Saaraa Jilbeerti: Weerarri koroonaatti aanee dhufu baay'ee hamaa taha- Talaallii kan hojjete

Saaraa Jilbert

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Beckii Morton
    • Gahee, BBC News
  • Maxxanfame

Weerarri fuulduratti mudatu koroonaavaayirasii caalaa hamaa akka tahu, namoota talaallii Astraazeenekaa hojjetan keessaa tokko kan taate akeekkachiifte.

Pirofeser Dame Saaraa Jilbert ibsa Riichaard Diimbilii 44ffaa irratti, lubbuun akka hin badneef weeraraa itti aanuuf qophaa'uuf fandiin kana caalu barbaachisa jette.

Akkasumas talaalliin amma kennamaa jiru qaccee koroonaa 'Omicron' jedhamuuf guutummaan guutuu bu'a qabeessa ta'uu dhiisuu danda'a jechuun akeekkachiifte.

Akkasumas hanga sirriitti beekamutti uummatni of eeggannoo gochuu akka qabu himte.

Akkas jette. ''Vaayirasiin jireenya keenyaaf yaaddoo kan tahu kun isa dhumaaf miti. Dhugaan isaa inni itti aanu hamaa tahuu danda'a. Baay'ee kan namaa namatti daddarbu, kan ajjeesu yookaan ammoo lamaan isaayyuu tahuu danda'a.

''Haala keessa darbine ammas akka tahu hin eeyyamnu, Kisaaraa dingadee hammi sun gahe jechuun ammas weeraraaf qophaa'uuf fandiin hin jiraatu jechuudha,'' jette.

''Guddinni agarsiifne beekumsi arganne baduu hin qabu.''

Waa'ee Omicron yoo dubbattu pirootiniin of keessaa qabu qaccee akka inni haalaan dadarbu taasisu of keessaa qaba jette.

''Garuu jijjiiramni dabalataa jiraachuu danda'u farra dhukkubaa talaalliin kennamu yookaan faalama gosa vaayirasii biraan dhufuun, talaalliin kennamu Omicron ittisuu irratti laafaa tahuu danda'a.

''Hanga waa'ee isaa dabalataan barrutti of eeggannoo gochuun facaatii isaa xiqqeessuu qabna,'' jette.

Haa tahu malee jette Saaraan faalamaa fi dhukkubbii sasalphaa ittisuu xiqqeessuu jechuun dhukkubbii hamaa fi du'aatii gahu ittisuu dadhabuu jechuu miti.

Akkasumas yeroo weeraraa keessa talaallii fi qorichoota ariitiin dhiyeessuun barsiifata akka tahuuf waamicha goote.

Dhimma itti talaalliin utaalloo waliigalaa qophaa'ee yaaddoo infuleenzaan fidu hin balleesineef hin jiru jette.

Sanbata darbe mootummaan Uk namootni gara biyya UKtti imalan osoo hin qajeeliin dura qorannoo Covid godhachuu akka qaban hime.

Kibxata irraa eegaluun imaltootni umurii 12 ganna olii ragaa PCR kan sa'a 48 hin caalle negatiivii tahuu isaa agarsiisuu qabu.

Naayijeeriyaanis faalamni Omicron daballaan biyyoota gara sanatti akka hin imalamneef adda bahan keessatti galmoofteetti.

Dilbata kana UK'n namoota haaraa Omicron qabaman 86 galmeesiteetti. Kun lakkoofsa waliigalaa 246 gaheera. Akkasumas guyyoota 28 keessatti namoota 43,992 qaban keessaa kan du'an 54 du'aniiru.

Talaalliin Oxford-Astrazeneca adunyaa irratti kan baay'ee hojiirra oole yoo tahu gara biyyoota 170tti rabsameera.