Barattoonni maatii warra duulanii akka gargaaraniif manni barumsaa torbee tokkoof cufamuuf

Hojiiwwan barattoonni irratti hirmaatan keessaa tokko oomisha walitti qabuudha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hojiiwwan barattoonni irratti hirmaatan keessaa tokko oomisha walitti qabuudha
Maxxanfame

Ministeerri barnootaa Itoophiyaa, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa biyyattii keessatti argaman hundinuu torbee tokkoof cufamuun, barattootaa fi barsiisota dabalatee hawaasni mana barnootaa hundi maatii warra duulanii akka gargaaran murteesse.

Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa kunneen Wiixata dhufu ALI Sadaasa 27 hanga Muddee 03 kan cufamanii fi barattoonni, barsiisonni fi hojjettoonni kaan haala qabatamaa naannoosaaniirratti hundaa'uun ''qabsoo biyyaa keessatti ga'ee akka gumaachan,'' ibsameera.

Murteen kun kan darbe aanga'oota ministeera barnootaa, biirolee barnootaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa gidduutti mariin erga gaggeeffamee booda ta'uu wayita labsiin kun ibsamu eerameera.

Ministirri barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa, ''Biyya malee jiraachuun waan hin danda'amneef hunduu biyyasaa eeguuf dirqama qaba,'' jedhan.

Dameen barnootaas haala qabatamaa yeroo ammaa biyyattii keessa jiruun dirqamasaa ba'achuu waan qabuuf murteen kun darbe jedhan.

Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa guutuu biyyattii keessa jiran yeroo cufamanitti barattoonni, barsiisonni fi hojjettoonni damee kanaa hundinuu kanneen naannoosaaniitii duulaniif oomisha walitti qabuu akkasumas maatiisaanii gargaaruu dabalatee hojiiwwan garaagaraa hojjechuun dabarsu.

Kana malees hawaasi manneen barnootaa hunduu hojii tajaajila biyyaaf oolu keessatti qoodasaanii ba'atu jedhameera, kanneen keessaa tumsi maallaqaa, dhiiga arjoomuu fi galaa qopheessuun isaan ijoodha.

Tibba barattoonni torbee tokkoof barnootasaanii addaan kutanitti wayitii barnootaa booddeetti hafe karaa daree dabalataa bakka buusuun akka danda'amus ibsameera.