Waraana Itoophiyaa: Paarkii indastirii Kombolchaa irratti saamichifi badiin qaqqabe hangami?

Maxxanfame

Paarkii Indastirii Kombolchaa keessa dhaabbilee jiran irratti finciltoonni TPLF saamicha fi badiin qaqqabsiisan guddaa ta’uu Hojii gaggeessaan Korporeeshinichaa Obbo Saandokaan Dabbabaa BBCtti himan.

Obbo Saandokaan akka himanitti, paarkii indastirii kana keessatti dhaabbileen biyyoota gara garaa hojjechaa turan.

Paarkii indastirichaa keessatti yuuroo miliyoona 90 ol baasuun oomisha huccuurratti kan bobba’e dhaabbannii Xaaliyaanii Korvokoo, mi’oonni jijjirraafi dheedhiin hojii isaaf oolan saamamuu fi mancaafamuu himan.

Sadarkaa biyyaatti biyyoota Kooriyaa, Chaayinaafi Xaaliyaanirraa dhaabbileen garas dhaqan jiraachuu itti gaafatamaan kun kan eeran yoo ta’u, dhaabbileen kunneen baay’inaan uffata oomishuurratti akka bobba’an eeran.

Dhaabbilee sadarkaa addunyaatti bekamanii fi kanneen akka Kaalviin Kilaayin waliin kan hojjatan oomisha gogaafi bu’aalee gogaaarratti dhaabbileen bobba’an jiraachuu himan.

Miidhaan dhaabbilee idil-addunyaa kanarra qaqqabe jechuun himan.

Korporeeshinii indastirii paarkota Kombolchatti miidhaalee qaqqabe bal’inaan qorachuuf garee qo’annoo hundeessuun naannichatti erguusaa Hojii-gaggeessaan kun BBCtti himaniiru.

Gabaasota kanaan wal fakkaatan biroof:

Humnoonni TPLF naannoole Amaaraa fi Affaar iddoowwan to’atanitti qabeenya mootummaafi uummataa saamuufi mancaasuun ibsameera.

Paarkiin indastirii Kombolchaa iddoowwan miiidhaman kana keessa tokkodha.

Paarkicha keessaa iddoo tajaajilli itti kennaman, iddoowwan oomishaa, iddoo keemikaalli itti qulqulleefamuufi kutaaalee tajaajilli ittii kennamu kanneen biroo hunda saamuufi badiin irra qaqqabeera.

Kana malees konkolaattoonni dhaabbaticha keessa turan finciltoota kanaan saamamuun ibsameera.

Akka hoji gaggeessaan kun ibsanitti, meeshaleen biiroowwaan paarkichaa meshaaleen tajaajila quunnamtii fi odeeffannoo, meeshaalee waajiraalee dhaabbata oomishaa, bu’aawwan gogaa fi uffatnii gara biyyaa alaatti ergamuuf ergamaa ture saamamaniiru.

Meeshaaleen dheedhii mana kuusaa keessa turan, konkolaattoonni garaa garaa fi meeshaaleen biroo paarkicha keessa turan saamamuufi mancaafamuu Korporeeshiinii Paarkota Indastirii BBCtti himeera.

Saamichaa fi mancaatii qaqqabe

Korporeeshiinii Paarkota Indastiriitti hoji gaggeessaa kan ta’an Obbo Sandokaa Dabbabaa akka jedhanitti, paarkiicharra miidhaan qaqqabe karaan ibsamuu danda’u saamichaa fi macaatiidha jedhan.

‘’Dhaabbileen kunneen oomisha oomishanii turaniifi gara biyya alaatti erguuf kan qopheessan samaamaniiru.

Sirumayyuu oomishni isaaniifi mi’oonni dheedhiin ittiin oomishan guutummaatti saamamaniiru,’’

Kana malees waajiraaleen dhaabbiilee kana keessa meeshaaleen turan guutummatti sadarkaa jedhamuun saamameera.

