Poolisiin Keeniyaa lammiilee Itoophiyaa 91 mana tokko keessatti to'achuu hime

Magaalaa Naayiroobii

Madda suuraa, Mvano Mtangazaji

Maxxanfame

Poolisiin Keeniyaa lammiilee Itoophiyaa seeraan ala biyyattii keessa socho'aa turan jedhe 91 ta'an mana tokko keessatti arguun to'achuu ibse.

Poolisiin lammiilee biyyoota ollaa seeraan ala gara Keeniyaa seenan sakatta'uuf duula Dilbata galgala gaggeesseen, mana handaara magaalaa Naayiroobiitti argamu keessatti lammiilee Itoophiyaa kunneen to'achuu hime.

Dameen Qorannoo Yakkaa poolisii biyyattii, baqattoonni kunneen hunduu dhiirota umriinsaanii waggaa 25 gadi ta'edha.

Namoonni kunneen mana keessa qubatanii turan keessaa cabsanii miliquuf yaalaniiru jedhe poolisiin.

Baqattoonni kunneen karaa namoota seeraan ala nama deddeebisanii konkolaataa fe'umsaan fe'amanii Keeniyaa seenuu kan ibse poolisiin, mana keessatti qabaman yeroof tursiifamanii gara biyyoota birootti dabarfamuuf akka turan adda baafachuu hime.

Faddaalonni namoota seeraan ala geejjibsiisan kunneen baqattoota Itoophoophiyaa haga kana kutaa tokkotti walitti qabanii bakka biraatti dabarsuuf osoo isaan haala mijeessaa jiranii to'annoo jala oolchuusaa hime poolisiin.

Baqattoonni seeraan alaa wayita qabaman kun lakkoofsa isa olaanaa ta'uu kan ibse poolisiin, qaamolee baqattoota kunneen as fidan seeraan to'achuuf hordofaa jiraachuu hime.

Onkoloolessa darbes lammiileen Itoophiyaa seeraan ala Keeniyaa seenan 14 to'atamuu poolisiin biyyattii ibsee ture.

Namoonni kunneen qabamuu kan da'an, rakkoo giddugala Keeniyaatti mudate booda sakatta'iinsa poolisiin taaiseeni.

Poolisiin wayita sakattaa'iinsa gaggeessu namoota waraqaa jireenyaa seera qabeessa ta'e hin qabne qabaa ture, lammiileen Itoophiyaa kunneen seeraan ala ta'uunis akkasitti barame.

Lammiileen Keeniyaa namoota kunneen deddeebisaniiru jedhamuun shakkaman lama to'atamuus ibseera poolisiin.