Waraana Itoophiyaa: Yuunvarsiitiin ragaa barnootaa idileen kenne deebisee mulquun seera qabeessaa?

Eebbiifamtoota

Madda suuraa, AAU

Maxxanfame

Yuunivarsiitiin Finfinnee dhiheenya kana namoota yuunivarsiitichaa eebbifamanii humnoota shororkeessitootaa deeggaran irratti tarkaanfii hanga ragaa barnootaa isaanii haquutti akka fudhatu erga akeekkachiiseen booda dhimmichi dubbii ijoo ta'eera.

Erga waraanni Kaaba Itoophiyaatti Sadaasa 4, 2020 jalqabee as dhaabbilee barnoota olaanoo biyyattiin akeekkachiisni akkasi yoo dhagahamu yuunvarsiitiin Finfinnee kan jalqabaati.

Akeekkachiisa kanaan boodas Yuunivarsitiin Gondar sababii viidiyoo walgahii dippilomaatootaafi namoota beebbeekamoo miliqee bahe jedhame tokkoo irratti hirmaataniiru jedhuun doktora kabajaa Dr Illeenii Gabra Madihiiniif kennee ture haquu beeksiisuunsaa ni yaadatama.

Miidiyaalee hawwaasaa irratti dhaabbanni barnootaa ol aanaa biyyattii keessatti isa hangafaa tahe akkamiin garee siyaasaa tokkoof looguun ragaa barnootaan doorsisa jechuun namoonni baay'een qeeqaa turan.

Yuunvarsiitichi ibsa miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, barattoonni isaa duraanii hedduun adunyaa guutuutti gochaa garee shororkeessaa balaaleffachuun gidduu galtummaa biyyoota lixaa fuuldura dhaabbachaa jiru jedhe.

Haatahu malee namoonni dhuunfaa muraasni oolmaa yuunvarsiitichi biyyaaf oole 'ganuun garee shororkeessaa biyya diigaa jiru' waliin dhaabbachuun osoo icciitiin 'shira xaxanuu' bira gahameera jedheera.

''Qaamoleen kunneen gochaa keessan irraa akka of qusatan, yoo hin taane ammoo tarkaanfii seeraa hanga digirii keessan mulquutti fudhanna'' jechuun akeekkachiise.

Ibsa ejjennoo qabxiilee sagaliin yuunvarsiitichi baase keessaa kan jalqaba ''nuyis hogganaa keenya duuba hiriirree hanga adda waraanaatti ni duulla'' jedheera.

Yuunvarsiitiin Finfinnee dhaabbilee barnoota olaanoo adeemsa baruu fi barsiisuu biyyattii keessattis gumaacha ol aanaa kan bahatee fi umurii dheeraa lakkoofsisedha.

Gumaata dhaabbanni barnootaa kun gama hayyoota damee hedduu horachuun taasiseen maqaa guddaa horateera.

Haatahu malee haala adda ta'een dhiheenya kana barattoota isaa duraanii kanneen garee shoroorkeessaa deeggaran jedheen irratti hanga digiriin kennef mulquutti nan deema jechuun dhagahame.

Ofii tarkaanfiin kun bu'uura seeraa qabaa?

Yuunvarsiitiin tokko digirii namni tokko ulaagaa yuunvarsitichaa fi adeemsa baruufi barsiisuu biyyattii guutuun itti dadhabee fudhate mulquu danda'aa jechuun namoonni hedduun kaasu.

Kana ilaalchisuunis UKtti Yunvarsitii Keeliitti barsiisaa seeraa kan ta'an Dr Awwal Aloo, sababiiwwan dhaabbanni barnoota olaanaa tokko digirii barataasaa ittiin haquu danda'u akkasiin tarreessan.

''Yoo haalli namni tokko digirii ittiin argate rakkoo qabaate, maqaan ittiin digirii sana fudhate kan nama biraa yoo tahe, qorannoo isaa irratti qorannoo nama biraa yoo hate [plagiarism], dharaan fudhachuun isaa yoo irratti mirkanaa'e jalaa mulquu danda'a'' jedhan.

Kanaan alatti sababii ''Ilaalcha siyaasaatiin yuunvarsiitiin barataa isaa duraanii irraa digirii fudhachuun tahees hin beeku, bu'uura seeraas hin qabu,'' jedhan.

Yuunvarsiitichi tarkaanfii kana ni fudhata jedhes hin eegu kan jedhan Dr Awwal, yaaduma kana ibsuun mataansaayyuu garuu ''qaaniidha'' jedhan.

Akka Dr Awaal jedhaniitti, yuunvarsiitin tokko ragaa barnootaa barattoota isaaf yeroo kennu barattoonni sun karaa seeraa fi heerri ibsuun adeemsa bulchiinsa yuunvarsichaa erga guutanii, xumura irratti seneetiin ilaalee akka ragaa isaanii fudhatan murteesseeti.

''Yuunvarsiitiin digirii hojii namni tokko hojjete irratti hundaa'ee namaa kennama. Ilaalchi siyaasaa namni tokko qabu karaa kamiiniyyuu hojii namni tokko hojjete argate balleessuu ykn gatii dhabsiisuu hin danda'u,'' jedhan.

