Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni murtii ajjeechaa Hayimaanot Badhaadhaa irratti murtii adabbii kennuuf beellama qabate
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhimma ajjeechaa shaamarree Hayimaanot Badhaadhaa irratti murtii adabbii kennuuf beellama qabachuu MInisteerri Haqaa beeksiise.
Yunvarsiitii Finfinnee Hospitaala Xiqur Ambassaa keessatti barattuu digirii Lammaffaa kan turte shamarree Hayimaanot Badhaadhaa, mooraa mana barumsichaaa keessatti osoo kutaa Laaboraatorii keessa jirtuu haala sukkaneessaadhaan ajjeefamte.
Galmeen himata abbaa alangaa akka mul'isutti, shamarree tana ajjeesuudhaan kan himatame dargaggoo Dagginnat Warquu, ALI Caamsaa 17 bara 2012 naannoo sa'aatii sagaliitti mooraa hospitaalichaa kutaa laaboraatoorii iddoosheen qorannoo hojjechaa jirtu gamoo afraffaarra bahuun yakka kana raaawwachuun kan ibsame.
Himatamaan kun kutaa isheen keessa jirtu erga seeneen booda balbala karaa keessatiin qollofuudhaan halbee qabatee jiruun lapheerra waraanuun, mormasheerras waraanuun hidda dhiigaa kutee dhiigni hedduu akka dhangala'u gochuun lubbuun ishee akka darbu godheera jedha galmeen abbaa alangaa.
Ajjeechaa kana erga raawwateen boodas qabeenya miidhamtuu kanaa kan ta'e bilbila Iphone, laaptooppii, cheekii fi birrii waliigalatti qabeenya birrii kuma 27 baasu fudhachuudhaan abbaan alangaa yakka cimaa raawwate jechuun himata irratti banee ture.
Odeessaalee biroo:
Bu'uuruma kanaan Manni Murti Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti Dhadhachi yakkaa ajjeechaaa namaafi yakkoota cimoo himatamaaa kanaaf badii raawwate erga dubbiseefiin booda yaada amantiifi waakkii akka kennuuf gaafateera.
Himatamaan kunis yakka kana hin raawwanne jechuudhaan jecha waakkii isaa waan kenneef abbaan alangaa ragaalee namaafi sanadaa himatamaan kun yakka kana raawwachuu isaa naaf mirkaneessan jedhe mana murtiitiif dhiheesseera.
Maanni murtiis ragaa abbaan alangaa dhiheesse kanarratti himatamaan kun akka ofirraa ittisuuf ajaja kennee turus, himatamaan kun ragaalee irratti dhihaatan ofirraa ittisuu waan hin dandeenyeef murtiin yakka raawwachuu irratti kennameera.
Manni murti olaanaa federaalaa nama shamarree Hayimaanoot Badhaadhaa ajjeesuudhaan yakka raawwachuu isaa mirkaneeffate kanarratti murti adabbii kennuudhaan duratti himatamaan kun sababoota adabbii naaf xiqqeessu jedhu akkaa dhiheeffatuuf gaafatee ture.
Himatamaan kun sababoota murtii adabbii naaf xiqqeessaan jedhu dhiheeffaachuuf yeroo ji'a sadii kan gaafatee ture yoo ta'u, dhaddachi garuu yeroo ji'a tokkoo keessatti qabatee akka dhihaatu jechuun Muddee 7 bara 2014'tti beellama qabatee ture.
Haata'uutii guyyaa manni murti beellaame kanattis himatamaan kun sababoota adabbii naaf xiqqeessu jedhu qabatee waan hin argamneef yeroon dheeraan naaf haa kennamu jechuun irra deebiin mana murtichaa gaafateera.
Abbaan alangaa gamasaatiin himatamaan kun sababoota adabbii xiqqeessaniif akka dhiheessuuf mana murtiitiin yeroon gahaan waan kennameef, itti yaaduudhaan adeemsa murtichaa gufachiisaa waan jiruuf yeroon dabalataa kennamuufii hin qabu jechuun falmeera.
Manni murtichaas yaada abbaa alangaa kana fudhachuudhaan himatamaa kanarratti murtii adabbii kennuuf Muddee 25, bara 2014tti beellama qabateera.
Magaala Matahaaraatti dhalachuun Adaamaatti kan guddatte shamarree Hayimaanoota Badhaadhaa, Yunvarisiitii Miizan Teeppiitti qabxii olaanaa galmeessuudhaan gosa barnota Faarmaaasiitiin achumatti barsiisummaadhaan qacaramtee turte.
Ergasiis barnoota ishee digirii lammaffaaa (MSC) Yunvarsiitii Finfinnee Hospitaala Xiqur Ambassaatti barachaa kan turteefi eebbaaf ji'ootni yeroo hafuufi qorannoo eebbaa osoo hojjechaa jirtuu mooraa mana barumsaasichaa keessatti haala sukaneessaan ajjeefamte.