Waraana Kaaba Itoophiyaa: Mootummaan Itoophiyaa uggura dhaabbata Norweey irratti kaa'e kaase

Maxxanfame

Dhaabbati gargaarsaa Norweejiyaan Rifuyijii Kaawunsil (NRC) jedhamu ji'oota muraasa dura uggura mootummaan irratti kaa'e ture yeroo ammaa irraa ka'u isaa beeksise.

Mootummaan yeroos ergama hundaa'ef alatti socho'aa ture jechuun ture dhaabbaticha ji'a shaniif kan uggure. Dhaabbaticha dabalatee dhaabbileen sadii yeroos ugguramanii turani.

Dhaabbati dhaabbilee gargaarsaa biyyattii keessa sosso'an hordofu Eejansiin Waldaalee Hawaasaa Sivilii waggaa darbe keessa ture dhaabbata kanaafi kaan dhorkuu kan beeksise.

Yeroos sababni gama eejansichaa kenname hordoffii dhaabbilee sivilii sadan irratti taasifameen dhaabbileen kuni ergama dhaabbataniif alatti irra gahamu eeruun baatii sadiif ugguruu ture.

Eegasii uggurri kuni dabalata baatii lamaaf akka dheeratu taasifame.

Norweejiyaan Refuyijii Kaawunsil dhaabbati jedhamu kuni akka jedhutti kan dhorkame waamicha barbaachisummaa gargaarsa namoomaa fi dhiheessii irratti taasisuuni.

Dabalataan, dhimmoota bulchiinsaan walqabataniin akka ta'e ibsa dhorkaan irratti taasifame yeroo ammaa ka'u isaa ibsa baaserratti eereera.

Baatii Onkololeessa keessa eejansiin Itoophiyaa sochii dhaabbilee deeggarsa namoomaa hordofu dhorkaa kaa'e yeroo dheeressetti gaaffii kana kaasuu dhaabbatichi dubbate.

Eegasii dhaabbatichi deebii erga kennee booda himannaa irratti dhihaate keessaa gara caalu irratti bilisa ta'u isaa ibsuun Jimaata darberraa eegalee dhorkaan ka'ame ka'u ibse.

Haa ta'u malee, eejansiin Itoophiyaa dhorkaa ka'ame yeroo kaasetti dhimmoota bulchiinsaa lamaafi waamicha taasisuun walqabatee ''akeekkachiisni cimaa'' akka itti kenname dhaabbatichi beeksiseera.

Barreessaan olaanaa dhaabbatichaa Yaan Iglaand uggurri dhaabbata gaggeessan irratti ka'ame ka'u isaatti 'guddaa gammaduu' ibsaniiru.

Dabalaniis, dhaabbati isaanii addunyaa guututti akkuma godhu Itoophiyaa keessatti bilisummaa socho'ee hojii deeggarsa namoomaa raawwachuu akka barbaadu himan.

Kanaafis, mootummaan eeyyamaafi vizaa akka isaaniif kennu abdii akka qaban ibsani.

Waggaa darbe ture Norweejiyaan Rifujii Kaawunsil, Doktar Wizawut Bordars Holaand akkasumas Al -Maktuum Faawundeeshiniin jedhamanirratti dhorkaan baatii sadii kan ka'ame.

Dhaabbileen lamaan hafan uggurri yookiin dhorkaan irratti ka'ame irraa ka'u isaa wanti beekamu hin jiru.

Qondaaltonni mootummaa Itoophiyaa dhaabbileen deeggarsa namoomaa finciltoota TPLF deeggarsa taasisaa jiru jechuun irra deddeebiin himataa turan.

Qondaalli olaanaa UN deeggarsa namoomaarra hojjetan himannaa kana mormaniiru.

Waraanni dhiiga hedduu dhangalaase bara darbe Tigraay keessatti jalqabe Amaaraafi Afaaritti namoota kumaan lakkaa'aman galaafachuun miliyoonaan lakkaa'aman ammoo buqqaaseera.