Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aang Saan Suu Kii: Hooggantuun Miyaanmaar aangoorraa kaafamte hidhaan dabalataa waggaa afur itti murtaa'e
Manni murtii Miyaanmaar hooggantuu biyyattii aangoorraa kaafamte Aang Saan Suu Kii hidhaa dabalataa waggoota afurii itti mure.
Meeshaalee kominikeeshinii wooki tokiis jedhaman alaa galchuufi seeraan ala qabaachuun akkasumas qajeelfama Covid-19 cabsuun himatamte.
Aadde Suu Kii baatii Mudde keessa hidhaan waggaa afurii itti murtaa'ee ture. Achiitii hidhaan waggaa lamatti akka xiqqaatuuf ta'e.
Erga Guraandhala darbe waraanni biyyattii finqolcha raawwate as himannaan hedduu irratti dhihaateera, garuu isheen tokko isaayyuu hin fudhattu.
Himannaan isheerratti dhihaatan bal'inaan balaaleeffatamaniiru.
Himannaan gaafa Wiixataa akka itti murtaa'uf sababa ta'e kuni yeroo waraanni biyyattii guyyaa fonqolchi Janaraal Min Aang Hilaayingidhaan raawwaten walqabata jedhamee amanama.
Waraanni biyattii guyyaa sana mana ishee sakatta'an meeshaalee kominikeeshinii argatani.
Dhaddachi gaafa Wiixataa magaalaa guddoo biyyattii Naay Piyi Taawitti ta'ame miidiyaaf cufaa ture. Abukaatonni ishees midiyaatti akka hin dubbanne dhorkamaniiru.
Murtiin booda kanaa hidhaa irratti murtaa'e gara waggoota jahatti guddisa.
Baatii darbe badhaafamtuun Nobelii kuni kana dura seera uumamaa cabsuufi qajeelfama Covid-19 to'achuuf bahe cabsuun yakkamtuu jedhamtee turte.
Yeroos Qondaalli Olaanaa UN Micheel Bachelee ''dhaddacha sobaa'' jechuun balaaleeffatanii turani.
Gareen mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis Waach (HRW) gama isaatiin himannaa sobaa irratti banuun umurii guutuu mana hidhaa tursuuf yaadani jechuun hime.
Paartiin Aadde Saan Suu Kii Sadaasa 2020 erga filannoo adeemsifameen mo'atee booda waraanni biyyattii Guraandhala 2021 aangoo biyyattii qabate.
Waraanni biyyattii sagaleen filattootaa waliin dhahameera jechuun himata. Taajjabdoonni garuu haqaafi bilisaan filannoon adeemsifamuu dubbatu.
Fonqolchi waraanaa kunimmoo mormii jabaa kaaseera. Waraanni biyyattis kanneen mormi gaggeessan jedhe hidhaa buuse.
Mormii kanaan namoonni 10,000 ol yoo hidhaman 1,300 ol ajjeefamanuu gareen dhimma kana hordofu ibseera.
Aadde Saan Suu Kiin himannaa irratti dhihaate maraan yoo yakkamtuu taate umrii guutuu hidhaa bu'uu malti jedhamee amanama.