'Maazar Tereezaa Afrikaa' kan jedhaman Dr. kabajaa Abbabach Goobanaa eenyu?

Abbabach Goobanaa ijoolleessaanii wajjin

Madda suuraa, AGOHELMA

Ibsa waa'ee suuraa, Haati kun ijoolleesaanii hedduun maqaa masoo 'Iddaayyee' jedhamuun waamamu
Maxxanfame

Imalli amantii gara Bataskaanatti waggoota afurtamaan dura taasisan, jireenya Abbabach Goobanaa haalaan jijjiire.

Hundeessituun dahoo yatiimotaa Itoophiyaa keessatti isaan jalqabaa keessaati jedhamu Abbabach Goobanaa Heyii, yeroo hedduu maqaawwan kabajaa 'haadha kumaatamootaa' fi 'Maazar Tereezaa Afrikaa' jedhamunis beekamu.

Ijoollummaatti rakkoolee hedduu dabarsuun maqaa amma qaban kan horatan haati kumaatamootaa kun, hojiin tola-ooltummaa isaanii amantii isaanii irraa madde jedhama.

Hojiin barkurnee afuriin dura eegalan gara dhaabbata gurmaa'etti cehuun, daa'immaniifi qaamolee hawaasaa saaxilamoodha jedhaman kumaatama hedduuf qarqaarsa gochuu dhaabni isaan hundeessan AGOHELMA'n ni ibsa.

Itoophiyaatti hojii tola ooltummaa hojjetaniin maqaa guddaa kan horatan Dr kabajaa Abbabach Goobanaa Covid-19n qabamuun yaalamaa osoo jiranii Dilbata Adoolessa 05 bara 2021 addunyaa kanarraa du'aan boqotan.

line
Abbabach Goobanaa ijoolleessaanii wajjin

Madda suuraa, AGOHELMA

Dr. Kabajaa Abbabach Goobanaa eenyu?

Abbabach Goobanaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Giraar Jaarsoo bakka Shabal jedhamtutti ALA Onkololeessa 20, 1935 kan dhalatan oggaa tahu, abbaan isaanii Obboo Gofee Heyii wayita isaan daa'ima ganna tokkoo turanitti waraana yeroo Xaaliyaaniin ajjeefamuutu himama.

Erga du'a abbaa warraasaanii booda, haati isaanii Aadde Wosanee Birruu maatii abbaa kan tahan Obbo Heyii Badiseetti kennanii, isaan harkatti guddatan.

Akka seenaan jireenyasaanii agarsiisutti maatiin ijoollummaashee ganna 11tti fedhii malee heerumsiisan.

Haala kana fudhachuu kan dadhabde Abbabach, yeroo mara haala gaa'ela humnaan itti fe'ame kana keessaa itti baatu yaadaa turte. Gaaf tokko wayita haatishee manatti sagantaaf yaamanitti, carraa kanatti fayyadamuun miliquu dandeesse.

Erga achii miliqxe booda bu'aa bayii keessa dabruun magaalaa Finfinnee dhaqqabuun, waggoota hedduu booda bara 1961 keessa gaa'ela haaraa dhaabbatte.

'Iddaayyee'

Haati ijoolleesaanii hedduun maqaa masoo 'Iddaayyee' jedhamuun waamaman kun, hojiin har'a akkaan maqaa itti horatan kun kan madde amantaa isaaniirraati jedhama.

ALA bara 1980 keessa biyya Itoophiyaatti hongeen hammaatee, keessattuu naannoo Wallootti wayita namni hedduun beelaan wayita dhumaa turetti, haati kun bataskaana Gishan Maariyaam jedhamutti kadhannaaf imalan.

Wayita achi turanitti balaa kanarraa kan ka'e daa'imman dabalatee namoonni hedduu qe'eerraa buqqa'uun, bakka tokkotti walitti qabamanii arguun miira isaanii jeeqe. Kanarraa kan kahes daa'imman hedduu abbaafi haati irraa du'uun yatiima tahanii turan.

Imala amantiisaanii obbaasanii yeroo achii deebi'anitti daa'ima haalaan miidhamteefi haadha duute cinaa turte arguun bira darbuu hin dandeenye - kaasanii dhoksaan baatanii gara manaa fidan.

Boodarras daa'ima tokko biraa itti ida'uun, maatiin Abbabach akkasiin guddachuun, waggaa tokko keessa daa'imman 21 gahan.

Hojiin tola ooltummaa kun jireenyasaanii mara tahe - kanaanis gaa'ela isaanii yeroo lammaffaaf dhiisanii guutummaan guututti hojii kunuunsa daa'immaniitti bobba'an.

Gochaasaanii kanarraa kan ka'e abbaa warraashee dabalatee haatisaanii fayyaa sammuusaanii irratti gaaffii kaasaa akka turan dubartiin kun daawwatoota dhaabbatasaanii daawwachuuf deemaniif yeroo hunda himu.

''Maatiin koo, abbaan warraakoo filannoo xumuraa naa kennan - yookaan daa'imman kana yookaan ammoo jireenya kee filadhu naan jedhe,'' jechuun haati kun 2010 keessa CNNtti dubbataniiru.

Hojiin akkasiin eegalame kun barkurnee afuriif itti fufuun, daa'immaniifi qaamolee hawaasaa saaxilamoodha jedhaman kumaatama hedduuf qarqaarsa gochuu dhaabni isaan hundeessan AGOHELMA'n ni ibsa.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Haadha miiliyoonotaa Dr Abbabach Goobanaa

Waldaan Kunuunsaafi Misooma Daa'immanii Abbabach Goobanaa (AGOHELMA) isaan wayita sanatti hundeessan Itoophiyaa keessatti bakka dahoo/guddifachaa daa'imman abbaafi haadha hinqabnee yookaan yatiimotaa isaan jalqabaa keessaati jedhama.

Dhaabnisaanii AGOHELMA ''sagantaawwan hiyyummaa hir'isuu garagaraatiin namoota miiliyoona 1.5 tahaniif qarqaarsa taasifteetti,'' jedha.

Abbabach Goobanaa bara ijoollummaasaanii

Madda suuraa, AGOHELMA

Hojii tola oltummaa isaanii kanaaf Abbabach Goobanaa Yunivarsiitii Jimmaarraa doktireetii kabajaa kan argatan oggaa tahu, waggoota keessatti badhaasota hedduus biyya keessaafi alaarraa argataniiru.

Wayita Dr kabajaa kennuuf Yunivarsiitiin Jimmaa ''Abbabach Goobanaa ijoollee ofiisaanii dahan qabaachuu haa baataniyyuu malee, maatii kumaatamatti lakkaa'amu qabu,'' jedheera.

Waggoota 40 dura daa'imman muraasa hongeen miidhaman gargaaruun hojii kan eegale waldaan kun, waajira muummeesaa Finfinneetti argamu dabalatee iddoowwan garagaraatti hojii qarqaarsaa hojjeta.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnees dhiyeenya kana Hospitaala Wal'aansa Dubartootaafi Daa'immanii maqaasaaniitiin moggaasefi tajaajila gosa garagaraa kennu eebbisiiseera.

Yunivarsiitiin Salaalee magaalaa Ficheetti argamu kaampaasii isaa kan ittiin barnoota fayyaa ittiin barsiisu ''Kooleejjii Fayyaa Abbabach Goobanaa'' jechuun moggaaseera.

Itoophiyaatti baankiiwwan dhuunfaa dubartootaan hundeeffame Innaat Baank, dameesaa magaalaa Finfinnee keessa jiru tokko maqaa dubartii kanaan moggaaseera.