Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Eluud Kipchoogee: Seenaa haaraa mootichi maraatoonii galmeessuu fedhu isa hafe maal?
- Barreessaa, Rebekaa Adaams
- Gahee, BBC Sport Africa irraa
- Maxxanfame
Atileet Eluud Kipchoogeen atileetii cimaa riikardii maaraatoonii addunyaa harkaa qabuufi nama yeroo jalqabaatiif sa'atii lamaan gadiin fageenyicha xumuredha.
Atileetiin umuriin isaa waggaa 37 ta'e kun ispoortessitoota kaan irra sadarkaa baayyee olaanaa qabaachuu ifatti agariiseera. Kanaaf, baayyeen lammiileen Keeniyaa seenaa keessatti maaraatonii dhiiraatiin akka caalaan kan amanan.
Tarree miilkaa'inasaa fiigiicha dheeraatiin alattis, Singaapoor, Jaappaan keessattis mo'achuun, nama injifannoo isaa Maaraatoonii Oloompikii eegsiifate sadaffaa ta'eera.
Atileetiin Itoophiyaa beekamaa Ababbaa Biqilaa bara 1960 keessaafi atileetiin Jarman Bahaa Waaldemaar Cierpinski bara 1976 fi 1980tti, mo'icha Kipchogeen wal fakkaatu galmeessanii ture.
Kipchoogeen atiileetii cimaa Afriikaa bara kanaa BBC keessaa tokkodha.
''Olompiikii irratti walitti aansuun warqee mo'achuun baayyee yeroon itti gammadeedha,'' jedhe Kipchoogeen.
''Waan baayyee hojjadheera, garuu Tookoyoo 2020 waan hunda bu'uura qabsiise. Waanaan hojachaa ture lafa naaf qabsiise.''
Injifannoon isaa kunis waggoota shantama keessatti maaraatoonii Olompikii dhiiraatiif sadarkaa injifannoo olaanaa qaqabedha jedhameera. Kanaanis Koree Olompikii Idil-addunyaa akka Kipchogee morkiiwwan atileetiksii dhiiraatiin filataniif amnsiisuu danda'eera.
Amaloonni Kipchoogeen ittiin beekamu kan 'waan hundu ni danda'ama jedhu' dirree Olompikii hundatti dhaadannoo barame ta'uurra gaheera.
"AKka ilma nanaatti abdii qabaachuufi hundatti himuun dhuggaatti baayyee murteessaa ture, akka carraa ta'ees beekumsaafi dandeettii ittiin rakkoolee injifannu qabna,'' jedha Kipchoogee yeroo ubbatu.
Nama Maaraatoonii
Kipchogeen warqeen inni Olompiikii Jaappaan irratti argate walumaagalatti meedalaa arfaffaaadha. Kanaan duras fiigiicha meetira 5000n bara 2004 fi 2008tti naasaa fi meetii argateera.
Medaaliyaawwan kunneen milkaa'ina inni rikkoordii addunyaa maraatoonii bara 2018 Barliinitti saatii lamaafi daqiiqaa tokkoofi sekondii 39n galuun kanaan dura qabamee kan ture sekondii 80n foyyeesse irratti dabalataadha.
Waggaa tokkoo booda, akka qaama morkii satii INEOS 1:59 ta'een galuu Veenaa keessatti gaggeeffameen, haalota gahumsa isaa cimsuu danda'aniin gargaaramuun yeroo jalqabaatiif maraatoonii sa'aatii lamaan gadiin xumurureera.
''Dorgommiin kiyya inni olaanaan daangaa sa'aatii lamaa sana cabsuudha,'' jedhe. ''Sababiin isaas, tokkoffaa seenaan hojjadhe akkasumas waan ati jettuufi irratti hojjattee tokkoo milkaa'uu akka danda'uun ummatatti ittiin hime,'' jedhe.
Umurii fi milkaa'inawwan isaatiin malee, Kipchoogeen gonkumaa mallattoo hiriisuu agariisee hinbeeku.
"Karoora kiyya keessatti waan baayyeen tarreeffadheen qaba garuu wanti guddaan maraatooniiwwan gurguddoo ja'an hunda dorgomee hunda isaanii mo'achuudha - kun morkii yeroo itti aanutti na eeggatanidha."
