Nuhoon ''yeroo namni hin dammaqiinitti Oromiyaa dammaqsee, Oromummaa mi'eesse,'' Galaanaa Gaaromsaa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Boqachuu artistii Beekaamaa Nuhoo Goobanaa hordofee qondaalota mootummaa dabalatee namootni bebbeekamoo hedduun gadda isaanitti dhagahame ibsataa jiru.

Guddina aartii Oromoo keessatti qooda guddaa kan qabuu fi sirboota isaa qabsoon waggoota hedduuf uummata Oromoo daddamqsaa kan ture Nuhoo Goobanaa dhukkubsatee yeroo dheeraaf erga yaalamaa turee kaleessa boqachuun isaa himame.

Mootummaan naannoo Oromiyaa boqochuu Artist Nuhoo Goobanaatiin gadda itti dhagahame ibseera.

Biiroon Kominikeeshinii naannoo Oromiyaa, ''Nuhoo Goobanaa hin duune, injifannoofi bilisummaa uummanni Oromoo gonfate wareegamtoota Oromoof dhugaa bahuuf deeme,'' jechuun barreesse.

Nuhoon yeroo dargaggummaa isaatti sirna Fiwudaalotaa, sirna abbaa hirree Dargiin akkasumas yeroo bulchiinsa TPLF keessattis dhiibbaafi hacuuccaa ummata isaarraa gahaa ture mormuun qabsoo guddaa taasisaa tureera jechuun Aartistii gameessa kanaaf bakka guddaa akka qabu ibse biirochi ibsa isaa keessatti.

Dhiyeenya mana hidhaatii kan bahe namni siyaasaa Jawaar Mahaammad erga mana hidhaa seenee booda maxxansa isaa jalqabaan du'a Nuhoon gadda itti dhagahame barreesse.

'' Imalli bara jireenyaa Nuuhoo Goobanaa imala qabsoofi qabsaa'ota Oromooti. Roorroo alagaaf harka hin kennu jedhee qabsootti seene. Rakkoon biyyoota baqaa, Jabuutii, Somaaliyaa, Keeniyaa, Suud Arabiyaa osoo harka hin kennisiisne.

Sadoo fi qananiin Awuroppaa, Kanaadaa fi Ameerikaa osoo sabaafi biyya isaa hin irraanfachiisin, hamma dhuma jireenya isaatti qabsootti cichee, daandii ganama qabate irraa osoo hin maqin, qabsaa'ota oromoo hangafoota akka isaa isa dura dabranitti makamuuf kara fuula rabbii deeme,'' jechuun Jawaar Mahaammad fuula Feesbuukii isaa irratti barreesse.

Erga mana hidhaatii bahee kun maxxansa Jawaar jalqabaa tahuu hordofee namootni kumaatamaan yaada itti kennuun sa'a afur keessatti ammoo namootni kuma 62 [62k] jaalataniiru [Like] taasisaniiru.

Sirbootni Nuhoo Goobanaa irra caalaan isaanii Tokkummaa uummata Oromoo kan leellisanii fi jajjabeessanidha. Kanaaf Jawaar ergaa isaa keessatti akkas jedhe.

''Nuuhoon sagalee isaa kiloolee saniin Oromiyaa faarse, tokkummaa gorse, Oromoo onnachiise, yoo xiqqaate dhaloota sadii qaree qabsotti bobbaase. Waan hawwe osoo hin argin boqotus, Oromoofi Oromiyaan inni itti dhalateefi har'a biraa deeme takkaa miti. ''

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee boqachuu arti Nuhoo Goobanaan gadduu fuula Feesbuukii isaanii irratti himan.

''Artist Nuhoo Goobanaa damee guddina artii Oromoo keessatti ga'ee bakka bu'aa hin qabne gumaachuu kan danda'e ilma uummataati,'' jedhanii maatii isaa, jaalattoota isaa fi dinqisiiffattoota isaa hundaaf jajjabina hawwaniiru.

Itti Aanaan Kantiibaa duraanii fi Ministirri Albuudaa Itoophiyaa ammaa Injiiner taakkalaa Uumaas Fuula Feesbuukii isaaniin Nuhoo Goobanaa ''abbaa qabsoo Oromoo,'' jechuun ibsan.

''Qabsoo Oromoo finiinsuu fi itichuudhaan ,tokkummaan Oromoo bu'uura guddaa irra akka dhaabatu gootni kun haarsaa guddaa kaffale.... Abbaa qabsoo Oromoo.... Nuhoo Goobanaa!!''

Hayyuun seeraa fi xiinxalaan siyaasaa Dr Awwol Aloo amma biyya UK kan jiraatu Nuhoon qabsoo uummatni Itophiyaa gochaa ture keessatti ''humna jabaa'' ture jedhan.

''Sirbootni isaa gaaffii tokkummaa wal xaxaa tahe, eenyummaa, bilisummaa, walabummaa namaa fi kaan irratti xiyyeeffata.

Yeedaloo fi walaloon ittiin ibsu muuxannoo dhuunfaa fi uummata Oromoo keessa jiruun ittiin ibsu waliigalaan akka namoota hunda biratti jaalataman godheera. Kaan ammoo akka aasxaa qabsoo Oromoon haqaa fi wal qixxummaaf godhuutti oolaniiru,'' jechuun Afaan Ingiliffaan barreesse.''

Itti dabaluun sirbootni Nuhoo hubannaa siyaasaa fi ilaalcha ofiif qabnu akka haaressinu nu gargaareera jedhe. Dhumarratti Awwol uummatni kumaatamaan bahuun sirna gaggeessaa isaa akka raawwatu nan abdadha jechuun xumure.

Artist Galaanaa Gaaromsaa Nuhoon ''yeroo namni hin dammaqiinitti Oromiyaa dammaqsee, Oromummaa mi'eesse'' jedhe.

''Nuhoo Goobanaa, yeroo namni hedduun of hin bariin, yeroo hin dammaqiin, Oromiyaa dammaqsee, Oromummaa mi'eessee Tokkummaa sabaa lallabaa qabsoo sirbaatti cichuun gammeessa qooda Leencaa qabudha.''

Artist Nuhoo Goobanaa kan umurii guutuu waa'ee tokkommaa Oromoo lallabaa ture Amajjii 18, 2022 addunyaa kanarraa du'aan boqate.

Odeessa kana fakkaatan biroof