Keessattuu meeshaaleen akka salphaatti bakka buufamuu hin dandeenye fi safartuuwwan garaa garaa mancaafamaniiru jedhan hoji-gaggeeessaan kun.

‘’Miidhaan kun dhaabbilee paarkicha keessa hojjataniirra qaqqabe. Paarkicha biirooleefi iddoowwan gurgurtaa isaa mancaafameera, meeshaaleen jalaa samaameera, akkasuma ambulaansiifi konkolaatonni ibidda dhaamsan otoo hin hafiin jalaa saamamaniiru,’’

Dhimbiibduuwwan indastiriyaal paarkii kanaa ni saamame, fudhachuun kan dadhabame immoo ni gubaman jedhan Obboo Sandookaan.

Kanarratti dabaluun meeshaleen of-eggannoo balaaf oolan ni mancaafamani jedhan.

‘’Elektirikiifi shuboowwan biroo tajaajila akka hin kennineef muraman.

Ijaarsa dabalataa ta’uun akka mana kuusaattii konteenaroonni tajaajilaa turan sadii fe’anii fudhatan’’ jedhan.

Carraa hojii uumuu

TPLF paarkii indastirii irra miidhaa qaqqabsiisu dura hojjattoota 3600 ta’anitu qacaramee hojjataa ture.

Kanarratti dabalataan hojjattoota kanaaf nyaataafi tajaajila kanaan walqabatan kan dhiyeessan namoota biroof carraan hojii uumamee ture.

‘’Miidhaan qaqqabe rakkisaadha. Waantoonni manca’an muraasni isaanii akka salphaatti argamanii hojiin kan ittiin deebi’ee eegalamu miti.

Tarii hojiitti deebi’uuf yeroo fudhachuu mala jennee yaadna,’’ jedhan.

Korporeeshinichi koreen qorannoo hundeesse miidhaa qaqqabe qoratee akka xumureen kan sirreeffamuu danda’amu, sirreessuudhaan hojii eegaluuf karoorfameera.

Kun immoo turtii ji’ootaan lakkaa’aman gaafachuu akka malu Obbo Saandokaan BBCtti himaniiru.

Paarkiin indastriii Kombolchaa parkoota ijaarsa marsaa gara jalqabaatiin ijaarame keessa tokko yoo ta’u, bu’uuraaleen misoomaa barbaachisoon guutameefi ture.

Paarkiin kun iddoowwan oomishaa kireessuun alatti, tajaajila dhiyeessi bishaanii, ibsaa, xuraawaa dhabamsiisu fi meeeshaleen of-eeggannoo balaa tasaaf barbaachisaan guutameefi ture.

Kana malees yeroo humnootni TPLF magaalaa Kombolchaa qabatanii turanitti Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) man-kuusawwan isaa magaalota Dasee fi Kombolchaa turan finciltoota TPLFn waan saamamaniif deeggarsa nyaataa kennuu adda kutuu ibsee ture.

Dubbi himaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka himanitti, finciltoonni man-kuusawwan kana yoo saaman hojjettoota dhaabbatichaatti qawwee qabuun saaman.

Man-kuusawwan kunneen keessa kan ture nyaata madaalawaa daa'imman hanqina nyaataan miidhamaniif oolu dabalatee, kuusaan nyaataa guddaan jalaa saamamuu hima dhaabbatichi.

Finciltootni TPLF naannoo Amaaraa bakkeewwan qabatanii turan keessatti manneetii barnootaa, hospitaalotaa fi manneetii barnootaa dabalatee dhaabbilee mootummaa irrattis saamichaa fi macaatii guddaa dhaqqansiisuu mootummaan Itoophiyaa himeera.

MM Abiy Ahimed gara adda waraanaatti deemuun waraanicha hogganaa erga turanii magaalotni akka Kombolchaa fi Dassee harka humnoota TPLF bilisa bahaniiru.