Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gulantaa Fiild Maarshaal Afrikaa keessaa biyyoota kamfaatu qabu, akkamiin argatan?
Sadaasa bara 2020 Itaamaajoor Shuumii waliigalaa waraana Itoophiyaa ta'uun kan muudaman Jenaraal Birhaanuu Julaa Galaalchaa, waraana Itoophiyaa keessatti gulantaa waraanaa isa olaanaa fi haaraa ta'e Fiild Maarshaal jedhamutti guddataniiru.
Gulantaa waraanaa kanaaf kan isaa kaadhiman Ministira Muummee Abiy Ahmad (PhD) yoo ta'an, kan mirkaneessan ammoo Pireezidant Sahlaworqi Zawudeeti.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa milkaa'ina yeroo biyyi rakkoo keessa galtee jirtutti gonfataniin gulantaa kana argatan jedhame.
Ofii gulantaan Fiild Maarshaal Afrikaa keessaa biyyoota kamfaatu qab, akkamiin argatamaa?
Fiild Maarshaal Birhanu Julaa eenyudha? Kan jedhaniifi kaan waliin ilaalla.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa waraanni isaan adda durummaan keessatti hirmaachuun lolanii lolchiisan waraana Tigraay.
Pireezidanti Sahlaworq gulantaa jenaraalaan namoota afur, L/Jenaraalaan namoota 14, Meejar Jenaraalaan namoota 24, Birgaader Jenaraalaan namoota 58 muudaniiru.
Qondaaltonni waraanaa afur- L/Jenaraal Baacaa Dabalaa Buttaa, L/Jenaraal Geetaachoo Guddinaa Salbaanaa, L/Jenaraal Hasan Ibraahim Muusaa, L/Jenaraal Ababaaw Taaddasaa Asras gulantaa jenaraalaa argataniiru.
Ofiisaaniifis gulantaa waraanaa olaanaa-jenaraalummaatti kan guddatan, Jenaraal Baacaa Dabalee Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa, humna waraanaa biyyattii taliiguun biyya diigumsarraa oolchuusaaniif gulantaan kennameef kun isaaniif mala jedhan.
Waraana idil-addunyaa keessatti hirmaachuun milkaa'uu, waraana waliinii biyya mudate keessatti hirmaachuun nagaa buusuu, akkasumas weerara alaa fi keessaa biyyarraa qoluun milkaa'inni argamu gulantaa Fiild Maarshaal kennuuf ulaagaa addunyaan itti gargaaramtuudha jedhan.
Haaluma kanaan Itoophiyaa keessa ''humnoonni keessaafi alaa biyya diiguuf yeroo ka'anitti'' yaaddoo badiinsaa qolachuu kan dandeessisaniif gulantaa kana kennuun murtee sirriidha jechuun himu.
''Itoophiyaatiin waraanni leenji'e deebi'ee isa waraana jedhamee hin eegamne. Kuni taatee haaraadha.
''Hidhannoon waraanaa mulqamee, Itoophiyaan waraana hin qabdu erga jedhamee booda qabsoon godhamee biyyaafi waraana diigumsarraa baraareef … gulantaa Fiild Maarshaal kennuun yoo xiqqaate malee hin baay'atu.''
Biyyoonni Afrikaa gulantaa Fiild Marshaal qaban kam fa'i?
Lammummaa Liibiyaafi Ameerikaa kan qabuufi mootummaa beekamtii UN qabu mormuun kan beekamu hoogganaan waraana biyyaalessaa Liibyaa Fiild Maarshaal Kaliifaa Haftaar, waraana hedduu keessatti hirmaachuun milkaa'ina argataniin gulantaa kana ofiif kennan.
Mootummaan duraan ture fonqolchuun Muhammar Gadaafii aangootti fiduu keessatti ga'ee olaanaa kan taphatan qondaalli waraanaa kun, bara 1973 waraana Israa'liifi Arabaa Afraffaa 'Yom Kippur War' jedhamurraa eegalanii hanga ammaatti dirree waraanaa garaagaraa keessatti hirmaataniiru.
Waraana Liibiyaa fi Chaad, waraana waliinii tokkoffaafi lammaffaa Liibiyaa, Waraana waliinii Ajdabiya jedhamu, Waraana mootummaa Gadaafii fi mormitoota gidduu-Third Battle of Brega jedhamu, Waraana lixa Liibiyaa (Tirppoolii) to'annoo UN fi mootummaa UN'n deeggaramu harkaa baasuuf godhamuu fi waraana Sirxi keessatti adda durummaan hirmaachuun gulantaa Fiild Maarshaala argatan.
Seenaa addunyaa keessatti hammeenyummaa isaaniin kan beekaman qondaalli waraanaa Yugaandaa Fiild Marshaal Iid Amin Daadaa, bara 1971-1979tti pireezidantii sadaffaa biyyattii ta'anii tajaajilaniiru.
