Luboonni Kaatolikii Itoophiyaa lammiilee waraanaan miidhamaniif miiliyoona $2 walitti qabuuf

Maxxanfame

Gumiin luboota bataskaana kaatooliikii Itoophiyaa deeggarsa namoota waraana Kaaba Itoophiyaattii miidhamaniif kan oolu doolaara miiliyoona lama akka walitti qabuuf jiran beeksiise.

Gumiin 'The Catholic Bishops' Conference of Ethiopia (CBCE)' maallaqicha batasikaanoota biraa, dhaabbilee Kaatolikiifi hordoftoota amantichaa irraa waliitti qabuuf karoorfachu ibse.

Ibsa toora bataskaanittii ta'e 'Vatican New' jedhuurratti baheen akka ibsameetti, maallaqni walitti qabamu kunis namoota sababii waraanaatiin miidhamaniif kan olfamuudha.

Gumiin luboota Kaatoliikii Itoophiyaa tibbana jidduugala Magaalaa Moojootti argamuutti gaggeeffateen, xiyyeeffannoo inni guddaan waa'ee waraanaa Itoophiyaa akka ture ibseera.

Dhiheenya kanas ayyaana Gannoo Sanbata darbe kabajame ilaalchisuun haasaa kan taasisan dureen bataskaana kanaa Abuna Firaansiis waraana addunyaa guutuutti miidhaa qaqqabsiisaa jiru akka dhaabbatuuf waamicha taasisanii ture.

Erga waraanni kaaba Itoophiyaatti mudatee asiis Abuna Firaansiis akkasumas bataskaanni Kaatolikii Itoophiyaa yeroo garaa garaatti walitti bu'iinsicha akka dhaabbatuuf gaafataniiru.

Ammas gareewwan walitti bu'insa keessatti hirmaataa jira gara mariitti akka dhufaniif gaafataniiru luboonni kunneen.

''Waraannii balleessaadha. Lubbuufi qabeenyaa balleessa. Hawaasa qooda. Badiinsa diinagdee, namoomaa fi hawaasaa waraanni Itoophiyaa qaqqabsiisaa jirus argaa jirra'' jedhan luboonni kunneen.

Sababii waraana kanaatiin hedduun lubbuusaanii dhabuun, dubartoonni gudeedamuun, lammiileen qe'eesaanii irraa buqqaafamuun, walitti dhufeenyi hawaasummaa fikanneen hidhaaf saaxilaman jiraachunsaanii akka isaan gaddisiisee himan.

''Itoophiyaadhaaf kadhataa jirra'' kan jedhan luboonni kunneen, ''kanneen beela'an, kan buqqaa'an, biyyattii, kanneen hidhamaniifi hoggantoota biyyaatiif kadhannaatu barbaachisa,'' jedhan.

Biyyatiitti nagaan akka bu'uuf qaamooleen waraanicha keessatti himaatan gara mariitti akka dhufaniif akkasumas walitti dhufeenyi hawaasaa akka deebii'uuf bataskaana dabalee lammiileen hundinu kan gaheesaanii akka bahan gaafataniiru.

Maallaqa amma karoorfatan kana waliitti qabuun alattis karaa biraatinis kanneen waraanaan miidhamaniif deeggarsa taasisuu kan itti fufan ta'u dabaluun himaniiru.

Phaaphaasiin bataskaana Kaatoolikii Abuna Firaansiis yeroo garaa garaatti waraanaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamu karaa nagaatiin akka hiikamuuf waamicha taasisaa turan.

Waraana ammaan tana waggaafi baatiiwwan sadii ol lakkoofsiise kanaanis kanneen miiliyoona kudhaniitti dhiyaatan deeggarsa namoomaa kan barbachisu ta'u dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kan ibsan yoo ta'u, kanaaf ammoo hir'inni maallaqaa mudachu beeksiisuun ni yaadatama.