Lammileen Afrikaa mil. 40tti dhiyaatan hiyyoomuun biliyeenaroonni muraasni caalatti sooroman –Oksifaam

Daa'ima naannoo Gammoojjii Kalahaarii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Biyyoota gammoojjii Sahaaraan gadi jiran keessatti namoonni miliyoona 40tti tilmaaman hiyyummaa jabduu keessa wayita seenanitti, dureeyyiin ardii Afrikaa doolaara Ameerikaa biliyoonaan lakkaa’amu horatan yeroo weerara Covid-19tti sooromuu itti fufan.

Afrikaatti sooreyyiin doolara biliyeenaan lakkaa’amu horatan jajjaboon jaha qabeeyi isaanii kan lammiilee Afrikaa galii gadi aanaa qaban miiliyoona 678 ta'an waliin yoo walbira qabamu akkaan caaluu akeeke gabaasi dhaabbata gargaarsaa Oksifaam.

Qabeenyi dureeyyota Afrikaa kunneenii doolara biliyoona 45.8 yoo ta’u, kan lammiilee Afrikaa miliyoona 678 (walakkaa baay'ina uummata Afrikaa) ta’anii ammoo doolaara Ameerikaa biliyoona 41.9.

Taaksiin waggaa sooressoota doolara miliyoona shanii ol horatan irraa dhibbeentaa 2, kanneen doolara miliyoona 50 horatan dhibbeentaa 3, akkasuma qabeenya doolara biliyoona tokkoo kan horatan dhibbeentaa 5 irraa osoo kutamee jiraatee otoo, maallaqi walitti qabamu baasii eegumsa fayyaa walakkaa uummata ardichaaf barbaachisu cufuu danda'a ture.

Dureeyyiin kunneen osoo taaksii haala kanaan kaffalanii waggaatti doolara Ameerikaa biliyoona 19.87 walitti qabu danda’u, kunimmoo baasii fayyaa uummata ardichaa dhibbeentaa 46 ta'uu ni danda'a.

Afrikaa keessa dureeyyiin doolara biliyoonatti lakkaa’amu horatan 19 waliigala qabeenya doolara bil 73.4 ta’u qabu.

Bitootessa bara 2020 wayita weerarri Covid eegalurraa kaasee sqabeenyi isaanii doolara bil 8.05’n dabale.

Afrikaa keessatti lammiin Naayijeriyaa Alikoo Daangotee sooreessa doolara bil 13.5 qabaachuun sadarkaa jalqabaa qabatedha.

Dureeyyiin Naayijeeriyaa Miyaak Adinugaa- doolaara Ameerikaa biliyoona 6.5 fi Abdulsalaam Rabuu- doolaara Ameerikaa biliyoona 4.9 qabaachuun tartiibaan dureeyyii Afrikaa sadarkaa 4ffaa fi 5ffaarra jiraniidha..

Lammiin Masrii Nasseef Sawiris doolara Ameerikaa biliyoona 8.2 qabaachuun Afrikaa keessatti sooressaa sadarkaa lammaffaa qabate yoo ta’u, lammiin Afrikaa Kibbaa Nikii Oppinhayimer sadarkaa sadaffaarra jira.

Qabeenyi sooreyyii addunyaa kurnan beekamoo ta’anii yeroo weerara Covid-19tti dachaan kan dabale yoo ta’u, galiin uummata addunyaa dhibbeentaa 99 ta’anii garuu tibba weerara koronaavaayirasii akkaan hir'ateera.

Oksifaam akka jedhutti, walcaalmaan qabeenyaa sekondii afur keessatti lubbuun nama tokkoo sadarkaa addunyaatti akka darbu gumaache.

Argannoon kun lakkoofsa namoota dhaabbilee fayyaa dhabuun du’anii, miidhaa koorniyaa, beelaafi jijjirama qilleensa baramaan miidhamanii dabalata.

Ragaaleefi shallaggii Oksifaam gaggeesse kun odeeffannoo barruun Foorbis bara 2021tti tarree biliyeenarootaa baase fi qorannoo dureeyyummaa addunyaarratti bara 2021 gaggeeffame bu’uureffata.