Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miseensa kongirasii US irratti guyyaa adii shugguxiin itti qabamee saamamani
Biyya Ameerikaa magaalaa Filaadelfiyaatti saamtonni miseensa kongirasii US kan bulchiinsa Filaadelfiyaa ta'an shugguxii itti qabanii konkolaataafi qabeenyaa kaan irraa saaman.
Taateen kuni guyyaa adii kan raawwate yoo ta'u saamtonni lama mobaayilii mootummaan itti kenne akkasumas waraqaa eenyummaa isaanii dabalatee fudhataniiru.
Miseensi dimokiraatikii kuni akka hin miidhamne waajjirri isaanii beeksiseera. Saamtota kana adamsuu keessatti Qorannoon Poolisii Federaalaa (FBI) tumsa taasisaa jira.
Akkuma magaalota US kaan, magaalaa Filaadelfiyaa keessattis waggaa darbe kana yakki humna dabalate dabaleera.
Kantiibaan magaalatti Jim Kenii ofii isaanii miseensa Dimokiraatii ta'an wanti raawwate ''rifaasisaadha'' jechuun ibsa baasaniin himan.
Aadde Sikaanlon erga paarkii Kibba Filaadelfiyaa jiru daawwatani konkolaataa isaaniitti deebi'aa jiraniiti saamtota lamatti kan walitti dhufan.
Konkolaataan SUV itti dhihaatee dhiironni lamaan konkolaataa keessa jiraniifi meeshaa qabatan furtuu konkolaataafi meeshaa isaanii fudhatani.
Akka waajjirri isaanii jedhetti miseensi kongirasii kuni walgahii hojiif achi dhaqani.
Akak gabaasa CBS'tti bara 2021 keessa saamichi konkolaataa 80%'n guddateera.
Akka gabaasa barruu Wool Istiriit Jornaalittimmoo baruma 2021 keessa bulchiinsichatti namoonni 544 ajjeefamaniiru. Bara 2019 namoota 347'tu ajjeefame.
Aadde Sikaanloon bara 2018 kongirasii kan seenan yoo ta'u labsii riformii poolisii namoonni fayyaa sammuuf gorsa kennan rakkoo 911 irratti gabaafamuuf poolisoota waliin akka deeman gaafatu tumsaniiru.
Miseensi kongirasii kuni saamamuun isaanii kan dhagahame miseensi mana maree ummataa US biroo Chikaagootti shugguxiin itti qabamee erga saamamee sa'aatii 24 boodadha.
Poolisiin akka jedhetti, Senaatarri bulchiinsa Iliinooy Kimberlii Laayitfordiifi abbaa warraa isaanii jalaa kanneen shugguxii qabatan konkolaataa Maarchadisii jalaa fudhataniiru.