Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaliin xiyyaaraa Finfinnee-Kombolchaa adda citee ture deebi'ee itti fufuuf
Balaliin xiyyaaraa magaalaa Finfinnee-Kombolchaa adda citee ture ALI Muddee 27, 2014 deebi'ee itti fufuuf ta'uu Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa beeksise.
Daandiin qilleensaa kun karaa miidiyaa hawaasaa isaan akka ibsetti, guyyaa eeramerraa eegalee balaliinsi guyyuu ni jiraata jedheera.
Humnoonni TPLF magaalota kibba Walloo - Dassee fi Kombolchaa to'achuu hordofeeti ji'oota dura daandiin qilleensichaa balaliinsa gara magaalota kunneeniitti taasisu kan adda kute.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii xiyyaarota magaalaa Kombolchaa buufatanii darbanii erga addaan kutee ji'oota lama caaleera.
Dabalataan balaliinsi gara Laalibalaa adda citee tures guyyaa Wiixataa (ALI Mudde 25, 2014) eegaluu daandiin qilleensaa kun ibseera.
Magaalota kunneen wayita to'annoo TPLF jala turan tajaajilli ibsaa, bishaanii fi telefoonaa adda citee kan ture yoo ta'u, mootummaan erga to'atee booda tajaajiloonni kunneen eegalaniiru.
Akkasumas tajaajilli interneetii fi baankii akkasumas geejjibaa magaalota naannoo Amaaraa hedduu keessatti adda citee ture deebi'uu jiraattonni himaniiru.
Waajjiraaleen mootummaa fi manneen barnootaa hojii dhaabanii turanis gara hojiitti deebi'uu BBC'n jiraattotarraa odeeffateera.
Haata'u malee ammallee magaalota naannichaa kanneen akka Saqoxaa keessatti tajaajilli ibsaa fi bishaanii akka hin deebine jiraattonni himaniiru.
Waraana waliinii Itoophiyaan walqabatee tajaajiloonni akka ibsaa, bishaan, bilbilaa fi ibsaa naannoo Tigraay keessatti ammallee akka adda citanitti jiru.
Sadaasa bara 2021 naannoo Tigraay keessatti eegalee isa booda gara naannolee Amaaraa fi Affaaritti kan babal'ate waraanni kun, lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa'amanii galaafateera, miiliyoonota qe'eerraa buqqiseera.
Dhiittaa mirga namaa fi dararama lammilee hedduus hordofsiiseera.