Mootummaan Itoophiyaa baasii baase bakka buusuuf baajata dabalataa Birrii bil 122 gaafate

Maxxanfame

Ministerri Maallaqaa sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeesseen baasiin dabalataa waan isa barbaachiseef Mana Maree Ministerotaaf baajata dabalataa Birrii biliyoona 122 tahu gaafate.

Ministerichi akka beeksisetti sababa waraana mudateen baasiin dabalataa barbaachisuufi galii mootummaan walitti qabuun kaffaaltii gaafatame deebisuun ulfaataa waan taheef akkasumas baasii dabalataa jiru baajataa adda addaa walitti fiduun deebisuun waan hin danda'amneef dabalata gaafate.

Baajatni dabalataa kun nageenya biyyaa eeguuf, deeggarsa namoomaa, lammiilee waraanaan fi walitti bu'insaan miidhaan irra gahe deebisanii bayyaannachiisuufi hojii mootummaa biroo raawwachiisuuf kan oolu tahuu ministirichi himeera.

Waraanni naannoo Tigiraay keessatti eegalee waggaa tokkoo ol ture, gara naannoo Amaaraa fi Affaaritti babbal'achuun mancaatii guddaa kan geesise yoo tahu, mootummaa baasii guddaa baasisuun dingadee biyyaa irratti dhiibbaa guddaa geesisuu isaa ni himama.

Waraanicha waliin wal qabatee baasii jiru haguuguuf bara darbes baajatni dabalataa Birrii biliyoona 26.4 tahu ragga'uu isaa ni yaadatama.

Yeroo sana 2013 sababiin ibsame tokko baasii waraana Kaaba Itoophiyaatti mudateef barbaachisu, lammiilee goginsaan miidhamaniif, warra qe'ee isaanii irraa buqqa'aniifi kanneen deebi'aniif deeggarsa guyyaa gochuuf, Covid-19 ittisuu fi xaa'oo dhiyeessuuf kaffaltii raawwachuuf akka ture himame.

Baajatni dabalataa bara kana ministirichi gaafate ammoo isa kan bara darbeen dachaa afuriin caala. Gaaffiin dhiyaate kunis mana maree ministerotaan ilaalamee paarlaamaa biyyattiif kan dhiyaatu yoo tahu, fudhatama yoo argate kallattumaan hojiirra kan oolu tahuu isaa ministeerichi himeera.

Bara darbe Itoophiyaan bara 2014f seenaa keessatti yeroo jalqabaaf baajata guddaa raggaasisfte.

Baajatni biyyattii yeroodhaa gara yerootti kan guddataa deeme yoo tahu, baajatni bara kanaa garuu Birrii biliyoona 561 tahee Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataan ragga'eera.

Kunis baajata bara 2013 irraa Birrii biliyoona 85'niin caalmaa kan qabu yoo tahu seenaa biyyattii keessatti isa ol aanaas taheera. Baajatni amma dabalataan gaafatame gaafa itti dabalamu ammoo Birrii biliyoona 680 tahuu isaati.