Saayintistoonni rookkeetiifi hakiimonni sammuun namoota kaan caalaa qaxaleedhaa?

Madda suuraa, Getty Images
Saayintistii rookkeettii ykn hakiimaa wal’aansa sammuu baqaqsanii hodhuu ta’uuf yaada qabduu? Kana dhugoomsuun ni danda’ama.
Akka qorannoon tokko ibsutti namootni hojii kana lamaan keessatti hirmaatan, namoota kaanirra qaxaleedha jechuu miti.
Injinaarota geejjiba hawaa 329 fi hakiimoota wal’aansa sammuu baqaqsanii hodhuu 72 beekumsa isaani beekuuf qorattoonni gaafataniiru.
Bu’aan qormaata kanaa, Barruu Meedikaalaa Biriitish (British Medical Journal) irratti maxxaanfame, kan uummata Biriitish waliin garaa garummaa xiqqaa qaba ture.
Qorattoonni akka jedhanitti, qorannoo kana kan geggeessan namootni hojii kana irratti hirmaatan namoota kaanirra qaxalee ta’uun akka isaan gargaaru ilaaluufi ture.
Dabalataanis ilaalcha uummatni hojiiwwan kanaaf qabu dhugaa irratti kan hundaa’e akka ta’e adda baasuuf ture jedhu.
Hanqinni namoota hojii kana irratti hirmaatanii waggooti dhufan keessatti akka jiraatu tilmaame yemmuu jirutti, qorattoonni ilaalcha hojii kana irratti jiru geeddaruun tarii namootni dame saayinsii kana keessatti akka hirmaatan gochuu danda’a jedhanii yaadu.

Madda suuraa, Getty Images
Namootni hojii kunneen lamaan hojjatan qormaata dameewwan beekumsaa ja’a irratti kan qoraman, qormaata jalqaba kolleejii Impeeriyaali, Landan jiruun uumame 'Great British Intelligence Test' jedhamu fayyadamuun inteerneeta gubbaatti qoramani.
Qormaatni kun wantoota akka yaadannoo hojii, dandeetti xiyyeeffannaa fi miraa irratti kan qophaa’ee yoo ta’u, qoramtoonnis wa’ee umurii, korniiyaa fi muuxannoo hojii isaanii gaafatamaniiru.
Bu’aan qormaatichi gartuulee lamaan gidduutti kan madaalame yoo ta’u, ragaalee kanaan dura lammilee Biritish 18,000 ta’an irraa funaaname fayyadamuuni.
Bu’aan qormaata kanaa, hakiimotni wal’aansa sammuu baqaqsanii hodhuu gaffilee akka hiika jechoota adda ta’anii himuu irratti saayintistoota rookkeettii caalaa qabxii foyya’aa akka argatan mul’iseera.
Injinarootni geejjiba hawaa ammo, gaffilee xiyyeeffannoo gaafatanii fi kan akka fakkii wayii yaada ofii keessatti jijjiiruu irratti hakiimoota caala qabxii foyya’aa galmeessisaniiru.
Yeroo qabxii uummataa waliin madaalamu garuu, saayintistoonni rookkeetii gaaffi kam irrattiyyuu adda addummaa guddaa hin agarsiifne.
Saayintistonni sammuu(Neuroscientists) ammo gama isaaniin, gaaffii lama qofa irratti qabxii addaa argatan : ariitiin rakkoo furuu danda’u, garuu waa yaadachuun isaanii barfataa ture.
Qorattoonni akka jedhanitti kun sababa “ hojiin hakiima sammuu ariitii waan barbaaduuf… ykn sababii leenjii yeroo gabaabaa keessatti murtee murteessuu waan qabaniif ta’uu danda’a.”
“Hakiimooti wal’aansa sammuu baqaqsanii hodhuu fi injinarootni geejjiba hawaa, lamaan akkanumaan bakkaa guddaa kaa’amani,” jedha qoranichi. “Hojiin biros bakka guddaa akkanaa argachuun isaaniif mala ta’a, qorannoon egerees ammo hojii bakka akkanaa isaaniif malu argachuu qaba.”