Ibsa ejjennoo yuunvarsiitii Finfinnee tibbana baase keessatti hojiin isaa tokko nageenyaafi tasgabbii biyyaa eegudha jedha.

Dr Awwal Aloo ammoo, ''kun kaayyoo yuunvarsiitiin ala. Hojiin yuunvarsiitii inni guddaan bakka yaadni, beekumsi itti oomishamuu fi dagaagu ta'un uummata tajaajiluudha. Dhimmi nageenya kabachiisuu hojii mootummaati malee kan isaa miti,'' jedhan.

Mormii siyaasaa biyya keessa yoo jiraate, akka dimokiraatawaa tahee deemuuf hayyoota isaa gargaaree qorannoodhaan akka gumaachan godha malee digirii hojiin argatan nan fudhadha jechuun nama ''saalfachiisa'' jedhan.

Dabalataan dhaabbileen barnootaa gurguddoon idil-adunyaa walitti dhufuun qorannoo fi carraa barnootaa irratti waliin hojjettu.

Haatahu malee yoo Yuunvarsiitichi ejjennoo akkasii qabachuu kan mirga namoota kan mulqu tahe, bu'uura seeraas waan hin qabneef waliin hojjechuuf rakkoo uumuu danda'a jedhan Dr Awwal.

''Barataan tokko digrii yeroo isaa itti gubee, maallaqa isaas itti baasee dhadhabiidhaan kan argate irraa mulquun seera maleessa.''

Dhimma kanarratti ibsa dabaataa pirezidaantii yuunvarsiitii Finfinnee irraa argachuuf yaaliin irra deddebiin BBCn taasisee hin milkoofne.

Yuunvarsiitii fi siyaasa

Akka seera Itoophiyaatti dhaabbileen barnootaa fi amantaa siyaasa irraa bilisa tahuun socho'uu akka qaban eegama.

Adunyaa irrattis dhaabbileen barnoota olaanaa adeemsa baruu fi barsiisuun alatti ifatti yoo qaama tokko qofa deeggaruun siyaasa keessatti hirmaatan baratamaa miti.

Haatahu malee seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti qabsoo barattoonni yuunvarsiitii bara mooticha Haayile Sillaasee irraa eegaluun gaggeessaa turan bakka ol aanaa akka qabu himama.

Barattoonni biyyattii keessatti bulchiinsa gaarii fi dimokiraasiin bababl'achuu qaba jechuun qabsoo aarsaa guddaa itti kaffalan gaggeessaa akka turan seenaan ni hima.

Digirii isaanii jalqabaa yuunvarsiitii Finfinneetti irraa kan argatan hayyuun seeraa Dr Awwal, Yuunvarsiitiin siyaasa irraa bilisa haa tahu jechuun ulfaataa tahus garuu siyaasa garee tokko deeggaru tahuu hin qabu jedhan.

Yuunvarsiitiin walaba tahee socho'uu qaba kan jedhan Dr Awwal, garuu ammoo ''dhimma haqaa, wal qixxummmaa fi mirgaa irratti gidduu hin seenu jechuu mitis,'' jedhan.

Dhimmoonni hayyoonni baay'een qoratan kan akka siyaasaa, aaadaa, hawasummaa, haqaa fa'i guutummaan siyaasa irraa bilisa taha jechuun hin danda'amu jedhan.

''Namni yuunvarsiitii tokko keessa hojjetu ykn baratu jaarmiyaa tokko deeggaruufis mormuufis mirga heeraan kennameef qaba. Yuunvarsiitinis mirgoonni kunneen akka kabajaman gochuudha malee adabamuu qabu jechuun ifatti dubbachuun sirrii miti,'' jedhan.

Karaa qorannoo fi carraa barnootaa walii kennuun yuunvarsiitonni addunyaa adda addaa walitti dhufuun waliin hojjetu. Ejjennoo yuunvarsiitii Finfinnee amma agarsiise ammoo akka adunyaatti dhaabbilee barnoota olaanoo waliin hojjechaa jiru waliiniyyuu rakkoo keessa galchuu danda'a jedhan Dr Awwal.

Waraanni Itoophiyaatti waggaa tokko dura jalqabe gara naannolee ollaa akka Amaaraa fi Affaaritti babal'achuun dhaabbileen barnoota olaanoo Tigraayiif bakkeewwan waraanichi itti babalate keessatti argaman hojii baruu barsiisuu akka dhaabban dirqisiiseera.

Sababii kanaanis barattoonni dhibba hedduu yuunivarsitoota kanneen keessatti barataa turan (kan waggaa jalqabaatii hanga bara xumuraa gahanii turan) barnootasaanii yuunvarsitii dhaabaniiru.

Ministeerri barnoota biyyattiis barattoota kanneen yuunvarsitii birraatti ramaduun barnootasaanii akka itti fufan gochuuf karaa onlaayiniitiin akka galmaa'aniif waamicha taasisuun isaa ni yaadatama.