Kipchoogeen dogommiiwwan maraatoonii magaalota Landan, Barliin fi Chikaagoo keessatti mo'ateen rokkoorddiiwwan qabateera, kan jechuun ammoo Bostan, Niiwu Yoorkiifi Yookiyoottis ni mo'ata jechuudha.
Leenjisaan Kipchoogee waggaa digdamaaf waliin hojjechaa ture Paatriik Saang shaampiyoona addunyaa fiigicha fageenya 5000m irraa haala ajaa'iba ta'een gara rekkoordiiwwan maraatonnii caccabsuutti ce'e kana ni milkeessa jedhe.
"Yeroo inni itti soorama bahu ni jira, garuu yeroo ammaa gahumsa olaanaa ta'een ni dorgoma," jechuun cimina Kipchoogee kana hima Saang.
"Waggoota dhufan keessa milkaa'ina caalu inni galmeessisuuf jiru arguuf jirra."
Qalbii kunuunsa qabeenya uumamaarratti
Seenaa dhalootaaf darbe Kipchoogeen dirree ispoortii irratti hojjete amansiisaa akkuma ta'e, gara fuula duraattis wanta yeroo mara yaadatamu uumee hojjetee darbuu barbaada.
"Seenaa namoonni yeroo fuula kiyya argan ittiin na yaadatan tokko hojjechuun barbaada," jedhe. "Maqaan kiyya maqaa gama ispoortiin gahumsa qaamaakunuunsa qabeenya uumamaafi barnootati"
Fulbaana keessa, Faawondeeshinii Eliyuu Kipchoogee dhimmoota kanneen sadan irratti xiyyeeffachuun hojjetu hundeesseera.
"Bakka qilleensi faalamaa ykn xuraa'aa ta'e keessatti osoo hin taane qilleensa qulqullaa'aa ta'e keessatti leenji'uu qabda jedha qorannoon," jechuun ibsa.
"Namoonni mana isaaniitii jabina qaamaatiifi fayyaa isaaniitiif fiiguu qabu. Faawondeeshiniin kiyya manneen kitaabaa ijaaraa jira; oolmaa daa'immanii, manneen barumsaa sadarkaa tokkoffaafi sadarkaa lamaffaa keessatti manneen kitaabaa qabaachuun akka nurra jiraatu yaaduu qabna."
"Anaaf fiigicha jechuun jireenya kiyyadha - fiigicha malee jireenyi hin jiru," jedha. "Fiigichatu jireenya naaf ta'e; fiigichatu ijoollee kiyyaafi obbolaan kiyyaaf biddeena ta'e."
"Fiigichi akkan namoota hedduu hamilee keessatti horee kakaasuufi namni kamiyyu eessallee gahuu akka danda'u itti himu na dandeessisedha"
Kipchoogeen kan dhimmamu jaalala ispoortiif qabu qofaaf miti 'hawwii guddaa 'guutummaatti namoota, daa'immaniifi dargaggoonni guyyaa guyyaan akka hamilee hortan gochuufidha.
Namni fiigichaan beekamu dhumarratti yeroo kophee isaa fannisu, callisee galee taa'ee soorama miti- maraatoonii haaraa kan biraa jalqabuun pilaaneta haaraa uumuurratti ergaa lallabuu qaba malee.
"Hojii baay'ee yoo kan hin qabaanne ta'ellee, addunyaarra naanna'een akka daa'imman fiigichaaf jaalala horatan kakaasa," jedha.
"Kunuunsa uumamaa ilaalchisee, akkasumas waa'ee ispoortiifi barnootaa ilaalchisuun bakka gara garaatti imalee barsiisuus nan fedha."
Kipchoogeen maraatoonii kiiloomeetira 42.195 ykn maayila 26.2 akkaumas, hojii Faawondeeshinii isaatiin karoorfate akkuma karoorfatetti yoo hojiin agarsiisaa dhalootas qaraa deeme, addunyaan caalaa bakka jiraachuuf mijoofta ta'aa deemte.