Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin ajjeechaa Joorj Filooyidiin yakkamaadha jedhame yakka sana raawwachuu amane
Ameerikaa kutaa bulchiinsa Miniyaapoolis keessatti poolisiin nama gur'aacha lammiin Ameerikaa ta'e Joorj Filooyid morma irra daqiiqaa sagalii oliif jilbeeffatee turuun lubbuun isaa akka darbuuf sababa ta'e Deerik Chaavin mirga sivilii Filooyid sarbuu isaa amaneera.
Poolisiin umuriin isaa waggaa 45 ta'e kun Filooyidiin ajjeessuu isaatiif waggaa 22 itti murtaa'ee hidhamee jira. Adabbii ilaalchisee jaarsummaa abbaa alangaa waliin taasisaa jiruun ture Roobii kaleessaa jecha waakkii kanaan dura kennee ture kan deebiyee amane.
Akka waliigaltee kanaatti adeemsi himannaa ji'a dhufu dhaga'amuuf kan dhiyaatu yoo ta'u, hangi addabbii gadi siquuf ta'a jedhamee eegama.
Miseensi poolisii duraanii kun himannaa lamatu irratti dhiyaate.
Kan jalqabaa Joorj Filooyid harki isaa wayita hidhamee jirutti morma isaarra jilbeeffachuudha; kan lamataa ammoo erga to'annoo jala oolfameellee wallaansa fayyaa barbaachisu akka argatuuf gargaaruu dhiisuu isaati.
Namni kun ajjeechaa Joorj Filooyidiin alattis bara 2007 keessa yeroo ijoollee umuriin waggaa 14 ta'e tokko to'annaa jala oolchetti sarbama mirgootaa raawwate dabalatee akka yakkamaa ta'e amaneera.
Miseensi poolisii kun yakkamaaha erga jedhamee booda ol iyyannoo kan gaafate yoo ta'u, bakka adda baasanii keessa nama tursiisan keessatti hidhamee akka jiru beekameera.
Yakkamaa akka ta'e jecha amma hin kenne kan ammaa caalaa yeroo hidhaa itti dheeressuu akka danda'u ni tilmaamama.
Abbootiin alangaa mirgoota sivilii poolisiin kun cabse hidhaa hanga waggaa 25 akka adabamu gaafataniiru. Poolisoonni biroo lama yeroo Joorj Filooyod ajjeefamu turan ji'a Bitootessa dhufu himannaan isaanii dhaga'amuu jalqaba.