Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Olaaf Shoolz bakka Merkel bu'uun Chaansilara Jarman ta'an
Merkel erga waggoota 16 bulchiteen booda Olaaf Shoolz gamtaa paartilee sadii gaggeessuuf Chaansilara ta'uun waadaa galan.
SHoolz paarlaamaa Jarmaniin kan gamtaan paartilee sadii keessatti sagalee caalmaa qabaniin filatame. Akkuma filatameen muudama isaatiif yeroo gara waltajjiitti ba'us hundumtuu lafaa ka'anii dhaabachuun simannaa ho'aa taasisniiruuf.
Paartiin isaa sirna Kaappitaalizimiifi dinagdee gabaan durfamutti amanu Sooshaal Dimokiraatis jedhamu warra Giriins fi Firii Dimokiraatis jedhaman waliin ta'uun biyya bulchuuf deema.
Sirni aangoo walitti dabarsuu kun turtii Aadde Merkel waggoota 31f siyaasa keessatti taasifteef xumura ta'a.
Ga'eessa umuriin isaa waggaa 63 ta'e Mr Shoolz, filannoo Fulbaana arbe taasifae keessatti paartiin isaa Soohaal Dimokiraatonni akka mo'ataniif gahee guaa gumaacheera. Bulchiinsa Merkel keessattis Chaansilara itti-aanaa ta'uun milkaa'ina gaarii fidaniiru.
Paarlaamaan Jarman maqaa Bundestag jedhamuun beekamu muudama isaa kana sagalee deggarsaa 395 fi mormii 303 raggaasiseera. Isaan booda Mr. Shoolz pirezidantii biyyattii Firaank Waalter-Isteenmiyeriin Chaansilara Federaalaa saglaffaa ta'uun muudamaniiru.
Erga filanootii, Mr. Shoolz paartileen Diriinsiifi Firii Dimokiraatis waliin waliigaltee tolfachuurratti hojjechaa turaniiru. Waliigalteen paatilee kunis humarratti Kibxata mallatteeffame.
Mootummaan haaraa hundaa'e kun jijjiirama haala qilleensaa irratti hojjechuuf karoora bal'aa kan qabu yoo ta'u, fayyadama dhagaa cilee hir'isuutiin inarjiiwwan deebifamanii haaromfan irratti xiyyeeffachuuf jira. Isa ura garuu weerara koronaavaayirasii qolachuuf dursi kennama jedhameera.