti, Rizoortichi yeroo lammaffaadhaaf amma erga cufamee ji'a tokko ta'eera jedhan.
"Gaafa Muddee 12 bara 2014 galgala naannoo sa'aatii sadii qaamni mootummaa dhufee dhaabbanni kun keessummoota qabu akka gaggeessu, haaraa ammoo akka hin seensisne, borurraa jalqabee akka tajaajila dhaabu jedhanii qaama eegumsaatti himanii deeman," jedha.
Qaamni mootummaa bulchiinsaa aaanaa Adaamaaafi Shawaa bahaa ajaja kana dabarse karaa eegumsaatiin ergaan kun akka nu gahu godhan malee xalayaa seera qabeessi nu qaqqabe hin jirus jedhu Obbo Tasfaayeen.
Akkaatuma ajaja darbe kanaatiinis Hoteelli Rizoortii Soodaree A L I Muddee 13 bara 2014 irraa eegaluun marsaa lammaffaadhaaf cufamee akka jirus himan.
Dhimma irra deebiin cufamuu Hoteela Riizoortii Soodaree irratti kan gaafanne Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo, Rizoortichi sababa ijaarsa babal'ifannaa kan mana murtiitin qabamee jiru itti fufee jiruuf akka hojii dhaabu ta'e jedhan.
"Marsaa jalqabaa sana sababa lafa irratti hawaasa naannoo wajjin waldhibdee tureen manni murti daangessee himannaa irratti banee ture. Isa sana deebisanii ijaarsa irratti gaggeessan. Ajaja mana murtii cabsanii waan ijaaraniif," jedhan.
Rizoortichi sababa ijaarsa babal'isuu itti fufeen cufamus qaamni Rizoorticha Bulchu dhihaatee akkaataa itti ijaarsa sana itti fufuu dandahan ibsuun Rizoortichi hojii isaa akka itti fufu gochuun ni dandaha jennee gaafannus namni dhihaatee deebii kennu hin argamne jedhan.
"Qaamni ijaarsa jalqabsiistan koottaatii akkaataa itti ijaarsa jalqabsiistan yaada kennaatii Rizoortichi haa banamu jedhamee ture. Namni as bahee kana dubbachuu barbaadu hin jiru waaan ta'eef amma cufamee jira," jedhan Obbo Abbaabbuun.
"Qaamni bulchiinsa Rizoortichaa keessaa ta'e na bira dhufanii ture. Akkamitti ijaarsa jalqabdan jennaan deebii kennuu hin dandeenye. Hogganaa keenya waamnee akka deebii kennu goona jedhanii deeman. Ergasii hanga ammaa hogganaan isaaniis deebi'ee hin dhufne," jedhan.
Ittigaafatamaa Faayinaaansii Hoteela Rizoortii Soodaree Obbo Tasfaayeen yaadni Bulchaan godinichaa jedhan dhugaa ta'uu himuun, hojii gaaggeessaan Rizoortichaa ji'ootaan dura hojii waan gadhiiseef hanga ammaa qaamni dhihaatee deebii kenne hin argamne jedhan.
"Qaamni mootummaa hojii gaggeessaan dhufee nu haaa dubbisu nuun jedhe. Hojii gaggeessaan waraqaa galfatee hojii gadi lakkiseera nan ilaaallatu jedhe.
Ammatti Hoji Gaggeessaan biraas bakka buufamee hin jiru. Nuti kanaa ol deemuu hin dandeenye. Hojii gaggeessaan osoo Rizoortichi hin cufamin dura hojii gadhiise," jedhan.
Rizoortiin Soodaree erga marsaa duraa cufamee deebi'ee baname irraa kaasuun eegumsa isaa kan taasisaa jiru dhaaabbata Eeegumsaa Foollee jedhamudha.
Hojii gaggeessaan dhaabbata Eegumsa Foollee Obbo Abdii Aabbuu, tibba jalqabaa Rizoortichi cufame qaamota hin beekamneen halkan irra yaaliin saamichaa taasifamee ture jedhan.
"Rizoortiin kun guddaadha keessa isaa bosonafaaa qaba. Meeshaa waraanaa malee kan eegamu miti. Dhaabbata keenya ammoo kana dura mootummaan qorannoodhaaf jedhee meeshaa keenya fuudhee nuuf hin deebisne. Kanaaf eegdonni keenya meeshaa waraanaa hin qaban," jedhan.
"Tibba jalqabaa sana qaamni ta'e halkan fuulatti maaskii uffachuun eegdota keenya irraan miidhaa geessisuun yaalii saamichaa godhanii turan. Ergasii qaamni poolisiis deeggarsa nuuf gochaa waan jiraniif rakkoon akkasii amma hin jiru," jedhan Obbo Abdiin.
Hoteelli Rizoortii Soodaaree Godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaatti kan argamu yoo ta'u, bakka bashannanaa daawwattoota hedduu keessumeessuudhaan beekamu ture.














