Pirimiyeer Liigii Ingilizii: Leenjistoonni dhimma Covid-19 irratti mari'achuuf

Madda suuraa, Getty Images
Leenjistoonni kilaboota Piriimiyer Liigii Ingiliz Kamisa har'aa walga'uun dhimma Covid-19 irratti akka mari'atan leenjisaan Liivarpuul Yargan kilop ibsan.
Taphoota Piriimiyer Liigii taphatamuun irra turan 20 keessaa sagal yeroo biraatti kan dabarfaman yoo ta'u kilaboonni liigichaa Wiixata darbe erga walga'anii booda taphoota tibba ayyaanaa gaggeeffaman irratti jijjiirama tokkollee akka hin taasifne walii galan.
Roobii kaleessaa galgala Liivarpuul Waancaa Kaarabaawoof tapha xumuraaf darbuuf taasifamu irratti rukuttaa peenaalitiin Leestar Sitii kan mo'ate yoo ta'u, Leenjisaa Yargan Kilop tapha Arsenaal waliin qaban irratti qabxiin darbiinsaa marsaama tokkoon guyyuma tokkotti akka murtaa'u yaada jedhu akka qaban ibsan.
"Akka yaada kootti taphuma tokkoon osoo murtaa'ee gaarii ta'a. Haata'u malee akkuma beekamu yaada kooti waan ta'eef baayyee fudhatama waan aragatu natti hin fakkaatu,'' jedhan.
"Yeroo lama kan taphatamu yoo ta'e taphattoonni kiyya yeroo lama taphachuuf deemu jechuudha. Garuu dorgommichi osoo taphuma tokkorratti murtaa'ee wayya.''
Liivarpuul tapha kaleessa galgalaa irratti goolii 3 fi 1'n kilaba Leestariin kan durfamaa ture yoo ta'u, boodarraa ka'uun goolii lama galchuun walqixa ta'e.
Taphichi qabxii walqixaa, 3 fi 3n, waan xumurameef rukuttaan peenaalitii kilaboota adda baasu kenname, haala kanaan Liivarpuul 5 fi 4'n mo'ate.
Tapha kana booda falmii tapha isa xumuraaf godhamuuf Liivarpuul Arsenaal waliin taphata.
Dursaan taphattoota Liivarpuul Joordaan Heendarsan sagantaa BBC Sport waliin turtii taasiseen ''Eenyullee kan nageenyummaa taphattootaaf dhiphatu hin jiru,'' jedhe.
"Waa'ee nageenyummaa taphattootaa kanan dubbadhu amma qofa miti. Waggoota ja'an darbaniif nageenyummaa taphattootaaf xiyyeeffannaan yaa kennamu jedheen iyyaa ture.''
Kaleessa galgala tapha dorgommii waancaa Kaarabaawoof taasifamuuf Weest Haamiin 2 fi 1n kan injifatan leenjisaan Tootenhaam Antooniyoo Kontees gamasaaniin yaaddoo gama Liivarpuulii ka'e akka qooddatan ibsaniiru.
"Taphi lama ta'uun hafee taphuma tokkorratti abbaan darbe osoo murtaa'ee yaada jedhun filadha. Keessattuu haala amma keessa jirruun yaadi kun akkaan bayeessa,'' jedhan.
Leenjisaan Leestar Siitii Bireendaan Roojarsi ammoo Piriimiyer Liigiin tapha tokkorratti hanga taphattoota shaniitti jijjiirraa akka taasisan akka eeyyamu gaafataniiru.