Aanga'oota abbootii irree jedhaman Mu'ammar Gadaafii fi Mobuutuu Sese Seekoo, akkamsumas Sooviyeet Yuuniyen fi Jarmanii Bahaa waliin michuu kan turan qondaalli waraanaa kun, bara 1975 Dhaabbata Tokkummaa Afrikaatti dura taa'aa ta'anii tajaajilaniiru.
Fincila Mau Mau irraa eegalanii hanga fonqolcha mootummaa Yugaandaa darbees weerara lootee seentota Gama Taanzaaniyaa dhufaniin raawwachuuf ofirraa qolachuu hanga waraanaa Taanzaaniyaa waliiniitti adda durummaan hirmaataniiru.
Milkaa'ina waraanaan argataniin Fiild Maarshaal jedhanii kan of moggaasan Idi Amin Daadaa, bara 2003 Sa'uudii Arabiyaa, Jiddaatti du'an.
Qondaalli siyaasaa fi waraanaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo, booda Zaayer taatee Mobuutuu Sese Seekoo, Beeljiyamii fi Ameerikaa waliin michoomuun bara 1960 mootummaa karaa dimokiraasiin filatame Paatriis Lumuumbaa aangoorraa folnqolchuun 1965-1971tti pireezidantii gochuun of muude.
Boodarra wayita Koongoon maqaanshee Zaayeritti geeddaramus bara 1971-1997tti pireezidantii biyyattii ta'uun itti fufe.
Mobuutuu Sese Seekoo bara 1967-68 Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa hoogganeera, hookkara biyyattiitti mudataa ture tasgabbeessuuf humna waraanaa ajajaa turee fi waraana Koongoo tokkoffaa kan Waraana Addunyaa Afrikaa jedhamuun beeakamu adda durummaan hoogganuun aangoo Fiild Maarshaal fudhatan.
Bara 1989 hanga bara 2019 aangoorraa fonqolchafamaniitti pireezidantii biyyattii kan turan Fiild Maarshaal Omar Hasan Ahmad al-Bashir, waraanaa waliin jalqabaa keessatti kan jalqabaa ta'e bara 1955-1972 kan ture keessatti adda durummaan hirmaataniiru.
Lola Israa'elii fi biyyoota Arabaa-Yom Kippur War, waraanaa koongoo fi waraana waliinii lammaffaa Sudaan keessattis qondaala waraanaa ta'uun hirmaataniiru.
Bara 2014 irraa kaasee Pireezidantii Masrii ta'ee kan jiru Fiild Maarshaal Abdul Fattah Sa'iid Huseen Khalil al-Siisii, fonqolcha mootummaa bara 2013 Muhammad Mursii irratti gaggeeffame keessatti hirmaachuun qindeessaniiru.
Waraana Galoo Galaanaa(Gulf War), lola lootee seentotaan Masrii irratti raawwataa ture-Sinai insurgency, waraana waliinii lammaffaa Liibiyaa, Waraana yaman keessatti qooda fudhataniiru.
Pireezidanti Abdul Fattah al-Siisii Amajjii bara 2014 gulantaa Fiild Maarshaal argatan.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa eenyu?
Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa Galaalchaa barnoota digirii jalqabaa fi lammaffaa yuniversitiiwwan magaalaa Finfinneetti argaman Alfaa Yuniversitii Kolleej fi Giriinwich Yuniversitii irraa argachuu seenaansaanii Wikipedia irratti barraa'e ni mul'isa.
Bara 2006 Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti ergama fudhachuun Laayibeeriyaa keessatti nagaa eegsisuuf bobba'aniiru.
Achitti ajajaa damee waraanaa tokkoo ta'uun muudamanii hojjechaa turan.
Ministeera Ittisaa Itoophiyaa dabalatee dameewwan waraanaa fi nageenyaa keessatti iddoowwan hedduutti muudamuun hojjechaa turaniiru.
Ministeera Ittisaa Itoophiyaa keessatti Mana Barnootaa Humna Waraanaa fi Birgeedii Oppireeshinii hooggananiiru.
Bara 2006 hanga 2009 Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Giddugaleessaatti Ajajaa Itti-Aanaa ta'uun hojjetaniiru.
Bara 2010 ammoo Ajajaa Waraana Itoophiyaa Ajaja Lixaa ta'uun muudaman.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa Sadaasa 21 bara 2014 ergama nagaa eegsisuu Abiyei-UNISFA-jedhamutti Ajajaa Humna Waraanaa ta'uun Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan yeroo sana turan Baan Kimuuniin muudamanii hojjechaa turan.
Bara sana gulantaa Meejar Jenaraal irra turan, waggaa booda Muddee bara 2015 ammoo Letinaant Jenaraal ta'an.
Sadaasa 4, 2020 irraa eegalanii Itaamaajoor Shuumii Waraanaa Waliigalaa Itoophiyaa ta'uun muudaman.
Amajjii 8, 2022 ammoo gulantaa waraanaa olaanaa Fiild Maarshaal jedhamu argatan.
Gulantaa kanaaf kan kaadhiman Ministira Muummee Abiy Ahmad, kan muudama kana mirkaneessan ammoo Pireezidantii biyyattii Sahlaworq Zawudeeti.