Firaansi dubbii imaamni dubbateen walqabsiiftee masjiida guddicha cufte

Madda suuraa, AFP
Mootummaan Firaansi imaamni ''dubbii jihaadii deeggaru dubbate'' jechuun masjiida guddicha kutaa kaaba biyyattii Oise magaalaa Beavuais keessatti argamu cufte.
Aanga'oonni akka jedhanitti masjiidi guddaan kun ji'oota ja'an dhufaniif cufaa tura.
Imaamni masjiida kanaa jihaadistootaan ''gootota'' jedhee akka faarse fi dubbii jibbiinsaa fi jeequmsa kakkaasu akka dubbate aanga'oonni himataniiru.
Mootummaan Firaansi bakkeewwan kadhannaa hordoftoota amantii Islaamaa mankaraarsitummaa waliin walitti hidhata qabu jedhee shakku irratti qorannoo gaggeessuu erga eegalee tureera.
Torbee lama dura Ministirri Dhimma Biyya keessaa Gérald Darmanin masjiida guddaa magaalaa Paaris irraa gara kaabaatti kiilomeetira 100 fagaatee argamu kana akka cufuuf jiran ibsanii ture.
Imaamni masjiidichaa hordoftoota amantii kiristaanaa, warra jewish fi kana saal-lamee ta'an irratti haasaa jibbiinsaa dubbateera jedhan qondaalli kun.
Qondaaltonni mootummaa Firaansi imaamichi dhimma kanarratti akka deebii kennuuf guyyoota 10 kennaniifii akka turan ibsan.
AFP'n gaazexaa biyya keessaa Courrier Picard jedhamu wabeeffachuun akka gabaasetti imaamni kun dhiyeenya Islaama ta'e.
Ogeeyyiin seeraa bulchiinsa masjiida kanaa dubbiin imaamichaa ''haala keessatti dubbatemarraa qeenxeetti baafamee hiiki dabaan itti kennameera'' jechuun gaazexaa kanatti himan.
Imaammni fedhiisaatiin ka'ee yaada mataasaa dubbate kun hojiisaarraa gaggeeffameera jedhan ogeeyyiin seeraa kunneen.
Ministeerri dhimma biyya keessaa garuu, imaamni ''imaamni darbee darbee affeeramee dubbata jedhame kun dhugaadhaan imaama idilee masjiidichaati,'' jedhe.
Qondaalli ministeera biyya keessaa kun waggaa darbes masjiidonni mankaraarsummaa babal'isan hundi akka cufaman labsee ture.
Akka qondaala kanaatti masjiidotaa fi iddoowwan kadhannaa fi barsiisa amantii Islaamaa Firaansi keessa jiran 2,620 keessaa 100 irratti qorannoo fi sakatta'iinsi gaggeeffamaa jira.














